Shamarreen waltajjii dorgommii dhiistee baate akkamiin Miis Yunivars mo'atte?

Miis Meeksikoo Faatimaa Boosh

Madda suuraa, Getty Images

Faatimaa Boosh Magaalaa guddoo Taayilaand, Baankoogitti dorgommii Miis Yuunivars adeemsifamaa ture mo'achuun Jimaata kaleessaa gonfoo fudhatte.

Dorgommiin giiftii yuniivars filachuun miilanaa dheekkamsa kaasee tures xumurameera.

Dorgommii kana lammiin Taayilaand Piraaviinaar Saayi, lammaaffaa, Isteefaanii Abaasaalii Veenizuweelaa irraa sadaffaa, Maa Ahaatisaa Maanaaloo Filiippinsa irraa arfaffaa akkasumas Oliiviyaa Yaasee Koot di'vuwaar irraa shanaffaa tahuun dorgommii kana xumuraniiru.

Dorgomtuun ganna 25 lammii Meeksikoo jalqaba baatii Sadaasaa kana, qondaalli Taayilaand tokko dorgomtoota baayyee fuulduratti aariin ishee qeequun dabalataan, warra ishee deeggaran morkii keessaa akka baasuu dhaadachuun booda waltajjicha itti dhiistee baate.

Taateen kun madatee torbee ittaanu daanyaan lama dorgomichi haqa hin qabu jechuun keessaa bahan.

Dorgommiin akka addunyaatti waggootii dheeraaf adeemsifamaa jiru barbaachisummaan isaa gaaffii keessa kan seenaa dhufe yoo tahu,daawwataas dhabaa jira.

Taatee kanaafi Miis Meeksikoon dorgommicha mo'achuun ammoo ittuu falmisiisaa akka tahu godheera.

Diraamaa Baankoog

Dubbiin kan jalqabe namni miidiyaa Taayilaand maqaa guddaa qabuufi dorgommi kana qindeessuun beekamu Nawaat Itsaaeaagiraasiil Faatumaadhaan dorgommicha dura qabiyyee waltajjii kana beeksisu miidiyaa hawaasaa irratti hin qoodne jechuun yeroo qeequ jalqabedha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yeroo isheen mormii dhiyeessitu Nawaat eegdota waamuun warra ishee deeggaranis dorgommi keessaa akka baasu dhaadate.

Kanumaan Faatumaan kutaa dhiistee yeroo baatu dubartoonni kaanis ishee deeggaruun waliin bahan.

Dhaabbanni Miss Universe Organization amala Nawaat agarsiise ''hadheeffataa'' jedhe, michuun hojii kanaa Meeksikoo jiru Roochaa ammoo ergaa kara viidiyoo dabarseen nama kanaan ''dhaabii'' jedheenii.

Pireezidantiin Meeksikoo Kilaawudiyaa Sheenbaam Faatumaa jajachuun ''fakkeenya akkatti dubartoonni loogiin yeroo irra gahu ofirraa dubbatan,'' jetteeni.

Dorgommii marsaa dhumaa Jimaataa irratti Nawaat waltajjii irratti mul'achuu baatus namoota saganticha irratti argaman miidiyaa hawaasaa irratti maxxanse.

Ergasheen gonfoo fudhatteen booda afaan Taayiin ''jechoota biiliyoona dubbatamuu hin dandeenye,'' jechuun miidiyaa hawaasaa isaa irratti maxxanse.

''Bu'aa dorgommii kanaa namooti manaa ilaalan akka murteessan dhiisneerra..'' jechuun gaazexeessitootatti hime.

Deeggartoonni miidiyaa hawaasaa kaan ammoo diraamaan waltajjii duuba ture Meeksikoon yeroo arfaffaaf dorgommii kana akka mo'attu godheera jedhan.

Kanneen haqasheef gatii dhaabbatteef gonfoo kana kennaniif jechuun dubbatan jiru.

Lammiileen Meeksikoo baayyeen mo'ichasheefi mirgasheef dhaabbachuu isheef akkaan ishee leellisan.

BBC'n yaada Miss Universe Organization argachuuf yaalee ture.

Miidiyaa hawaasaa irratti dhaabbati Miss Universe Organization Faatumaadhaan leelliseera. ''Simboo, jabinaafi naatoon onnee addunyaa booji'e,'' jedhe.

Dorgommiin Miis Yunivars jedhamu kuni kan jalqabe bara 1952 yoo tahu marsaa 74ffaaf geggeefameera.

Dorgommiin kuni yeroo dheeraaf adeemsifamaa turus dhihoo garuu namoonni miidiyaaa hawaasaatti dacha'uurraan kan ka'e daawwataa dhabaa jira.