Waa'ee wal'aansa kaansarii cidhaanii dhiiroota miidhuufi Baayidan ittiin qabame kan beeknu

Madda suuraa, Reuters
Pireezidantiin Ameerikaa duraanii Joo Baayidan kaansarii cidhaanii (piroostaatii) hamaa ta'ee fi lafee isaaniitti babal'atuun qabamuusaanii barameera.
Baayidan oduu kana kan dhagahan Jimaata darbe erga torbee darbe mallattoo fincaan irratti mul'ateef doktoraan ilaalalamaniin booda ture.
Waa'ee kaansarii cidhaanii fi filannoowwan wal'aansa isaa isiin beekuu qabdan kunooti.
Kaansariin cidhaanii (prostate cancer) maaliidha?
Kaansariin cidhaanii tishuu xannacha cidhaaniin, kan kutaa sirna walhormaataa dhiiraa sanyii dhiiraa oomishuuf gargaaru irratti dhiibbaa qaba. Innis qaama saalaa (tussee) fi ujummoo fincaanii gidduutti argama.
Akka NHS jedhutti, dhukkubichi suuta waan guddatuuf yeroo baayyee waggootaaf osoo hin hubatamin guddachuu danda'a. Kana jechuunis, namoonni muraasni osoo wal'aansa hin barbaachisin waggoota dheeraaf jiraachuu danda'u jechuudha.
Haata'u malee, mallattoon yeroo baayyee hanga kaansarichi baayyee guddatutti hin mul'atu jechuudha.
Baayidan mallattoolee fincaanii hordofuun, mallattoolee kaansarii piroostaatii baay'inaan mul'atan keessaa isa tokko, hordofuun adda baafame.
Sababni isaas yeroo baayyee kaansariin cidhaanii kan adda baafamu erga guddachuun erga kalee fincaaniifi qaama saalaa waliin walqabsiisu irratti dhiibbaa uumuu eegaleen boodha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mallattoowwan isaa keessaayis, yeroo baay'ee fincaan itti dhagahamuu garuu ammi fincaan bahuu suuta ykn laafaa ta'e dhangala'uu ta'uu danda'a.
Kaansarii cidhaaniitiif qoratamuun qaama sakatta'iinsa fayyaa pirezidantii idilee ta'uu isaa Dr Jeefri Kuhlmaan, doktora duraanii Waayit Haawus bara pirezidant Baaraak Obaamaa dubbatan.
Kaansariin cidhaaniin gosa kaansanii, kaansarii sombaatti aanee du'a dhiirota Ameerikaa sadarkaa lammaffaa irratti akka argamu Waldaan Kaansarii Ameerikaa beeksiise.
Akka tilamaama Waldaan Kaansarii Ameerikaatti, US keessatti bara kana namoonni haaraan dhibee kanaan qabaman kuma 300 ol akka ta'an mul'isa. Dhiirota 8 keessaa gara tokko kan ta'an bara jireenyaasaaniitti kaansarii cidhaaniin ni qabamu.
Dhiironni umuriinsaanii waggaa 80 keessa jiran kaansarii cidhaaniitiin qababamuun isaanii ''waan hin baratamne'' ta'us, sadarkaa fi gosti kaansarii Baayidan yeroo adda baafameetti ''kan dhiironni baay'ee mudatuun caalaa guddateera'' jechuun ogeessi 'urologist MedStar Health' Dr Riyaan Kileearii BBC'tti himan.
'Gleason score' maali?
Kaansariin cidhaanii pirezidantii duraanii US ittiin qabaman kunis ''Score Gleason 9 jedhamuun kan beekamu'' ta'uu waajjirri isaanii ibsa baaseen kan beeksise.
'Score Gleason' karaa baay'ee beekamaa ta'ee fi carraa dhukkubni kun ittiin ammaachaa adeemuu fi babal'atu sadarkaan ittiin kennudha. Akkasumas kaansarii babalatee (metastatic) jedhamuunis beekama.
Addatti ammoo, seelonni kaansarii saamuda tokko keessatti maaykirooskooppii keessatti hammam akka hin baramne agarsiisa. Baayyinnisaas 6 -10tti kan deemu yoo ta'u, lakkoofsi ol'aanaa jechuunis kaansariichi cimaa ta'u agarsiisa.
Madaaliin kun kan shallagamu akkaataa seeliin kaansarii dhukkubsataa tokko keessatti argaman ja'a irraa eegala. Qabxiin gadi aanaan seelii kaansariif ramadame sadiidha. Kanaafidha qabxiin 'Gleason' inni gadi aanaan kaansarii adda baasuuf ja'a kan ta'e.
Qabxiin Gleason sagal kan akka Biden "kaansarii sadarkaa olaanaa" jechuudha. Seelonni kaansarii qabxii sagal qaba taanaan baayyee waan hin baramne fi kan dafee guddachuunsaa hin oolan.
Filannoowwan wallaansa Baayidan maaliidha?
Dhimma Baayidaniin, gosti kaansaarii isaa baayyee cimaa fi kan duraanu lafee keessatti babal'ateedha.
Akka Dr Jaamiin Vinood Biraahmbhaati, Garee Wallaansa Fayyaa Orlaandiitti 'Urologistii ta'an, sadarkaan tatamsa'inaa filmaatawwan wallaansaa ni daangeessa.
Yaaliiwwan wallaansaa kan akka keemooteraappii, Istroidsi fi wallaansi hormonee jedhaman kan jiran yoo ta'u, kamiin isaaniituu ''fayyiisuu hin dana'an'' jedhan.
"Dhukkubsataa tasgabbeessuu fi kaansarii to'achuuf filannoowwan yaalaa baay'eedha, garuu gonkumaa kaansarii kana guutummaatti hin balleessan."
Kaansariin Baayida qabamaniin, kan 'hormone sensitive' akka ta'e himama. Kana jechuun ammoo kaansarichi hormoonii fayyadamee guddata ykn cima jechuudha.
Gosoonni kaansarii akkanaa ammoo qoricha fayyadamuun hamma hormoonota qaama keessa jiran ugguran ykn gadi buusuun to'achuun ni danda'ama.
Dr Braahmbhaat kun ''meeshaa'' filannoowwan wal'aansaa Baayidaniif kan karaa banu yoo ta'u, akkamitti deebii akka kennu ilaaluuf ammoo ''torban ykn ji'oota'' fudhachuu danda'a jedhan.
Dr Kuhlmaan akka jedhanitti, Baayidan ulaagaalee hammatamuu yoo guutan, ''yaaliiwwan kilinikaa dhukkuba sadarkaa olaanaaf'' seenuuf filannoo qabaachuu danda'u.
Baayidanii fi maatiinsaa filannoowwan yaalii gamagamaa akka jiran himama.
'Prognosis' carraan irraa fayyuu ykn itti deebii'uu maal?
Ibsa waajirri Baayidan Dilbata baaseen, kaansarichi hormoonii irratti kan xiyyeeffate waan fakkaatuuf, ''to'annoo bu'a qabeessa ta'e akka argatu taasisa'' jedheera.
Gadi fageenyi haala dhukkuba Baayidan guutuun hin beekamu. Dr Kiliirii akka jedhanitti: "Walumaagalatti dhukkubsattoonni harka sadii erga kaansarii cidhaanii meetaastaatiksii qabamanii booda waggaa shan booda lubbuun ni jiraatu."
Kaansarii cidhaaniin sadarkaa olaanaarra gahuun umrii nama tokkoo daangessuu fi mallattoolee jireenya guyyaa guyyaa rakkisaa taasisan hordofsiisuu danda'a.
Dr Kuhlmaan, yeroo wal'aansa kaansarii cimaa ta'e ilaalan, "hojii waggaa 10 hanga 15" jechuun kan ibsan yoo ta'u, waggoota muraasa dhufan keessatti wal'aansa qulqullina jireenya Baayidan eegu ilaaluun barbaachisaa ta'uu dubbatan.
"Kana keessatti kaka'umsi wayi yoo jiraate, deemuudhaan mallattoolee qabaachuu fi dhiisuu keessan of ilaalchisuun barbaachisaadha," jedhu Dr Brahmbhaat.












