Warri 'poornii' ilaaltan fuulli keessan suuraa kaafamuu mala

Dhiira harkatti bilbila qabatee jiru

Madda suuraa, GETTY IMAGES

UK'tti namoota viidiyoo saal-quunnamtii (porn) ilaalan umrii isaanii mirkaneessuuf qajeelfamni wixinee qophaa'eera jedhe Abbaan Taayitaa To'annoo Koominikeeshinii UK Ofcom. Kunis ga'eessota fuula ijoollee fakkaatu qabaniif of eeggannoo gochuun hojjeta jedheera.

Dhaabbatichi marsariitiiwwan viidiyoo saal-quunnamtii ifatti agarsiisan irraa daa'imman eeguuf maloota garagaraa akka fayyadamu himeera.

Akka qorannoon biyyattiitti geggeefame agarsiisutti ijoolleen yeroo jalqabaaf kan viidiyoo saal-quunnamtii akkanaa daawwtan waggaa 13tti dha.

Marsariitiiwwan ifatti saal-quunnamtii agarsiisan qajeelfamni akkanaa, ''odeeffannoo mateenyaa icciitii guddaa tahe,'' saaxiluu mala jedhan.

Gareewwan dhimma mateenyaa(privacy) irratti duula gaggeessan umrii mirkaneessuuf jecha yoo odeeffannoon namoota miliqee bahe ''balaa guddaa dha,'' jedhu.

Uummanni UK baayyeen viidiyoo pornii ni daawwata - gabaasa Ofcom baaseen namoota miiliyoona 14 tahu. Namoota shan keessaa tokko sa'atii hojjiitti daawwatu.

Tahus viidiyoo saal-quunnamtii akka salphaatti onlaayinii fayyadamuu danda'un yaaddoo ijoolleen waggaa sagalitti marsariitiiwwan viidiyoo saal-quunnamtii agarsiisan akka ilaalan taasiseera jedha Koomishiniin Daa'immanii UK

Seera Eegumsa onlaayinii dhihoo kana ragga'e miidiyaalee hawaasaa fi marsariitiiwwan ijoollee qabiyyee miidhurraa akka eegan ajaja.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kunis Ofcom'n hojiirra oola, yoo seera kana hordofuu baatan dhaabbatichi adabbii maallaqaa guddaa irra buusuu mala.

Ofcom akkatti dhaaboti kunneen seera haaraa kanaaf bitaman dambii bara 2025 tti hojii irra oolu baaseeraafi.

Umrii mirkaneessuun fayyadamaan viidiyoo kanaa daa'imaa tahuufi dhiisuu baruuuf murteessadha jedha dhaabbatichi.

Umrii mirkaneessuun ulaagaa akka guuttu cuqaasanii bira darbuurra jabaachuu qaba jedha.

Karaan kana mirkaneessuuf faayidaarra oolus:

Waraqaa eenyummaa mootummaa ykn paaspoortii gaafachuu

Fayyadamaan daangeeffamni umrii irratti qabu kaafameeraaf yoo tahu mirkaneessuu

Kaardii ATM liqaa mirkaneessuu

Waraqaa eenyummaa dijitaalaa umrii mirkaneessu marsariitii daawwachaa jiraniif agarsiisuu

Teekinolojii fuula suuraa kaasuun(scan) fayyadamuun ga'eessa tahuu mirkaneessuu.

Dhaabbnni qajeelfama kana hojiirra oolchuuf jiru kuni teekinolojiin kuni ofiisaan umrii sirrii yoo agarsiisuu baate. Marsariitiiwwan nama umriin eeyyamameef gaditti jedhanii yaadan odeeffannoo dabalataa akka gaafatan himeera.

Akkuma warri alkoolii gurguran namni tokko waggaa 25 gadi yoo itti fakkaate warqaa eenyummaa gaafatan sana jechuu dha.

Dargaggoonni barnoota saal-quunnamtii kennan eeggannoo akkasii taasisuun ijoollee viidiyoo saal-quunnamtiif saaxiluurraa oolcha.