Garee Muslima ofiin jedhan garuu hin sooman, hin salaatan

Hordoftootni Baye Fall Masjiida Grande magaalaa Towuba keessatti argamu fuulduratti huccuu isaanitin mul'atan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hordoftootni Baye Fall Masjiida Grande magaalaa Towuba keessatti argamu ni kunuunsa

Biyya Afrikaa, giddugaleessa Senegaal ganda Mabakuwe Kadiyoor jedhamtu keessatti yeroo lafti galgala'uuf jedhu namoota uffata halluu adda addaan miidhagan arguu fi sagalee faaruu amantii Islaamaa fakkaatu dhaga'uun baratamaadha.

Masjiidaan ala bakka geengoo dhiphaa ta'e tokkotti walitti qabamanii, sagalee tokkoon olkaasanii faarfatu.

Sirriitti dafqa buusanii Rabbiif galata dhiyeessuu akka of qulqulleessu fi fuula Rabbiitti of dhiyeessutti ilaalu.

Isaan musliima akka ta'an himatanis akka hordoftoota amantaa Islaamaa irra caalaa ji'a qulqulluu Ramadaaanaa keessa hin sooman, salaata guyyaa guyyaas hin raawwatan.

Isaan qaama sochii garee Islaamaa Suufiyyaa jedhamu biyya Senegaal keessatti argamu keessaa tokko yoo ta'an maqaa addaa 'Baye Fall' jedhamuun of moggaasaniiru.

Hiikni maqaa kanaa immoo garboota ykn tajaajiltoota Rabbii akka jechuuti.

Hirmaattonni yeroo baayyee yeroo kadhannaa kana sa'aatii lamaaf turuu danda'u, innis torbanitti yeroo lama kan raawwatamu yoo ta'u yeroo kanatti ayyaana Rabbii keessa akka jiranitti ibsu.

Walumaa galattii haallii gareen xiqqaa obbolummaa seera Sufi guddaa Senegaal keessaa tokko kan ta'e Baye Fall garee Muslimaa kamiyyuu irraa adda.

Gareen kun garuu biyya Afrikaa Dhihaa Seenegal kan namoota miliyoona 17 ta'an fi ummaatni irra caalaan Muslima ta'an keessatti garee lakkoofsan baayyee xiqqoodha.

Garuu haalli isaanii, bifti uffannaa isaanii inni nama dinqisiisu adda isaan taasisa.

Gochoonni isaanii hin baratamne ammoo seera Islaamaa irraa garmalee akka fagaatanitti namoota tokko tokko biratti kaafama.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Amantoota Baye Fall biratti amantiin kan ibsamu akka Muslimoota kaanii baatii Ramadaanaa soomuun ykn salaatuun utuu hin taane hojii cimaa fi tajaajila hawaasaatini.

Akka amantii isaaniitti gatii hojii isaanitu fuula Rabbiitti qulqulluu isaan taasisa jedhanii amanu.

Waan facaafatte haammatta akka jechuuti.

Yeroo baayyee Muslimoota biroo biratti akka hin taanetti hubatamu akkasumas biyyoota dhihaa keessatti yaadni gareen kun alkoolii dhugu ykn baala sammuu adoochu xuuxu jedhu irratti ka'a.

Isaan garuu kun duudhaa amantii isaanii akka hin taane kaasu.

"Falaasamni hawaasa Baye Fall hojii irratti kan xiyyeeffatedha. Gosa hojii iccitiillee qaba, hojiin mataan isaa Waaqayyoof of kennuu ta'a," jechuun hogganaan garee Baye Fall kan ganda Mebacke Kadiyoor keessatti argamuu Maam Samba BBC'tti hime.

Hojiin ofdadhabsuu ykn dafqa buusuu waan Rabbi nurraa eeguudha jedhu.

Kanaaf hojiwwaan humnaa akka guyyaa aduu saafaan ooyiruu qotuu, mana barnootaa ijaaruu ykn meeshaalee hojii harkaa hojjechuun waan Rabbi jaalatu kan hojii dafqaa qofaa utuu hin taane hiika hafuuraatiin kan guutame, ogummaa bifa kadhannaa sochii keessa jiruuti.

Ganda Mebacke Kadiyor keessatti hawaasni kun kan amanan hundeessaan isaanii Ibrahima Fall jalqaba Cheyik Ahmaduu Bamba, kan Jaarraa 19ffaa keessa obbolummaa Mowuride (Mouride brotherhood), damee Islaamummaa Suufiyyaa, kan Senegaal keessatti dhiibbaa guddaa qabu hundeesseti.

Fall guutummaatti tajaajila Bambaa (Rabbiif) of kenne, yeroo baayyee nyaata, sooma, kadhachuu fi of kunuunsuu dabalatee fedhii ofii akka tuffate himama.

Hordoftoonni isaa yeroon darbaa deemuun uffannaan isaa akka uffatee fi kan erbamaa ta'e, kunis of kennuu fuula Rabbitti of xiqqeessuu kan of keessaa qabuudha.

Namoota huccuu amantii Baye Falluffatanii balbala fuuldura dhaabatan Senegal, Ebla 2024

Madda suuraa, Getty Images

Falaasamni fi duudhaan uffata bifa adda adda walitti hodhuu amantichaa achii madde.

Amanamummaan gosa kanaa geggeessaa amantii tokkoof kan hordoftoonni isaa raawwatan yoo ta'u yaad-rimee "ndiguel" (Rabbiif amanamuu akka jechuuti) jedhamuun beekamu fi hordoftootni amantaa Baye Fall hedduun jecha kana maqaa ijoollee isaanii keessattillee ni dabalu.

Naamusni hojii Fall onnee Mebacke Kadiyooor keessattis seenuu tumsaa fi kalaqni uffata bareedaa patchwork uumuuf itti guddatu irratti calaqqisa.

Ogummaan huccuu akkasii hojjachuu irraa caalaa dubartootan hojjatama. Dabartootni halluu gosa adda addaa jajjaboo ta'anii fi hordoftoota amantichaan jaalataman wixineessuu irratti xiyyeeffatu.

Dhiironnis of eeggannoodhaan huccuu halluun itti godhame kana ogummaadhaan uffata qabatamaa fi eenyummaa addaa Baye Fall ibsutti tolchuun gara ufftaa dinqisiisaa ta'etti jijjiru.

Ogummaa fi tumsi kun amantichaaf of kennuu isaanii calaqqisa. Sana booda kutaaleen xumuraman kun gabaa guutuu Senegaal keessatti raabsamu, achitti jireenya fi falaasama hawaasaa isaanii itti fufsiisu.

"Akkaataan Baye Fall kan ganamaati," jechuun ibsu Mr Samba, abbaan isaanii du'aan boqote sheekh Baye Fall kabajamaa ykn maraboot akka abbootiin amantii Senegaal keessatti beekamanitti.

"Uffanni 'patchwork' jedhamu kun kan agarsiisu addunyaa maraati - Muslima taatee ammas aadaa kee eeguu dandeessa. Garuu namni hundi kana hin hubatu. Qeeqa yoo hin fudhanne tarkaanfachuu hin dandeessu jenna."

Muslimoonni biroo yeroo Ramadaanaa aduun baatee hanga aduun lixxutti ni soomu, yeroo soomni hiikamu nyaata ifxaaraa galgala qopheessuuf kan of kennan Baye Fall dha .

Of kennuu kun hojii harkaa qofa irratti kan daangeffame miti jedhu

Baye Fall waldaalee hojii gamtaa, daldala hawaasummaa fi dhaabbilee miti- mootummaa baadiyyaa Senegaal keessatti misooma itti fufiinsa qabu guddisuuf kaayyeffatan hundeessaniiru.

Isaanif hojiin mala lubbuun jiraachuu qofa osoo hin taane ibsa hafuuraati.

"Manneen barnootaa, buufataalee fayyaa fi dhaabbilee hawaasummaa hojii uumuuf qabna," jechuun Mr Saambaan ibsu.

"Falaasama jireenyaa keenya keessatti wanti hundi kabaja, jaalalaa fi xiyyeeffannoo uumamaaf kennuudhaan hojjetamuu qaba. naannoo miidhagaa fi misoomni itti fufiinsa qabuu amantii keenyaaf giddugaleessadha."jedha.

Hordoftoonni Baye Fall, gariin uffata halluu adda addaa qabu uffachuun, wayita daandii irratti dibbee dhayaniifaaruu isaanii dhageessisan.

Madda suuraa, Getty Images

Garuu gareen kun kadhannaa daandii irratti raawwachuu isaanitiin qeeqni adda addaa irratti ka'a.

Maallaqa gaafachuun sirna amantaa Baye Fall kan faallessu ta'uu baatus, akka aadaa amantichaatti maallaqa walitti qabanii fayidaa hawaasaaf oolchu.

Kana qabaachuun isaaniirraa kan ka'e garuu namootni amanticha fakkeessanii magaalota akka Daakar keessatti kadhataa oolan jiru.

"Warri akkasii namoota akka keenya uffatanii daandii irratti kadhatan malee hawaasaaf kan gumaacha hin goonedha. Dhimma hamaa maqaa keenya miidhudha," jedhu hordofaa amantichaa kan ta'e namni Sene jdhamu.

Waggaa waggaan amanamummaa isaanii agarsiisuuf maallaqa, loon fi midhaan obbolummaaf arjoomuudhaan hogganaa Mooriid ammaa, kan khaliifa ykn grand marabout jedhamuun beekamuuf amanamummaa kakatu.

Akkasumas Masjiida Giraandii magaalaa qulqulluu Senegaal Tuubaa, wiirtuu amantii Mooridizimii taate kunuunsuuf gahee guddaa qabu - kunuunsa isaafis itti gaafatamummaa qabu.

Kana malees seer-malessummaan nannawa isaanitti akka hin hojjatamne cimsanii mormu.

Qaroominni qormaata amantichaa ta'us, mul'anni isaanii ifadha. Misooma itti fufiinsa qabu, amantii fi tajaajila keessatti hundee qabu, kan dargaggoota hojii dhabeeyyii Senegaal keessatti argaman baay'ee ta'anii fi jireenya isaanii argachuuf abdii kutatan tokko tokko gargaaruu danda'u.

Godaantonni kumaatamaan lakkaa'aman galaana balaafamaa gara Awurooppaatti qaxxaamuran keessaa hedduun isaanii Senegaal irraa dhufu.

''Kana caalaa hojjechuu barbaanna,'' jedhu Obbo Saambaan.

"Hojii dabalataa uumuu barbaanna - sababni isaas dargaggoonni as Senegaal keessatti barbaachisu."

"Mootummootaa fi dhaabbilee idil-addunyaa waliin tumsi nu barbaachisa. Kun abdii keenya gara fuula duraati."jedhan.

Sarara diimaa

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.