Anga'oonni bittaa xaa'oon kasaaraa birrii bil. 5.6 geessisuun shakkamanii himataman

Madda suuraa, CFMF
Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa qondaaltota mootummaa Olaanoo "faayidaa isaanif hin malle argachuuf yookan argamsiisuuf" qajeelfama bittaa xaa'oo cabsuun mootummaa irratti miidhaa birrii biiliyoona 5.6 ol qaqqabsiisuun shakkaman irratti himanni malaammaltummaa cimaan banamuu ibse.
Anga'ootni kunneen xaa'oo karaa seeraan alaa geejjibsiisuun akkasumas rakkoo qulqullinaa akka qabu osoo beekanii gara biyyaatti akka galu hayyamuu dabalatee kisaaraa guddaa qaqqabsiisaniiru jedhame.
Akka ibsa poolisiitti, namoota bittaa xaa'oo kana waliin walqabatee himanni irratti dhiyaate 11 to'annoo jala oolchuu beeksiseera.
Abbaan Alangaa Ministeera Haqaa himata Sadaasa 21, 2025 dhiyeessuun, Sadaasa 24, 2025 Mana Murtii Olaanaa Lidataa Dhaddacha Dhimma Yakka Malaammaltummaa cimaan himata irratti bane.
Akka himanni sun ibsutti, himatamtoonni kuneen, Seera adabbii yakkaa32 (1A) labsii yakka malaammaltummaa to'achuuf bahe 881/2007 keewwata 9(1A fi 2) darbuun aangoo isaanii seeraan ala fayyadamuun yakka malaammaltummaa irratti hirmaachuun shakkamaniiru.
Abbaan alangaa aanga'oota olaanoo Koorporeeshinii Hojiilee Qonnaa Itoophiyaa torba, Hojii Raawwachiisaa Itti Aana Geejjiba Galaanaafi Loojistiksii, hoggansa olaanaa Ministeera Qonnaa tokkoofi hoggansa olaanoo Dhaabbata Madaallii Qulqullinaa Itoophiyaa 2 irratti himata kana dhiyeessuun kan ibsame yoo ta'u walumatti 11 ta'u
Isaaniis Obbo Kiflee W/Maariyaam hojii gaggeessaan Korporeeshinii Hojii Qonnaa Itiyoophiyaa, obbo Wolde'ab Damissee, Itti aanaa hoji gaggeessaa Koorporeeshinichaa, obbo Tensaay Machaa, Itti aanaa hoji gaggeessaa Koorporeeshinichaa, Aaddee Menbere H/Maariyaam, Itti Aantuu Hojii Gaggeessaa Koorporeeshinichaa, Obbo Miliyoon Garramaw, Ogeessa Olaanaa Bittaa Korporeeshinichaa, obbo Solomon Gebre, Hojii Gaggeessaa Olaanaa korporeeshinichaa kan turaniidha.
Kana malees, obbo Mengistuu Tesfaa Daarektarri Olaanaa Ministeera Qonnaa, obbo Zelalem Dagen Manaajara Kutaa Bittaa fi Geejjibaa Galtee Korporeeshinii Hojii Qonnaati, Wondwosen Kassa Itti aanaa Daarektarri Olaanaa Geejjibaa fi Loojistikii,Tsegaye Berha Daarektarri Dhaabbata Madaallii Qulqullinaa Itoophiyaaakkasumas obbo Moltot Daanyee Hogganaa Dhaabbata Madaallii Qulqullinaa Itoophiyaa Damee Jibuutiiti.
Anga'ootni yakka malaammaltummaa cimaatiin qoratamuunn, himannaa irratti banamee gara mana hidhaatti ergamuu isaanii ibsi Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa beeksise.
Abbaan alangaa sababa himannaa kanaa yoo ibsu, himatamtoonni kuunneen gita hojii mootummaa irratti ramadamanii utuu tajaajilaa jiranii yakka raawwatame keessatti abbummaan hirmaachuun faayidaa isaanif hin malle argamsiisuuf qajeelfama cabsaniiru jedhe.
Himatamtoonni kun walii galtee sirna bittaa fi murtee boordii bu'uura waliigaltee kenniinsa tajaajilaa mallattaa'ee ala xaa'oo kana geejjibsiisuun mootummaafi ummatarra kisaaraa birrii naannawaa biliyoona 5.6 ol geessisanis jedhame
Darbees xaa'oon kun qulqullina akka hin qabne osoo beekanii gara biyyaatti akka seenu haala mijeessan jechuun shakkaman.
Bittaan xaa'oo biyyee kunis ALI bara oomishaa 20 7/2018 akka ta'e ibsa kana keessatti eerameera.















