Sadarkaa malaammaltummaa haaraan Itoophiyaan meeqaffaarra jirti?

Madda suuraa, Thinkstock
Malaammaltummaa tajaajilawwan ummataa keessatti addunyaarratti mul'atan waggaa waggaan hordofee kan baasu dhaabbanni Tiraanispaarensii Internaashinaal jedhamu sadarkaa malaammaltummaa biyyootaa kan bara 2024 ifa godheera.
Gabaasni dhaabbata kanaa sadarkaa malaammaltummaa biyyoota 180 ifa godheera.
Sadarkaan malaammaltummaa gadi aanaa ta'e kan keessatti argamu biyyoota tasgabbii dhabuu siyaasaafi walitti bu'insa hin qabne yoo ta'an, malaammaltummaan kan keessatti hundee gadi fageeffate ammoo biyyoota walitti bu'insiifi goolamni itti hammaatu ta'uu mul'iseera.
Tarree sadarkaa malaammaltummaa biyyoota addunyaa keessatti biyyoonni guddatan kan malaammaltummaan gadi aanaa ta'e keessatti galmaa'e ta'anii argamaniiru.
Akkaataa sadarkaan kun itti kennameen biyyo qabxiin 100 kennameef kan malaammaltummaan keessa hin jirre yoo ta'u, kan 0 yon qabxiin gadi aanaa kennameef ammoo biyya malaammaltummaan keessatti hammaatudha.
Malaammaltummaa biyyoota gara garaa keessatti mul'atu madaaluudhaaf qabxiin kennamuun Itoophiyaan qabxii 37 qabachuun biyyoota 180 keessaa sadarkaa 99ffaa irratti akka argamtu gabaasichi mul'iseera.
Akka gabaasa kanaatti Itoophiyaan bara darbes sadarkaadhuma wal fakkaataarra turte.
Tarreeffamni haala malaammaltummaa biyyootaa agarsiisan sadarkaa idil-addnyaatti kan eeraman yoo ta'u, ogeessonniifi daldaltoonni malaammaltummaa ilaalchisuun kan madaalaman tajaajilawwan ummataa irratti hundaa'uunidha.
Biyyoota ollaa waliin wal bira qabanii yoo laalan, Itoophiyaan malaammaltummaatiin sadarkaa fooyyaa'aarratti kan argamtu yoo taatu, biyyoonni Itoophiyaa marsanii jiran hundi malaammaltummaan Itoophiyaa caalaa keessatti kan hammaate ta'uu gabaasichi mul'iseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haala kanaan, Keeniyaan qabxii 32 qabaachuun sadarkaa 121 irratti, Jibutiin ammoo qabxii 31 qabachuun sadarkaa 127ffaa, Sudaan qabxii 15 qabachuun sadarkaa 170ffaa, Ertiraan qabxii 13 qabachuun sadarkaa 173ffaa, Somaaliyaan qabxii 9 qabachuun sadarkaa 179ffaa, akkasumas Sudaan Kibbaa qabxii 8 qabaachuun sadarkaa 180 irratti argamu.
Haala sadarkaa malaammaltummaa biyyootaa agarsiisuun qabxii 100 keessaa ilaalamuun biyyoonni walakkaa (50) ol galmeessisan haala gaariirra jiru kanneen jedhamanidha.
Akkaataa kanaan Afrikaa keessaa biyyoonni sadarkaa fooyyaa'aarratti argaman jedhan Siishels (qabxii 72n sadarkaa 18ffaa), Keep Veerdee (qabxii 62n sadarkaa 35ffaa) Botiswaanaa (qabxii 57n sadarkaa 43ffaa), akkasumas Moriishes (qabxii 51n sadarkaa 56ffaa) irratti argamu.
madaallicha keessatti biyyoota 180 hammataman keessaa biyyoonni kudhan malaammaltummaan keessatti baayyee gadi aanaa ta'e kan argaman Awurooppaafi biyyoota Iskaandineviyaadha.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












