Elon Maask barrefama waa'ee Haaris fi Baayidan irratti maxxanseen maaliif qeeqni guddaan isa muudate?

Madda suuraa, Getty Images
Biliyeeenarri Adduunyaa Elon Maask tooraa miidiyaa hawaasaa isaa X ykn kan duraan Twitter jedhamu irratti “hanga yoonaa namni tokkollee Baayidanii fi Kaamalaa ajjeesuuf kan yaale hin jiru” jechuun maxxansee ture.
Barreeffama kana kan barreesse Maaski yaalii ajjeechaa Wiixata darbe Doonaald Tiraampi irratti raawwatame booda yoo ta’u, qeeqa jabaanis erga isaa muudateen booda barreeffamicha haquun, “qoosaafan kan jedheedha” jedheera.
Dureessi teeknooloojii Elon Maaski kun michuu dhiyoo Tiraampi yoo ta’u, Tiraampi pirezidaantii Ameerikaa ta’uudhaan marsaa lammaffaaf yoo injifatan “komishinii gahumsa mootummaa” akka hoogganan waadaan galameefii jira.
Tajaajilli Eegumsa Nageenyaa Ameerikaa maxxansa miidiyaa hawaasaa Elon Maski barreesse kana Pirezidaantii Joo Baayidan ykn itti aanaa pirezidaantii Kaamalaa Haaris ajjeesuuf ''namni tokkollee yaalii hin goone” jedhu quba qaba, qorataan jiras jedhe.
Fayyadamtoonni X hedduun yaada Maaski irratti yaada kennuu fi emojiin fayyadamuun kan qeeqan yoo ta’u, gariin immoo barreeffamni akkasii kun Pirezidaantii fi Itti Aanaa Pirezidaantii Ameerikaa irratti yaaliin ajjeechaa akka taasifamuuf yaada kakaasudha jechuun mormaniiru.
Waayit Haawusis ibsa baaseen, ''dubbiin kun itti gaafatamummaa kan hin qabnedha'' jechuun barreeffama sana balaaleffateera.
"Jeequmsi balaaleffatamuu qaba, gonkumaa jajjabeeffamuu ykn ittiin qoosamuu hin qabu," jedha ibsichi.
Itti dabaluunis "biyya keenya keessatti jeequmsi siyaasaas ta'e, jeequmsa biroo kamiifuu bakki jiraachuu hin qabu," jedhe.
Tajaajilli Eegumsaa Ameerikaa BBC'n yommuu qunnamu, barreeffama sana ''beeka'' jechuu irraa kan hafe odeeffannoo biraa hin kennine. "Dhimmoota odeeffannoo eegumsaa ilaallatan irratti yaada hin kenninu," jedhee
"Haata'u malee, Tajaajillichi balaa eegumsa walqabatee dhufu hunda qorata jirra,” jechuun ibse.
Yaalii ajjeechaa Pennisylevaniyatti Traamp irratti raawwatamee booda Maaski barreeffsamoota ergaawwan Baayidanii fi Haaris qeequu fi Tiraamp deeggaran irra deddeebiin maxxansaa ture.
Maaski erga barreeffamicha kana haqee booda toora X irratti "waantin ani asirraa baradhe tokko garee tokkoof waan tokko waanan dubbaadheef yookan na kogfalchiisef qofa maxxansa X irratti barreesseef nama kofalchiisa jechuu miti," jechuun eere.















