Daa'imman lama balaa lolaan booda qarqara harootti bololi'aa lubbuun argaman

Namoota daa'ima balaa lolaarra hafte waliin jiran

Madda suuraa, KALEHE CIVIL SOCIETY

Rippaabliika Demookiraatawaa Koongoo, naannoo bahaa keessatti lolaa lubbuu namoota 400 ol galaafateen, guyyootaan booda daa'imman lama qarqara haroo Kiivuutti argaman baraaraman.

Jiraattonni akka jedhanitti daa'imman caccabaa manaa dhiqamee qarqara harootti danqame irratti bololi'aa turan, yeroo argaman.

''Lubbuudhumaan achii baafaman, raajiidha. Hunda keenyatu dinqame,'' jechuun hogganaan hawaasaa bulchiinsa Kaalehee Deelfiin Biriimbii BBCtti himan.

Viidiyoo miidiyaa hawaasaa irratti naanna'aa tureen dubartii tokko, ''miilli daa'imaa miidhameera,'' yeroo jettu dhagahama.

Kan gaddisiisu garuu maatii daa'imman kanaa balaa lolaa kanaan lubbuun isaaniii darbeera.

''Namoota ijoollee kana guddisuu nu gargaaran qunnamaa jirra,'' jedhan.

Daa'imman lameen kunneen gaafa Wiixataa iddoo garaagaraa irraa baraaraman - tokko iddoo Bushuushuu jedhamu kaan ammoo iddoo Nyaamuukuubii jedhamuufi namoonni baayyeen miidhamanitti argamte.

Akka Obbo Birimbiin jedhanitti namoonni 5,000 ol ammayyuu achi buuteen isaanii hin beekamu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akka jiraattonni naannoo jedhanitti namoonni 200 tahan miidhama irra gaheen kiliiniika naannoo argamutti yaalamaa jiru. Lolaa kanaan manneen 1,300 dabalatee hospitaalonni, manneen barnootaafi bu'uuraaleen misoomaa biroo manca'aniiru.

Daa'imman kunneen akkamiin balaa kanarraa guyyoota sadiif akka nagaan turan beekamuu baatus, namoonni ijaan argan garuu caccabaa manaarra bololi'aa turan jedhan.

Roobii darbe reeffi namootaa dhoqqee keessatti kan argame yoo tahu lakkoofsi namoota du'anii 411 gaheera.

Kanneen keessaa 317 awwaalamaniiru. Haatahu malee namoota lubbuun darbe hunda adda baasuun rakkisaa taheera, sababiinsaas namoonni gariin jiraattota otoo hin taane, daldaltoota magaalaa ollaa irraa dhufani turan.

Dubbi-himaan Fannoo Diimaa Koongoo Joon Kaashiinweet, ''booda kana reeffii dabalataa qotamee bahaa jira,'' jedhan.

Kanneen lolaa kanaan miidhaman BBCtti akka himanitti jireenyi isaanii lolaa kanaan akka malee taheera. ''Kana booda fira hin qabu, lafa qonnaas hin qabu, homaa hin qabu,'' jedhe Jeenteel Daagiijimaanaan.

Badhaafamaa Noobeelii nagaa biyyattii looreet Deenis Mukweegee dabalatee kaanis namoonni reeffi isaanii argame jumlaan awwaalamuu balaaleffataniiru.