Caffeen Oromiyaa mirga himatamuu dhabuu Obbo Taayyee Danda'aa kaase

Caffeen Oromiyaa yaa'ii idilee 6ffaa isaa gaggeessaa jiruun mirga himatamuu dhabuu, Deetaa Ministeera Nagaa Itoophiyaa kan turan Obbo Taayyee Danda'aa kaase.

Caffeen Oromiyaa Dilbata Gudhaandhala 18, 2024 irraa kaasee yaa'ii idilee gaggeessaa jiruun, muudamawwan garaa garaa raggaasisuu dabalatee har'a ammoo, mirga himatamuu dhabuu Obbo Taayyee Danda'aas kaasuu fuula miidiyaa hawaasaa Caffeerratti ibsamee jira.

"...Miseensi Caffichaa kamiyyuu yeroo ummanni isa filate amantaa irraa dhabetti, akka seeraatti, mirga himatamuu dhabuu kaasuu akka danda’u tumamee jira," jechuun murtee kanaaf bu'uura seeraa eeran.

Obbo Taayyee Danda'aa ''mootummaa shiraan kuffisuuf socho'an'' jedhamanii Mudde 12, 2023 to'annaa jala oolfamuun isaanii ni yaadatama.

Obbo Taayyeen MM Abiy Ahmad dabalatee aangawoota mootummaa Naannoo Oromiyaa irratti qeeqa dhiyeessaa turan.

Keessumaa rakkoo nageenyaa naannoo Oromiyaatti babal'ataa deemeef mootummaadhuma ofiisaaniif keessa tajaajilaa turan itti gaafatamaa taasisaa ture.

Deetaa Ministeera Nagaa Itoophiyaa ta'uun tajaajilaa kan turan Obbo Taayyeen, aangorraa kaafamuu hordofee jecha jabaan MM Abiy Ahimad qeeqanii ture.

Aangorraa akkuma kaafamaniin, ''Yaada Ida’amuu dubbatteefi barreessite amaneen isin hordofe. Dhawaata garuu nama waan dubbatu hin jiraanne qofa osoo hin taane, cubbamaa dhiiga namaatiin taphatu ta’uu keessanin hubadhe,'' jechuun Feesbuukii isaanii irratti barreessanii ture.

Dabalataanis Obbo Taayyeen, ''Naatoo namaaf hin qaban. Osoo ilmi namaa du'uu... waan paarkii haasa'ani. Osoo namni waan nyaatu hin qabne, namni beelaan du'aa jiruu Birrii Biliyoonaan masaraa haaraa ijaaru,'' jedhan.

Dabaluunis, ''...gaafa waraanni haa gaggeeffamu jennu homaa hin jenne. Gaafa obboleeyyan keenya haa araaraman, wal hin ajjeesiin jennaan aangoo irraa na kaasan. Kun aramanummaa malee homaa tahuu hin danda'u,'' jechuun jecha jabaan MM Abiy qeeqan.

Angorraa akkuma kaafamaniin Obbo Taayyen turtii BBC waliin taasisaniin jecha dubbatan kanaaf seeraan himatama jettanii yaaddoo qabduu jedhee BBC'n gaafannaan, ''maal rakkoo qaba kuni? Seerri eessa jira? Yoo kan ittiin gaafatamnu jiraate ammoo walumaan gaafatamna, sanaaf ammoo qophiidha,'' jedhanii ture.

Obbo Taayen mootummaadhuma ofii itti miseensa ta'an irra deddeebiin qeequusaanii irraa kan ka'e, aangorraa akka kaafaman dursanii odeeffannoo yoo qabaatan kan jedhus gaafatamanii, aangorraa kaafamuu qofa osoo hin taane kan isaa oliifuu qophaa'oo akka ta'an BBCtti himanii turan.

Keessumaa waraana mootummaafi hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti gaggeeffamu karaa nagaan akka hin xumuramneef danqaa kan ta'e, aangawoota mootummaa akka ta'e irra deddeebiin barreessaa turan.

Mariin nagaa marsaa lammaffaa mootummaa Itoophiyaafi WBO gidduutti Taanzaaniyaa, Daaresalaamitti gaggeeffame akka gufatu kan taasise 'mootummaa ani keesssa jiruudha' jechuun BBCtti dubbatanii ture.

Obbo Taayyee Danda'aa Filannoo Biyyaalessaa Waxabajjii, 2021 Itoophiyaatti gaggeeffameen paartii Badhaadhinaa bakka bu'anii Caffee Oromiyaa seenan.

Yaa'iiwwan Caffee garaa garaa irrattis bifa kana dura caffee keessatti hin baramneen gaaffii jajjabaafi qeeqa garaa garaa dhiyessuunis beekamu.

Erga aangoo Deetaa Ministeera Nagaa Itoophiyaarraa kaafamanii to'annaa jala oolanii as mana murtiitti hin dhiyaatin akka jirantu himama.