Biyyootni Afrikaa jeettii waraanaa ammayyaa US F-16 qaban kam fa'i?

 F-16

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, F-16
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Dhimmootni meeshaalee waraanaan wal qabatan hedduun isaanii iccitii waan ta'eef ragaafi xinxala ga'aa dandeettii waraanaa biyyoota argachuun rakkisaadha.

Ragawwaan hanga yoona jiran akka mirkaneessanitti biyyoota Afrikaa keessaa jeettiwwaan waraanaa ammayyaa Ameerikaa kan qaban biyyoota lama.

Biyyoonni kunneen oomishtuu fi dhiyeessituu F-16 ijoo Ameerikaa waliin waliigaltee bittaa waraanaa taasisuun kan argatan.

Biyyoota jeettii kana qaban jedhaman keessaaMasriin ishee tokko.

Rooyitars akka gabaasetti, bara 2015 keessa mootummaan Ameerikaa xiyyaarota waraanaa F-16 saddeet gara Masrii ergeera.

Yeroo sanatti hariiroon biyyoota lamaanii fooyya'aa kan dhufe yoo ta'u, mormii cimaa biyyattii keessatti ka'e hordofuun, waraanni pirezidaant Mohaammad Mursii aangoo irraa erga buuseen booda, hariiroon Ameerikaa fi Abdel Fattah Al-Sisi, gidduu jiru haala gaariin fooyya'uu isaatin Ameerikaan jettiwwaan kana Masriif kan dhiyeessite.

Yeroo sanatti ibsi Imbaasiin Ameerikaa Masrii jiru baase jeettiwwaan waraanaa kunneen guyyoota lama keessatti Masrii akka gahan eeree ture.

Imbaasiichi meeshaaleen waraanaa kunneen xiyyaarota F-16 akka of keessatti hammate ibse.

Dhabbaanni gabasa dhimma basaasaa hojjatu 'Strategic Intelligence service' jedhamu gabaasa isaa bara 2015 baaseen Ameerikaan xiyyaarota waraanaa F-16 buufata qilleensaa Kaayiroo qaqqabsiisuu mirkaneessera.

 F-16

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, F-16
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Biyyi Afrikaa kan biraan xiyyaara waraanaa F-16 qabdi jedhamtee amanamtu Morookoodha.

Bara 2007 mootummaan Morookoo bulchiinsa prezidaantii Ameerikaa Joorji W. Buush waliin xiyyaarota waraanaa F-16 24 doolaara Ameerikaa biiliyoona 2.4n bitachuuf waliigaltee mallatteessee ture.

Akkuma Rooyitars bara 2007 gabaasetti bulchiinsi Ameerikaa yeroo sanaa xiyyaarota waraanaa F-16 24, morokotti gurgureera

Waggoota kurnan oliin booda bara 2019tti Morookoon xiyyaarota haaraa F-16 akkasumas kanneen kanaan dura bite suphuu fi fooyyessuuf Ameerikaa waliin waliigaltee biraa mallatteessite.

Waliigalteen sun tilmaamaan doolaara Ameerikaa biiliyoona 4 ture.

Walumaagalatti, Masrii fi Morookoon biyyoota Afrikaa lamaan xiyyaara waraanaa F-16 baay'inaan qaba jedhamee amanamu ta'uun humna waraanaa qilleensaa Afrikaa irratti kanneen olaantummaa qaban jedhamuun eeramu.

Akka gabaasa dhabbatni 'Global Firepower' bara 2026tti Masriin xiyyaara waraanaan Afrikaa keessaa sadarkaa jalqabaa akka addunyaatti ammoo sadarkaa 9ffaa irra jakka jiru ibsee ture.

Morookoon ammoo Akka Afrikaatti 4ffaa akka addunyatti ammoo sadarkaa 37ffaa irra kaa'era. Itoophiyaanis xiyyarota waraanaa 100 ol qabaachuun kanneen Afrikaa keessaa kanneen sadarkaa jalqabaa 10 ta'an keessatti argamti.

Jeettii waraanaa F-16 maaltu adda taasisa?

Jeettiin waraanaa F-16 kun bara 1974tti balalii jalqabaa kan eegale yoo ta'u, ammas xiyyarota waraanaa qaalii Addunyaa keessaa kan jalqabarratti eeramudha.

Ulfaatina xiqqaa fi motora humna guddaa qabu waan qabuuf haala salphaa fi saffisa olaanan qilleensa irraa furguggifamuu akka danda'uuf kan qophaa'edha.

Fedhiin teeknooloojii fi waraanaa yeroo yeroon waan jijjiiramaa deemuuf akkataa dizaayinii isaa saffisaa fi ergama inni raawwatu irratti jijjiramootni yeroo yeroon taasifamaniifi jiru.

Sadarkaa amma irra jiruun jeetiin kun lafa irraa haleelu, teknoljoo farra haleellaa doonii fi sakatta'iinsa gaggeessuu akkasumas misaa'ela farra xiyyaaraa fayyadamuu dabalatee teknolojii waraanaa jabanaa hidhateera.

Bara 2015tti F-16 jeettii waraanaa addunyaa irratti bal'inaan itti fayyadamuun sadarkaa duraa qabate yoo ta'u, xiyyaaronni 2,000 ol ammallee addunyaa guutuutti tajaajila kennaa akka jiran amanama.

Qaamaan F-16 dheerinni isaa tilmaamaan meetira 15 yoo ta'u, baallee isaa gara meetira 9.45 dheerata.

Mootora dhiibbaa kiiloo niwutoonii 130 oomishuuf dandeettii qabuun kan hojjetu yoo ta'u, saffisni jeettichaa saffisa sagalee dachaa lamaa ol akka ga'u isa dandeessisa.

Meeshaan waraanaa isaas boombii akkasumas misaa'ela baallee isaa jalatti fe'amu kan of keessaa qabu yoo ta'u, ulfaatinni isaa waliigalaa naannoo kg 10,000 ta'a.

F-16 humna qilleensaa addunyaa biratti jaallatamuun isaa dizaayinii cimaa isaa qofa osoo hin taane, muuxannoo fi barumsa waraana qilleensaa Veetnaam irraa argame irraa kan madde yoo ta'u, kunis falaasama lola qilleensaa haalaan kan jijjiiredha.

Jaarraa 21ffaa keessa F-16 xiyyaara lafa irraa haleeluu danda'u ta'eera. Kun garuu dizaayinarota isaa jalqaba bara 1970moota keessa hin turre.

Ergama balaafamaa F-16n yeroo ammaa raawwatu keessaa tokko misaa’ela diinaa lafa irratti qophaa'e adamsuudha.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ergama balaafamaa F-16n yeroo ammaa raawwatu keessaa tokko misaa'ela diinaa lafa irratti qophaa'e adamsuudha.

Haa ta'u malee, dandeettiin naannoo fi gahee hojii adda addaa wajjin walsimsiisuun humnoota qilleensaa hedduudhaaf filannoo gatii guddaa qabu akka ta'u taasiseera.

"Addunyaa kana irratti bakka waldhabdeen guddaan uumame hundatti, carraan F-16 ykn sirni lolaa kanaan walqabatu jiraachuu isaa guddaadha," jedhu ogeessi aviyeeshinii Waldaa Rooyaal Aeronautical Society UK keessatti argamu Roobinsan.

Jalqaba irratti F-16 Fighting Falcon jedhama ture, garuu maqaan sun fudhatamummaa guddaa hin arganne.

Inumaayyuu xiyyaarri kun Viper jedhamuun caalaatti beekamuu itti fufeera.

Akka Roobinsan jedhutti maqaan kun kan dhufe sagantaa televijiinii Battlestar Galactica jedhamu kan dhuma bara 1970moota keessa qilleensarra oole irratti kan mul'ate yoo ta'u, xiyyaarri fiilmii Koloniyaal Vaayiper jedhamu F-16 waliin baayyee wal fakkaata ture.

Har'as, F-16 ammallee jeettee jabanaa fi egereef itti fufu ta'ee abdatama.

Tokkoon tokkoon F-35 doolaara miliyoona 100 ol kan baasu akka ta'ullee tilmaamama.