Haleellaan ISIS xiyyaarota Itoophiyaan kireessite irratti raawwate maal ture?

Madda suuraa, ASKY
Haleellaa buufata xiyyaaraa magaalaa guddoo biyya Afrikaa Lixaa taate Niijar irratti raawwatameen xiyyaaronni Abbaa Taayitaa Aviyeeshinii Itoophiyaa (EAA)tti galmaa'an lama ''miidhaan muraasni '' irra gaheera jedhe Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa.
Xiyyaaronni Boeing 737 lamaan miidhaan irra gahe daandiin xiyyaaraa "Asky" Daandii Qilleensaa Itoophiyaarraa kireeffattee akka ta'e ibseera.
Daandiin Qilleensa Ityoophiyaa, ibsa Guraandhala 02, 2026 baaseen, haleellaan buufata xiyyaaraa irratti raawwatame torbee darbe guyyaa Roobii halkan kan raawwatame ta'uu ibseera.
Dhaabbanni Islaamummaa [Islamic Istaate] (IS) ''haleellaa tasaa'' buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Deori Hamani, kan naannawa magaalaa guddoo Niijar, Nihamey alatti argamu irratti raawwatameef itti gaafatamummaa fudhateera.
Daandiin qilleensaa Kootdivoor haleellaa buufata xiyyaaraa kana irratti raawwatameen xiyyaarri Airbus A319 miidhamuu beeksisera. Qaama xiyyarichaa fi baallee mirgaa xiyyaarichaa akka miidhames ibseera.
Daandiin xiyyaaraa biraa haleellaa kanaan miidhame 'Asky' kan Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa qooda keessa qabudha.
Teessoon isaa Toogoo kan godhate Askay, daandiin xiyyaaraa 'pan-African' jechuun of ibsa, gara biyyoota Afrikaa adda addaatti balali'a. "Michuu teeknikaa fi tarsiimoo" Askay kan ta'e Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa baasii kaappitaalaa isaa keessaas hirmaannaa qaba.
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa bara 2001 kan hundeeffame Daandii Qilleensaa Asky keessaa qooda dhibbeentaa 25 qaba.
Daandiin Xiyyaaraa Asky ibsa Kamisa darbe, rakkoon nageenyaa muudachuu ibsuun ''xiyyaarota Asky lama buufata xiyyaaraa Niijer keessa dhaabbatanii turan irra ''miidhaa xiqqaan'' gaheera jedhe.
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa ibsa wixata kaleessaa baaseen xiyyaara Boeing 737 haleellaa irra gahe miidhamuu beeksise.
Xiyyaaronni miidhaman ''Daandii Qilleensaa Asky karaa Daandii Qilleensaa Itoophiyaa kireeffattoota xiyyaaraa irraa kireeffate'' jechuun beeksiseera.
Itti dabaluunis ''Abbaa Taayitaa Siiviil Aviyeeshinii Itoophiyaatti galmaa'aniiru'' jedhe.
Daandiin Xiyyaaraa Itoophiyaa garee teeknikaa gara bakka balaan kun itti dhaqqabetti erguun miidhaa xiyyaara kanarra gahe madaaluu ibsuun, gareen kun miidhaan qaqqabe ''xiqqaa'' ta'uu mirkaneessuu ibseera.
Xiyyaarri kun suphamee yeroo dhiyootti gara tajaajilaatti kan deebi'u ta'uus beeksiseera.

Viidiyoo ISIS haleellaa kana mul'isu
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa Niijeer haleellaa buufata xiyyaaraa irratti raawwatameen loltoonni 4 madaa'uu fi kanneen haleellaa raawwatan 20 ajjeefamuu ibsan.
Itti dabaluunis namoota ajjeefaman keessaa tokko lammii Faransaay ta'uu eeraniiru.
Mootummaan Niijeer fonqolcha mootummaatiin aangoo qabate pirezidaantonni Faransaay, Beeniin fi Ivorii KostI humnoota buufata xiyyaaraa haleelan deeggaran jechuun himate.
Raashiyaan haleellaa buufata xiyyaaraa irratti raawwatame fashaleessuuf gargaarsa gooteefis galateeffatan.
Gareen Islaamummaa haleellaa kanaaf itti gaafatamummaa fudhate, haleellaan kun jalqaba baatii Guraandhalaa irratti kan karoorfame ta'us sababa nageenyaatiin yeroo biraatti akka darbu BBC Monitoring gabaaseera.
Gareen kun Wiixata kaleessaa viidiyoo daqiiqaa tokkoo fi sakandii 37 chaanaalii Telegram isaa irratti gadhiisee miseensonni isaa wayita haleellaa kana raawwatan agarsiisa.
Viidiyoon kun namoota qawwee qaban hedduu kan agarsiisu yoo ta'u, irra caalaan isaanii mootar saayikilii yaabbatu. Namoonni qawwee qaban kun halkan buufata humna qilleensaa fakkaatu haleeluun yoo xiqqaate xiyyaaroti sadii waiyata gubatu mul'ata.
Xiyyaaronni salphaan lamaa fi helikooptarri tokko akka gubatanis gabasaleen ni mul'isu.
Viidiyoon kun namootni hidhatan kun mormii tokko malee bilisaan wayiata socho'an agarsiisa.
Viidiyoo kana keessatti namootni hidhatan yeroo xiyyarota dhaabbatanitti dhukaasanii fi dhohinsa guddaa uumuun mul'atu.

Marsariitiin daataa waraanaa madda banaa hordofu akka jedhetti xiyyaaronni viidiyoo kanarratti gubatanii mul'atan xiyyaarota waraanaa Ameerikaa fi Oostiriyaa, akkasumas helikooptara waraanaa Raashiyaa keessatti hojjetame ta'uu ibseera.
Xiyyaarri waraanaa Turkiin hojjetame tokkos rukutamuus miidhaan cimaan akka hin geenye gabaaseera.
Mootummaan waraanaa Niijeer, kan humna koloneeffataa ishee duraanii Faransaay waliin hariiroo waraanaa addaan kute, fonqolcha mootummaatiin aangoo erga qabatee booda, hidhattoota Islaamummaa naannicha keessa socho'an loluun fuula isaa gara Raashiyaatti garagalfateera.
Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Naayijeer Saalifuu Moodi ibsa kennaniin, loltoonni bitamtootni buufata humna qilleensaa magaalaa guddoo Niijeer keessatti argamu gara daqiiqaa 30f haleeluu isaanii fi tarkaanfiin haaloo ba'uu ''qilleensaa fi lafaan'' fudhatamuu ibsaniiru.















