Dubartoota lama Raashiyaaf basaasun Awurooppaa gamsiisan BBC'n saaxile

Madda suuraa, facebook
Caasaa basaasaa Raashiyaa Awurooppaa keessatti diriirsite keessaa dubartoota lama BBC'n faana dhahee qorannoo gaggeessun saaxilee jira.
Dubartoonni kun lachuu Raashiyaaf haa basaasan malee lammii Bulgaariyaati: Cvetelina Gencheva fi Tsvetanka Donchevawo jedhamu.
Bilbila namootaa butuun akka basaasaniif ergamni tika Raashiyaarraa kennameef. Gencheevan hojjattuu daandii qilleensaa yoo taatu deebii akka kennituuf BBC'n qunnamnaan bilbila cufte.
Doncheevan ammoo bakka mana bakka jireenyashee Ostiiriyaa, magaalaa Veenatti qaaman qunnamuuf yaallan "namni isin jettan ana miti" jechuun haalte.
Lammiileen Bulgaariyaa biroo jaha ammoo Raashiyaaf basaasuun himatamanii Landanitti adabbii hidhaa eeggataa jiru.
Warreen adabbii seeraa eeggataa jiran kunis qaamuma seelii basaasaa Raahsiyaan Awurooppaa keessaa qabduuti.
Seelin basaasaa Raashiyaa kun jireenya lammiilee yaaddorra kan buusu waan ta'eef oppireeshinii "baay'ee qindaa'aan" gaggeeffamuu ibse poolisiin UK.
Caasaa basaasaa Raashiyaa kana kan hogganu nama Jaan Marsaleek jedhamuufi Jarmanitti gaggeessaa dhaabbata daldalaa ta'eedha. Namoota basaastonni kun irratti xiyyeeffatan keessaa gaazexeessitoonni dhimma basaasa Raashiyaa irratti qorannoo gaggeessan tokkoodha.
Manni murtii UK himata dubartoota lamaan Raashiyaaf basaasan garuu qaaman kan hin argamne irratti baname dhaggeeffatteera. BBCn ammoo ragaalee intarneetii irraafi maddeen garaa garaa qunnamuun eenyummaa basaastota Raashiyaa lamaan lammii Bulgaariyaa ta'an kana adda baasun saaxileera.
Hojjattuu daandii qilleensaa Raashiyaaf basaastu

Madda suuraa, Cvetelina Gencheva/Facebook
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gencheevaan magaalaa guddoo Bulgaariyaa Soofiyaa keessa kan jiraattu yoo taatu, hojjattuu daandii qilleensaa ta'uusheetti fayyadamuun odeeffannoo balaliifi bilbila namootaa fayyadamuun isaan basaasti.
Namoota basaasuu barbaadde bakka isaan taa'an tikeettii isaanirraa waan beektuf cinaasaanii namni basaasaa ta'e akka taa'u gochuun lakkoofsa waan namni sun bilbila irratti barreessu ykn haasa'u sassaabu. Yoo danda'ameef ammoo paaswoordii bilbila nama sanaa itti siqanii ilaalun fudhatu.
Namoota paaswoordin bilbilasaanii jalaa hatame keessaa tokko gaazexeessaa Rooman Dobrokhotoov jedhamuudha. Gencheevan garee basaastotaa Jarmanitti ergaman keessaa tokkoodha. Gaazexeessaa Rooman jedhamu akka basaastuf ergamte. Garee basaastota UK keessatti qabamuun murtiin itti murtaa'ee keessaa nama sadu wajjin qunnamtii kan qabdu yoo taatu, isaan waliin ergaa waliif barreessun odeeffannoo wal-jijjiiraa turte.
Basaastonni Raashiyaa UK keessatti badiin itti murame: Orliin Ruuseev, Baayisar Dizambaazoof fi Kaatriin Ivaanovadha.
BBCn jalqaba eenyummaashee isa sirrii bira kan gahe pirofaayilii miidiyaa hawaasaa ishee irraayi. Facebook irratti Kaatrin Ivaanoovafi Baayisar waliin waliif barreessaa turte.
Sana booda hojjattuu daandii qilleensaa ta'uunshee bira gahame. Fuula LinkedIn isheerratti ammoo dhaabbilee imalaaf tikeettii imalaa gurguruu irra akka hojjattu ibsiteetti.
Akkasumas sooftiweeridhaan ogummaa gahaa akka qabdu LinkedIn isheerra keessetti.
BBCn qorannoo gaggeessen erga eenyummaashee baree booda, tajaajila nageenyaa Bulgaariyaa waliin hidhata akka qabduufi Raashiyaafis nama basaastu ta'uu maddeen BBCf mirkaneessan.
Bilbila Bulgaariyaa isheen fayyadamtuun BBCn ishee qunnamus BBC irraa ta'uu gaafa bartu bilbilashee cufte.
BBCn yaadashee baruuf xalayaa barreessefis, dhimmicharratti yaada kennuu akka hin barbaanne ibsuun deebii kennite.
Dubartii Veenaa

Madda suuraa, Sivetaankaa Doncheevaa/Facebook
Doncheevaan ammoo dubartii biraa magaala guddoo Ostiriyaa kan taate Veenaa keessa taa'un Raashiyaaf basaasti.
Gaazexeessaa qorannoo gaggeessun beekamu Kiristoo Giroozeev jedhamu akka baasaastuf ergamni kennameef.
Magaalaa Jeneevaa keessa mana jireenyaa inni keessa jiraatu fuuldurasaa kireeffachuun kaameeradhaan bahaa galasaa hordofti. Dabalataanis piroppaagaandawwan farraYukireen bifa istiikariitin bakka garaa garaatti akka maxxansituufis ergamni kennameef.
Magaalaa Veenaa keessatti baasatota Raashiyaa UK keessatti itti murtaa'e wajjin yoo xiqqaate si'a sadi wal-argiteetti.
Gaggeessaa Tajaajila Icciitii Ostiriyaa kan ta'e Omaar Haijawi Pirchinar dabalatee qondaalota olaanoo Ostiriyaa heddu kanneen isheen kiyyoo basaasashee keessa galchiteedha.
Qondaalota Ostiriyaa qofa osoo hin taane, gaazexeessituu gabaasa qorannoo hojjattu Anna Taalhamaris basaasaa turte.
Docheevaan hojii seera qabeessa qacaramtee hojjattu hin qabdu. Ji'a Muddee keessa poolisiin shakkee mana murtiitti dhiyeessun himanni irratti baname. Hojii basaasaa irratti bobba'uun nageenya Ostiiriyaa yaaddoo kessa buusuu manni murtii ragaa itti dhiyeesse.
Isheenis yaada qorattootaf laatten, lammiin Bulgaariyaa Raashiyaaf basaasun himatamee adabbii hidhaa eegataa jiru Vaaniya Gaberoovaa wajjin hiriyaa yeroo dheeraa akka turaniifi inni hojii basaasaf akka ishee qunname dubbachuun hojii basaasaa irratti hirmaachuu amante.
Maqaafi suuran akkasuma qunnamtiifi teesson namootaa akka irratti basaastuf kennamuufis amante.

Madda suuraa, Adam Walker/BBC
Dubartiin Raashiyaaf basaastu kun gaazexeessituu gabaasa qorannoo gaggeessitu Anna Taalhamar bakka isheen hojjattuufi reestorantii keessatti itti siqxee suura kaasaa turuu poolisiitti himte.
Gaazexeessituu Annan gamasheen akka basaasni irratti gaggeffamaa jiru poolisiirraa odeeffannoon ishee qaqqabuu BBCtti himte.
"Yeroo heddu [dubartiin Raashiyaaf basaastu] biiroo dura reestoraantii qurxummii keessa teessi," jechuun qondaalota mootummaa olaanoo heddullee basaasamaa akka jiran himte.
Doncheevan maqaashee bira darbee kan adurreesheetinuu akkaawuntii bantee jirti. T-shartii suura Puutin qabu uffachuun suura kaatee facebook irratti maxxansiti.
BBCn daandirratti ishee arguun gaaffii dhiyeessufis Doncheevan akka isheen hin taane himuun dubbachuu didde.
Dubartoota Awurooppaa keessatti Raashiyaaf basaasan kan BBCn saaxile kun lamaan lammiilee Bulgaariyaa jaha Raashiyaaf basaasun himatamanii itti murtaa'e waliin waliin qunnamtii qabu.

Madda suuraa, Metropolitan Police handout and social media
Ruuseev qindeessaa seelii basaastota Raashiya Awurooppaa keessa jiranii yoo ta'u itti waamamnisaa qondaala tikaa Mooskoo jiru Maarsaalek jedhamuufi.
Poolisiin UK ergaawwan 80,00 ta'an karaa Telegiraamii Ruuseevifi Maarsaalek waliif ergaa turan bira bira gaheera.
Bara 2023 osoo poolisiin hojiisaanii hin danqin dura seelin basaasa Raashiyaa kun oppireeshiniiwwan garaa garaa gaggeessuu isaanii ergaan karaa Telegiraamii waliif ergaa turan ni agarsiisa.
Basaastonni Raashiyaa UK keessa buufatan loltoota Yukireen leenjif buufata waraanaa US kan Jarman keessatti argamu keessa jiranirrattis xiyyeeffachuun basaasaa turan.
Caasaa basaasaa Raashiyaa Awuroppaa keessatti argamu kan qindeessan Ruuseevifi Maarsaalek gaazexeessitoota qeeqa Raashiyaa gabaasaniifi qorannoo gaggeessan Kiristoo Groozeev fi Rooman Dobrokhootov ukkaamsuun ajjeeffamuu akka qaban mariyatu.
Gencheevan ammayyuu Bulgaariyaa keessa bilisaan jiraatti. Ofiishee akka ogeettii daandii qilleensafi imalaa beekamtuutti of dhiyeessiti.
Erga BBCn ishee qunnamee booda Gencheevaan pirofaayilii miidiyaa hawaasaashee jijjiirtee jirti.












