Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Magaalaa gaa'ila hiikuun itti baay’atu keessatti gaa'ela waggaa 50 kabajuu
Magaalaa Naayijeeriyaa namoonni baay’inaan gaa'ilasaanii hiikan keessatti haadha warraa fi abbaa tokko garmalee galateeffamaa jiru.
Maatiin kunis tibbana waggaa 50ffaa gaa'ela isaanii kabajan. Kunis waan naannoo isaanii keessatti hin baratamneedha.
Mahamuud Kaabir fi Rabiyaatuu Taahir iccitii gammachuusaaniif sababa gaa’elli hedduun bulchiinsa Kaaba Kaanoo keessatti diigamu irratti BBC waliin turtii taasisan.
Mahamuud milkaa’inni gaa’ela isaanii arjummaa haadha manaa isaa ta’u dubbata.
''Nama ofittummaa kan hin qabne waan taateef waan baay'ee bira darbiti kunis milkaa'ina gaa'ela keenyaaf gumaacheera,'' jechuun maanguddoon ganna 76 BBC Hausaatti himaniiru.
Jechisaa kun Aadde Taahir kan dhuma waggaa jaatamaa keessa jirtu akka seeqatu godhe.
Walumaagalatti jarri kun ijoollee 13 horataniiru. Rakkoo maatiin isaanii mudatu kamiifuu abbaan warraashee tasgabbaa'ee jiraachuu danda'uu isaaf jajatteetti.
''Nama baay'ee obsa qabuudha, sunilleen milkaa'ina keenyaaf sababa akka ture natti dhaga'ama,'' jetteetti.
Lamaan isaanii wal jaallachuu fi wal kabajuu isaanii dubbatu - akkasumas waliin taa’anii haasa’uun akka isaan gammachiisu.
Kunis yeroo gaaffii fi deebii kana taasifne ifatti mul’ata- gidduu gidduuti qoosanii kolfaa turan.
Haassanaa Mahamudiif kun waan ajaa’ibaa. Dubartiin ganna 39 kun yeroo shan gaa’ela godhate, hunda hiikan adda bahan. Jarii kun yeroo dheeraa kanaaf gaa’ela keessa turuu isaaniif dinqisiifateera.
"Gaa'elakoo hunda keessatti waggaa afur qofa abbaa warraa waliin dabarseera - kanaaf miidiyaa hawaasaa irratti milkaa'ina kana kabajuu isaanii arguun nama gammachiisa," jetti.
''Abbootiin warraakoo yeroo jaalalaa hundi isaanii nama gaarii fi kan namaaf yaadu turan garuu cidha booda jijjiiramaniiru,'' jetti haati ijoollee afurii kun.
''Namoonni Kaanoo 'magaalaa guddoo wal hiikuu Naayijeeriyaa' jedhanii waamu yeroon dhaga'u miira hamaatu natti dhaga'ama, wanti jiru akka jijjiiramu abdiin qaba,'' jetti.
Kaanoon maqaa masoo kana kan argate bara 1990 keessa lakkoofsi wal hiikuu dabaluu erga jalqabee booda. Hanga amma garuu maqaan kun itti maxxaneera.
Magaalaa kana keessatti ji'a ji'aan gaa'elli dhibbaan lakkaa'aman ni diigama.
Bara 2022 qorannoon BBCn mootummaa naannoo waliin ta'uun gaggeesse akka ibsetti gaa'elli naannoo Kaanoo dhibbeentan 32 ji'a sadii hanga ja'aa qofa jiraata.
Akkasumas namoonni umriin isaanii waggaa 20 hanga 25 gidduu jiran gaa'ela si’a sadii godhatanii hiikuu qorannoon kun mul’iseera.
Hammi addaan bahuu naannoo kana keessatti yaaddessaadha - keessumaa dhaabbata Islaamaa kan dhimma naamusaa ilaalu fi seera Islaamaa (Shari'aa) kutaa biyyattii keessatti kabachiisu Hisbaah jedhamuuf.
Dhabbanni kun kutaa poolisii dhiiraa fi dubartoonni walitti akka hin makamnee fi uggura dhugaatii alkoolii raawwachiisu qaba.
Akkasumas rakkoo gaa’elaa furuuf tajaajila gorsaa qaba.
Namoonni Kaanoo keessatti dargaggoota ta'anii fuudhuu barbaadu - yeroo baayyee umurii seera qabeessa ta'e 18 osoo hin gahin.
Kaan ammoo Islaamummaan wal hiikuu salphaa wal hiikuu waan godheef kun ta’e jedhu. Fakkeennaf abbootiin warraa salphaatti haadha warraa isaaniitin, “si hiike” ykn sana waraqaa irratti barreessuun gaa’elli diigama.
Tibbana ergaan miidiyaa hawaasaa irratti ergamu gaa'ela diiguuf gahaadha.
Amiiniu Daurawaa rakkoo wal hiikuu kana furuuf Hisbaah waliin hojjeta.
Furmaata isaanii keessaa tokko namootaaf carraa lammaffaa kennuu fi jireenya gaa’elaaf haala gaariin qopheessuudha.
Ejensichi gaa'ila jumlaa, kan “Auren Zawarawa” jedhamu namoota wal hiikaniif qopheessa.
Namoota dhibbaan lakkaa'aman kanneniif erga sirnni cidhaa guddaa tokkoo qophaa'ef, daldala akka hundeessani fi meeshaalee manaa akka bitan gargaaruuf maallaqni xiqqaan ni kennamaaf.
Dhaabbati bara 2012 eegale ammo ammallee wal hiikuu ol’aanaadha jedha Daurawaan.
''Waa'ee rakkoo sanaa ni beekna. Kanaaf, bu'aa wal fakkaatu akka hin arganneef koree namoota wal fuudhan kamuu irra bahee ilaalu hundeessine,'' jedhan.
Garuu hundeessan dhaabbata miti mootummaa Women and Children Initiative jedhamu Hadizaa Adoo lakkoofsi namoota wal hiikanii dabaleera jedhan.
''Yeroo ammaa kana waajjiraalee keenya adda addaa keessatti guyyaatti dhimmoota gaa'elaa hanga 30 arganna,'' jechuun BBC'tti himan.
''Dinagdeen Naayijeeriyaa rakkisaa ta'e yeroo ammaa kana sababa tokkoffaa. Abbootiin manaa hojii barbaduuf mana ba’anii, yeroo tokko tokko immoo harka duwwaa gara manaatti deebiʼan, kunis waldhabdee uuma.”
Hawaasa Musliimaa keessatti dhiiraa fi dubartoonni walitti hin makaman, kanaaf hiriyoota ta'uu yookaan wal arguun rakkisaa waan ta'eef, namoonni gaa’elaaf isaan walitti fidu jiraachuun baramaadha.
Namoonni yeroo walitti fidaman osoo akka gariitti wal hin beekne wal fuudhan.
Mahamuud Kaabir fi Rabiyaatuu Taahir dargaggummaa isaaniitti dubartiin ollaa isaanii jiraattu tokkoon kan wal barsiifaman.
Garuu waggoota 12’f osoo gaa’ela hin dhaabbatin turan, kunis wal baruuf yeroo gahaa isaaniif kenne.
''Namoonni akka gaaritti wal hubbachuuf gaa'ela dura qorannoon hedduun godhamuu qaba,'' jechuun Raabiyoo Adoo BBC'tti himaniiru.
Innis waggoota 10 dura hojii namoota gaa’elaaf walitti fiduu kana eegale.
Amma bilboordii tajaajila isaa beeksisu qaba - guyyaa guyyaan maamiltoota hanga shanii argata.
Waan isaan fedhan hubbachuuf qorata. Yeroo baay'ee dhiironni dubartii qarshii argachuu dandeessu barbaadu dubartoonni immoo dureeyyii barbaadu.
“Namoonni baay’een yaada dogoggoraa qabatanii gaa’ela keessa seenu, kanaafidha yeroo muraasa booda kan mufatan.”
Waggoota kurnan darban keessatti gaa'ila 500 ta’u qindeessee milkaa'inni isaa dhibbeentaa 90 ol akka ta'e dubbata.
“I feel why divorce is high in Kano is because people feel I can always get another person after a divorce.”
“Kaanoo keessatti sababni wal hiikuun ol’aanaa ta’eef, namoonni yeroo hunda erga wal hiikaniin booda nama biraa argachuu akka danda’an waan itti dhaga’amuuf.” Jedhan.
Hoganaa amantii Islaamaa kan ta’e Abdullahii Ishaaq sababa wal hiikuun muslimootaaf salphaa ta’eef dubbata.
Islaamummaan gara laafessa waan ta'eef, yeroo wanti sirritti hin deemne namoonni akka bakka tokkotti hin hidhamneef wal hiikuun akka hin cimne godheera,'' jechuun BBC'tti himaniiru.
Mahmud rakkoo jireenyaa qooddachuu fi wal gargaaruun Aadde Taahir waliin yeroo dheeraa jiraachuun murteessaa ta'uu dubbata.
“Jaalallis furtuudha sababiin isaas yeroo dhugaadhaan wal jaallattan waliin turuuf carraa qabdu.
''Namoota gaa'ela godhataniif gorsi ani kennu sababa ofittummaaf itti seenuu osoo hin taane akeeka dhugaa qabatanii itti seenuudha.”