Ijoollee warra hin qabneef cidha jumlaan qopheessuun Naayijeeriyaatti dheekkamsa kaase

Naayijeeriyaatti ijoollee abbaa fi haadha hin qabne 100 ta'aniif sagantaan cidhaa karoorfame dheekkamsa guddaa kaase.

Namoota warroomuuf kunneen keessaa gariin isaanii shamarran umuriin isaanii heerumaaf hin geenye yoo ta'an, Caamsaa 24, 2024 bulchiinsa kaaba dhiha Niijer keessatti akka wal fuudhaniif karoorfame.

Warreen wal fuudhuuf jiran kun hundi isaanii haleellaa wanbadoota hidhataniin qaqqabeen warra isaanii dhaban.

Hidhattoonni kun irra deddeebiin namoota nagaa naannicha keessa jiraatan haleelu.

Ministirri Dhimma Dubartoota Naayijeeriyaa Uju Kenedii-Ohanenye, ajaja mana murtii sagantaan cidhaa sun akka hin raawwatamnedhorku baasaniiru.

Akka gabaasaaleen jedhanitti, cidha jumlaa kana Af-yaa’iin mana maree bulchinsa Nijeer Abdulmalik Sarkin-Dajiin kan deeggaramee yoo ta’u, abbootiin amantii naannoo sanaa maallaqaan gargaaruuf isa gaafachu dubbate.

Foramiin Imaamtootaa Niijar sirni gaa'ilaa kun akka raawwatamuu qabu ibsuun, shamarran kunneen umuriin isaanii 18 gadi akka hin taane eere.

Waggaan 18 umrii seera qabeessa fuudhaa fi heerumaaf raawwachuun eeyyamamu.

Haa ta'u malee, qeeqxonni shamarran kaan umuriin isaanii waggaa 18 gadi ta'u ibsuun, bu'aa maallaqaa argachuuf akka dirqama ajajaman jechuun yaaddoo qaban ibsan.

Ministirri Dhimma Dubartoota Naayijeeriyaa shamarran kunneen ''waan gaariitu isaaniif mala'' jechuun, Biiroon isaanii shamarran 100 kunneen eenyu akka ta’an, umriin isaanii fi gaa'ela kanaaf fedha qabachuusanii isaanii qorachaa akka jiru dubbatan.

Biiroon isaanii shamarraniif barnootaa fi leenjii akka kennu ibsuun, yoo af-yaa'iin kutaa bulchiinsa Niijer tattaaffii kana danquuf yaale falmii seeraa cimatti seenna" jetteetti.

Jimaata darbe kana Gorsituun Pirezidaantii biyyattii Abiduun Issiit, karoora hojii Aadde Kenedii-Ohanenye irra deebi’anii ibsan.

Aadde Issiit gamasaaniitiin imaammataa fi sagantaalee namoota dinagdeen miidhaman caalaatti hubu akka dhaabatu gaafatan.

Naayijeeriyaa keessatti falmitoonni mirga namoomaa sagantaan cidhaa kun akka dhaabbatu iyyannoo sassaabuu jalqabanii jiru. Amma Jimaata galgalaatti namoonni 10,500 iyyaata kana mallatteesan.

Akka gareen sadarkaa idil-addunyaa duula gaggeessu Girls Not Brides jedhutti, Naayijeeriyaa keessatti shamarran %30 fi dhiironni %1.6 umuriin isaanii waggaa 18 otoo hin guutiin gaa’ila kan raawwatan yoo ta’u, Ijoolleen durba %12 ta’an guyyaa dhaloota isaanii waggaa 15ffaa otoo hin kabajatiin heerumu.

Daa’imman fuudhuuf heerumsisun baay’inaan kutaa kaaba biyyattii, maatii hiyyeeyyii baadiyyaa jiraatan biratti baramaadha.

Kunis dhibbaa dinagdeen isaanirra gahu hir’isuu ykn hariiroo hawaasummaa cimsachuu akka ta’eetti ilaalama.