Pirezidantii duranii Biraazil hirqinfuun itti hammaatee yeroo sadaffaaf opireeshinii ta'e

Madda suuraa, EPA
Pireezidantiin duraanii Biraaziil amma mana hidhaa jiru Jaa'ir Bolsonaaroo garaagarummaa guyyoota afurii keessatti yeroo sadaffaaf opireeshinii godhame.
Sababni ammoo hirqinfuun irraa dhaabbachuu diduudha.
Opireeshiniin inni sadaffaa kun 'phrenic nerve' cufuurratti kan xiyyeeffate ture.
Narviin kun mormarra kan jiru yoo ta'u, hojii diyaafiramii to'ata. Diyaafiramiin ammoo hargansuu to'ata.
Haati warraa Bolsonaaroo Misheel ibsa miidiyaa hawaasaa gubbaa baasteen abbaan warraashee opireeshinii sadaffaa kan raawwate erga Sambata darbee kaasee hirqinfuun irraa dhaabachuu waan dideefi jetteetti.
Pirezidantiin duraanii kun bu'aa filannoo bara 2020 humnaan jijjiiruuf yaaleera himannaa jedhuun hidhaan waggaa 27 irratti murtaahee mana hidhaa jira.
Ogeeyyiin fayyaa pirezidantii kanaa har'allee qorannoon gaggeeffamuuf akka jiru himaniiru.
Waldhaansi baqaqsanii hodhuu lamaan Sambata xiqqaa fi Wiixata gaggeeffaman phrenic nerve bitaafi mirga jiru irratti akka ture himaniiru.
Haati warraa ammoo Bolsonaaroon ji'oota sagala darban guyyaa guyyaan hirqinfuun rakkachaa ture jetteetti.
Bolsonaaroon yeroo dheeraa Hospitaala akka hin turre ogeeyyiin ibsaniiru. Guyyaa bara haaraattis achii ni baha jedhaniiru.
Bolsonaaroon waldhaansa kana duras ji'oota dura waldhaansota baqaqsanii yaaluu lama gaggeesseera.
Bolsonaaroon bara 2019-2023tti Pirezidantii Biraaziil ture. Achiis filannoo bara 2022 irratti Luwiis Inaasiyoo Luulaa da Siilvaatiin injifatame.
Bara 2018 ammoo duula filannoorratti garaa keessa waraanamee, dhiigni guddoo dhangala'uu booda waaldhaansa baqaqsanii yaaluu argatee ture. Ergasii badaa fayyaa hin qabaanne.












