Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ameerikaatti Kanniisni miliyoona 250 ta'u konkolataa garagale keessaa yaa'uu hordofee akeekkachiifni kenname
Akeekkachiisni kan kenname erga kanniisni miiliyoona 250 ta'u US keessatti konkolaataa fe'umsaa garagalee keessa yaa'anii booda akka ta'e himameera.
Jimaata darbe kutaa biyyaa Waashingitanitti konkolaataa fe'umsaa tokko kan garagalee yoo ta'u achi keessaa tilmaamaan kannisootni miliyoona 250 ta'an yaa'uu fi ummatani kannisota kanaan hiddamurraa akka of eeggatan anga'oonni akeekkachiisaniiru
Konkolaataan fe'umsaa kun damma kannisa qabu gara kiloogiraama 31,750 ta'u fe'ee utuu geejjibsiisuu daandii daangaa Kanaadaatti dhihoo jiru irratti erga garagalee booda namoonni balaa tasaa kanaaf deebii kennan, keessumaa kannisa madaksuun muuxannoo qaban heddun hirmaataa jiru.
"Kaayyoon keenya hamma dandeenye kannisota hedduu baraaruudha," jechuun Waajjirri bulchiinsa Sheriif Whatcom (WCSO) irraa taatee kan booda ibseera
Angawoonni bakki balaan kun itti dhaqqabe "hanga hojiin baraarsaa xumuramutti" cufamee akka turu himaniiru.
"Amma kannisni miliyoona 250 ka'eera," jechuun Sheriif Kaawuntii Whatcom kan ibse. Naannoowwaan kannisni kunneen itti dambali'anii fi miliquu danda'anillee akka adda baafamiiru.
Kunuunsitootni kannisaa poolisii waliin ta'uun "kannisa ka'e kana saanduqa deebisuuf meeshaalee kannisa qubachiisan kan dammaa fi urgawaa adda adda qabu fayyadamaa jiru
"Tooftaa kanaan kannisotni kunneen deebi'anii akka qubatanii fi mootiin kannisaa to'atamtu gochuun saatii sa'aatii 24-48 itti aanan keessatti ta'uu qaba."jedhan
Poolisiin guyyaa Jimaata gara booda miidiyaa hawaasaa irratti odeeffannoo haaraa baaseen warra kannisa kana qabuuf yaalan galateeffateera.
"Hawaasa ajaa'ibaa kannisa kunuunsu'' jechuun tattaffii baraarsaa namootni kudhan lamaa ol irratti hirmaatan kana dinqisiifateera
"Ganamaatti kannisotni baay'een isaanii gara saanduqa isaaniitti deebi'uu qabu turan," jechuun Wajjirri bulchiinsa Sheriif Whatcom (WCSO) miidiyaa hawaasa irratti maxxanseera
Viidiyoon poolisiin qoode akka mul'isutti kannisotni hedduun naannoo konkolaataa fe'umsaa garagalee kanaa barrisaa jiru