Euro 2024: Tilmaama taphoota kuffisanii darbuu gareewwan 16

Gareewwan tapha waancaa Awurooppaa- Euro 2024 irratti hirmaataa turan 24 keessaa saddeet yeroon gaggeeffamaniiru.
Gareen falmii Barlin irratti taasifamuuf ga'uu danda'an isaan kam isinitti fakkaatu?
Gareewwan hafan 16 Sambata borii irraa eegaluun tapha kuffisanii darbuu ni taphatu.
Xiinxalaan kubbaa miillaa BBC Kiriis Suutan tilmaama taphaa gareewwan 16 akkanaan kaa'eera.
Sambata
Tapha Siwiizarlaand fi Xaaliyaaniin waliin taphatan irratti injifannoon kan Xaaliyaanii akka ta'u tilmaama Suutan.
Mo'attoota waancaa isa darbee ta'uusaanii caalaayyuu raawwii isaan tapha Kirooshiyaa waliin qabatan irratti falmiin isaan taasisan gulantaa kuffisanii darbuutiin isaan ga'eera. Kun hunda caalaa hamileen akka fuulduratti deeman taasisa jedhe Suutan.
''Gareen lameenuu morma walhudhuu danda'u, garuu Xaaliyaaniin salphaatti waan dorgommii kanatti nagaa dhaamtu natti hin fakkaatu'' kan jedhu Suutan, taphni kun goolii 0 fi 1n olaantummaa Xaaliyaaniin akka xumuramu tilmaame.

Tapha biraan ammoo qopheessituun dorgommii bara kanaa Jarmaniin taphoota kanaan dura Iskootlaand fi Hangarii waliin taphatterratti olanatummaa guddaa agarsiistus Siwiizarlaand garuu itti cimee ture.
Taphoota darban akkaataa taphattoonni itti hiriiran kan hin jijjiirre Jarmaniin, amma taphataa ishee Jonaataan Taahi adabbiidhaan waan dhabdeef, tapha Deenmaark waliin taphatan kanarratti akkaataa taphaa fi hiriira taphattootaa jijjiiruu dandeessi.
Warri Deenmaark akkaan qindoomina qabaachuusaanii tapha Ingilizii waliin taphatan irratti argineerra.
Garuu warri Jarmanii carraa goolii galchuu hedduu waan qabaniif tapha kana akka mo'an nan tilmaama jedhe Suutan. Taphni kun goolii 2 fi on akka xumuramus tilmaame.
Dilbata
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ingiliziin tapha amansiisaa agarsiisuu baattus gareeshee keessaa sadarkaa jalqabaarra taatee darbuun karoorashee ture.
Gareen maqaa guddaa qabu kun of fooyyessaa akka deemu, tapha Siloovaakiyaa waliin qaban kanas mo'achuuf cichee akka taphatu ni beekna.
Qindoomina Siloovaakiyaa akkaan cimaa ta'us Ingiliziin duristee goolii galchinaan taphichi ni salphataaf.
Saawuz Geet sarara gidduu irratti bakka Kuunoor Gaalaagaar Koobii Maayinuu akka hiriirsisu ni eegna.
Kana malees Kool Paalmar dhaabbiidhaan akka hiriiru ni eegna, haala kanaa yoo deeman taphicha Ingiliziin 2 fi 0 dhaan ni mo'atti jedhe Suutan.
Taphni biraa akkaan eegamu kan Ispeen fi Joorjiyaati. Tapha hanga ammaa warri Joorjiyaa taphatan jaalladheera kan jedhu Suutan, keesattuu miira gareen taphachuu akkaan nama hawwatu qabu jedhe.
Haata'u malee taphoota ramaddii hanga ammaa taphatan yoo ilaalle kilaboota ciccimootu isaan ga'aa ture.
Tapha ammaa kanas taanaan Ispeen sarara ittisaarraa hanga fuulduraatti garee qindaa'aadha. Kanaaf tapha kana Ispeen 3 fi 1n ni mo'atti.
Wiixata

Gareewwan bara kana tapha waancaa Awurooppaa irratti hirmaatan keessaa kan akka Beeljiyem nama mufachiise hin jiru. Leenjisaan garee kanaa Domanikoo Tedeskoo sababa raawwii kilabichaa akkaan qeeqamaa jiru.
Faransaayis yoo ta'e akka eegamte osoo hin taane tapha nama nuffisiisu taphattee gareeshee keessaa lammaffaan dabarte.
Gareen kun dorgommiiwwan akkanaa miira qabbanaa'een eegaluun beekamti. Waancaa ni argatu jedhee tilmaaman kaa'e jijjiiruu hin barbaadu.
Tapha kuffisanii darbuu kanas Faransaay 1 fi 0 dhaan Beeljiyem mo'achuu dandeessi jedhe Suutan.
Taphni biyyi Kiristaanoo Roonaaldoo- Poorchugaal Siloveeniyaa waliin taasisani Wiixata akkaan eegama.
Kiristaanoon taphisaa akka durii jiraachuu baatus gareensaa mala maltee taphaa isaa hordofuun waan hin oolle.
Warri Silooveeniyaa 4-4-2 godhanii taphattoota isaanii yoo hiriirsan Kiristaanoo Roonaaldoof haala mijataa uuma.
Gareen kun garee qindoomina cimaa qabu ta'us garuu Poorchugaal keessa taphattoonni gareedhaanis ta'e dhuunfaadhaan bu'aa buusuu danda'an heduu waan ta'aniif itti cima. Kanaaf Poorchugaal 3 fi 0 dhaan mo'achuu danda'a.
Taphi biraan Wiixata gaggeeffamu kan Roomaaniyaa fi Neezarlaandis akkasumas Ostiriyaa fi Turkiiti.
Meemfis Deepaay gareensaa nuusa xumuraa keessa akka seenan dursee tilmaamus Neezalandis garuu akkaataan isheen itti darbite amansiisaa hin turre.
Tilaamni guddaan kan kennameef Neezarlaandis sadaffaadhaan darbite, kan tilmaamni homaa hin kennamneef Roomaaniyaan ammoo garecha keessatti tokkoffaa ta'uun darbite.
Garuu taphni kun Roomaaniyaaf kan xumuraa ta'uu mala. Goolii 1 fi 3n mo'amuu dandeessi jedhe Suutan.
Kilaboota ciccimoo jedhaman Faransaay fi Neezarlaandis dursuun gareeshee keessaa tokkoffaan kan darbite Ostiriyaan ammoo Turkii walii taphatti.
Warri Ostiriyaa qormaata kamuu keessa darbuu akka danda'an tilmaamama.
Truki gamasheetiin kilaba raajeffannaa guddaa argatteedha, deeggartoota hedduus qabdi.
Haata'u malee saffisa Ostiriyaa dura dhaabbachuu waan danda'an natti hin fakkaatu.
Tapha kana Ostiriyaan 3 fi 1n Turkii mo'achuu dandeessi.












