Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Keeniyaa naannoo hawaasni Oromoo jiraatutti ibiddi qabatee balaa qaqqabsiise
Keeniyaa kaawuntii Isiyooloo naannoo hawaasni Booranaa jiraatutti ibiddi torbee darbe qabatee looniifi lafa dheedumsaa irratti miidhaa qaqqabsiise.
Bulchaan kutaa bulchiinsa Ceerrabaa Obbo Roobaa Huseen ollaa tokko keessa ''re'een 20 gubattee duute,'' jedhan.
Horiin manaa kaan kan mukatti hidhamanii turan hunduu lubbuun akka hin baane himaniiru.
Garuu lubbuun namaa balaa ibidda kanaan darbe akka hin jirres himaniiru.
''Loon tokko ammoo dhaltee dhaabataa turte baqattee, ilmaanshee gubattee duute,'' jedhan.
Bulchaan kun ibiddi kutaa bulchiinsa lama keessatti qabate hamma yoonaa hin dhaamne jedhan.
Tajaajilli Eegumsa Bosonaa Keeniyaa fi Hawaasni Fannoo Diimaa lafa ibiddi jiru qaqqabanillee ''ibiddi hin dhaamne'' jedhan.
Naannoo Obbo Roobaan bulchan Cerraba keessa gandoota shan keessa afur ibiddi keessatti boba'aa jira tokko qofaatu dhaame jedhan.
Gandooti Mataa Arbaa, Korbeessa, Mataa Gaalaa, Basaa jedhaman keessatti ibiddi kuni akka jiru ibsaniiru Obbo Roobaan.
Mootummaan namoota naannoo ibidda kana dhaamsuuf yaalan 'nyaataafi bishaan' dhiyeessaa jiraachuu himaniiru.
Haala kanaan ibiddi gara naannoo biraa Seerichoo jiru dhaamee ''akka debi'ee hin kaane eegaa jiru'' jedhan.
''Lafti gubate lafa horiin dheedani yoo tahu heektaarri 80,000 ol ibidda kanaan manca'eera,'' jedhan.
Cerraba keessatti horiin lafa dheedumsaa dabareedhaan bobbaafamu jedhan.
Warra amma achi keessatti baqatan ''bayyanachiisaa jirra'' jedhan Obbo Roobaan.
''Eela bishaanii yeroo bonaa qofa banamu amma isaaniif bannee fayyadamaa jiru,'' jedhan.
Lafti gubachaa jiru lafa namoonni jiraatan yoo tahu, yaaddoo waan qabaniif horii isaanii dhiisanii lafa fagootti baqachaa jiru jedhan.
Kanaaf ''aananiifi foon horii kanarraa argatan dhabaniiru,'' jechuun ibsan.
Kanneen ibidda baqatanis ''hanqina nyaataan'' akka hin hubamnes yaaddoo qabaachuu dubbatan.
Obbo Roobaan Hospitaala Isiyooloo wajjin hojjechuun baqattoonni kunneen akka gargaaraman hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Sodaan biraa isaan qaban hawaasni lafti jalaa gubate kuni lafa dheedumsaa barbaacha gara ollaa biraatti yoo godaanan lolli ka'uu malaa kan jedhu dha.
Ibiddi bulchiinsa Ceerrabaa keessatti akkatti qabate yoo ibsan, ''ijoolleen qeerransa re'ee nyaatu argitee baddaa kana keessa qeerransi jira jechuun ibidda itti qabsiiftee,'' jedhan.
Lafa Seerichoo jedhamutti ammoo tiksitoonni garii ''silmiin lafa dheedumsaa keessa jira,'' jechuun ibidda qabsiisuu himan.
Dhaabbata Fannoo Diimaa dabalatee kanneen ibidda kana dhaamsuuf bobba'an akkamiin to'achuu hin dandeenye gaaffii jedhuufis Obbo Roobaan deebii kennaniiru.
''Lafa dheedaa kanatti margi biqiluu akkaan dhedheeraa waan taheef yoo olirraa xiyyaaraan dhaamsan malee jalaa dhaamsuuf yaaluun hojjechaa hin jiru,'' jedhan.