Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haalluu diimadiin yeroo balaa ibiddaa ka'u ittiin dhaamsamu maaliidha?
Gareen hojjettootaa ibidda bosona balaafamaaa kibba Kaalifoorniyaatti ka'e dhaamsuuf yeroo wal'aansoo qabanitti akkasumas suuraaleen yeroo xiyyaarroonni qilleensa irraa daakuu diimaa fi bifa diimadii qabu yoo naannoo magaalaa Los Anjeelees irratti gadi bittinsa mul'atan.
Wanti ija namaa hawwatu fi kan ibidda dhaamsu kunis amma naannoo sanatti kan barame yoo ta'u, daandii konkolaataa, foddaa fi gubbaa konkolaattotaa uwwisee jira.
Qondaaltonni akka jedhanitti, torban darbe keessa qofa abiddichi dhaamsuuf daakuun diimadii gaaloonii kumaatamaan lakka'aamu biifameera.
Ofii keemikaala kana keessa maaltu jira, ibidda bosona kana ittisuuf akkamitti gargaara?
Wanti ibidda dhaamsu oomisha kun Phos-Chek kan jedhamu yoo ta'u, dhaabbata Perimeter jedhamutti gurgurama.
Bara 1963 irraa eegalee US keessatti balaa ibiddaa ittiin dhaamsuuf kan itti fayyadamu yoo ta'u, Ministeera Bosonaa fi Eegumsa Ibidda Kaalifoorniyaatiin ammoo yeroo dheeraaf mala ittifa ibiddaa mummee ta'un tajaajileera.
Akkasumas addunyaa irratti qoricha ibidda ittisuuf baay'inaan fayyidaarra oolfame ta'uu gabaasni Asoosheetid Prees bara 2022 irratti ba'e ni mul'isa.
Torban darbe keessa kibba Kaalifoorniyaatti ibiddi bosona ka'aa ture, ergasiin booda suuraan daakuu diimadii fakkaatu konkolaattotaa fi daandii konkolaataa uwwisu mul'isan.
Dhaabbanni wanta kana oomishu, Perimeter yeroo darbe daakuu kana akkuma danda'ameen akka qulqulleeffamuuf gorsaa tureera.
"Qorichi ibidda dhaamsu kun yeroo dheeraaf yoo goge guutummaatti balleessuun ni ulfaata," jechuun akeekkachiisaniiru.
Bishaan ho'aa fi saamunaan salphaan bakka xixiqqoo irraa balleessuuf bu'a qabeessa ta'uu dhaabbatichi beeksiseera. Gruu dirree guddaadhaaf, meeshaa humna qabu fayyadamuun dhiquun ni danda'ama.
Qabiyyeen ibiddi ittiin dhaamu kun attamiin akka hojjatu ummataan hin beekamu, garuu dhaabbanni oomishu bishaan ho'aadhaan dhiquudhaan haalluu kana gadi dhiisiisuun akka dana'amu beeksiisaniiru.
Kanaan dura garuu harka 80 bishaan, harka 14 ammoo soogiddaa xaa'oo fakkaatuu, parsantaan 6 ammoo haalluu ta'u ibseera.
Haalluun qabiyyee kanaas diimaafi diimadii kan ta'e, balaliistoota xiyyaaraa fi namoota balaa ibiddaa ittisuuf hojjataniitti sirriitti akka mullatuuf jedhameeti.
Guyyootaan booda ammoo haalluunsaa gadi dhiisaa deema.
Kemikaalli kunis kun haala idileetti naannoo ibidda bosonaata biqiltootaa qabuu fi lafa ibiddaaf saaxilamu ta'erratti biifamuun abiddi gara naannoo sanatti akka hin babal'anne dhorkuudhaf.
Akka Tajaajila Bosona Ameerikaatti, keemikaalli kunis ibidda tasgabbeessuu ykn akka oksijiinii argatee hin baballeennee taasisuuf dandeettii qaba.
Itti fayyadamni isaa yeroo darbe keessaa dhiibbaa naannoo irratti fiduu danda'u jechuun falmisiisaa ture.
Hojjattoota Dhaabbanni Tajaajila Bosonaa Ameerikaa himmannaa dhiyeessanii ture. Mootummaan federaalaa keemikaala ibiddaa biqiltuuwwan irratti dhagalaasuun seera dhiyeessitii bishaan qulqulluu biyyattii ni faalleessa jechuun himannicha keessatti hammatee ture.
Keemikaalli kun qurxummii kan ajjeesuu fi bu'a qabeessa akka hin taanedha jechuun falmeera.
Bara itti aanuu haatii seeraa naannichaa hojjattoota waliin waliin galuudhaan, garuu murtee isheetiin Tajaajili Bosonaa Ejjansii Eegumsa Naannoo US (EPA) irraa biifuudhaaf hayyama gaafachuudhaan kemikaalichatti fayyadamu akka itti fufuu hayyamteef.
Dhimmi mana murtii kunis hawaasaa bara 2018 keessaa balaa ibidda bosonaatiin miidhaman kanneen akka Kaaliifoorniiyaa, Magaalaa Paaraadise fa'i biratti xiyyeeffannoosaanii hawwatee ture.
Kantiibaan yeroo sanaa Gireeg Booliin murtee haadha seeraa kana ''hawaasni yeroo balaan ibiddaa ka'utti carraa ibidda ittiisuu ni argata'' jechuun leellisaniiru.
Tajaajilli Bosonaa bara kana NPRtti akka himeetti, keemikaala Phos-ckek kana dhiisuudhaan kan phos-Chek LC95 jedhamuun bakka buusuu beeksiiseera.
Inni haaraan bineensoota daggalaa irratti dhiibbaa gadaanaa qaba jedhameera.
Tajaajilli Bosanaa akkasumas keemikaalli kun naannoolee eegumsi cimaan isaan barbaachisu, bakkeewwan bishaanii fi sanyiiwwan baluutti dhiyaataniitti faayyidaarra akka hin oolfamneef dhorkeera.
Haata'u malee yeroo ''lubbuun namootaa ykn nageenyi ummataa balaarra bu'uutti haala adda'' ta'een haalli fayyadamuun itti hayyamamu jira.
BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.