Taphoonni afur itti aanaan akkamiin fuulduree Maanchister Yuunaayitid murteessu?

Erga Sanderlaandin mo'anii Haarii Maaguwer garee isaa wliin deeggartoota waliin gammachuu isaa ibsachaa jira.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Erga Sanderlaandin mo'anii Haarii Maaguwer garee isaa wliin deeggartoota waliin gammachuu isaa ibsachaa jira.

Ruuben Amoorim gareen isaa yeroo boqannaa irraa deebi'an haamilee gaariin dhufu jedhee eega.

Garuu taphoota murteessoo afurtu isaan eeggata. Liiverpuul irraa jalqabee barri kun kan isaanii tahamoo isaanitti garagala kan jedhu murteessa.

Sanderlaandiin mo'achuun biyya isaaniif taphachuuf kan deeman taphattoonni gariin dadhabbii irraa deebi'u. Garuu yeroo qophii gahaa argataniiru.

Bireentifoordiin erga mo'amanii dhiibbaa Amoorim keessa ture salphisaniiruuf.

Ergasii abbaa qabeenyaa kilebichaa keessaa tokko kan tahan Sir Jiim Raatkiliif Ruuben Amoorimiin ifatti deeggaran.

Yoo xiqqaate kilebicha jijjiiruuf waggaa sadii isa barbaachisa jedhan.

Deeggartoota kilebichaas Maanchister Yuunaayitidiin jijjiiruuf Sir Aleeksi Fergusan waggaa meeqa, Arsenaal har'aa kana irra dhaqabsiisuuf Arteettaa waggaa meeqa akka isa gaafate ibsaniiru.

Amoorim garuu yaada abbaa qabeenyaa kanaan qofa abdiidhaan waan taa'u hin fakkaatu. Sadarkaa bara darbe ittiin xumuraniifi erga 1973-74 as isa gadi aanaadha jedhameen irraa fooyya'uu akka qabu amana.

Erga Amoorim Erik Ten Haag bakka bu'een as taphoota 34 keessaa Maanchister Yuunaayitid taphoota Piriimer Liigii mo'ate taphoota 10 qofa.

Walitti aansanii garuu ammayyuu tapha lama mo'anii hin beekani. Kanaafidha injifannoo yeroo darbee booda walitti aansee kan mo'ame Liiverpuuliin yeroo morkatan qormaanni guddaan kan isaan eeggata.

Erga bara 2016 as Aanfiildi irratti Maanchister Yuunaayitid galchii tokko qofa lakkoofsise. Inumaayyuu taphoota hundaa mo'ameera. Ammas qormaata kanatti adeemu.

Yoo xiqqaate tapha Liiverpuul irraa qabxii tokko argachuu barbaadu. Itti aansee taphni Nootingihaam Foorestii fi Biraayitan waliin qabanis ulfaataadha.

Waggaa darbe Amoorim jalatti Maanchister tapha Biraayitan wlaiin taasise dirree isaa irrattis dirree isaan alattis mo'ameera. Tootenhaam waliin yeroo taphatanis akkasuma tapha dhaqaa galaan mo'ameera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bara 2016 Wayinii Ruunii galchii tokkittii Aanfiildi irratti lakkoofsisee ture. Ergasii yeroo jalqabaaf bara 2024-25 Liisaandiroo Maartinez galchii lakkoofsise.

Taphicha irratti Amaad Diyaaloo lakkoofsisee qixa 2-2 tahan. Haarii Maaguwer carraa guddaa taphicha ittiin injifatanii bahan argatee ture.

Garuu itti hin fayyadamiin hafe. Carraa guddaa Maanchister Yuunaayitid Aanfiildi irratti uume kana qofa ture.

Onkoloolessa 25 ammoo dirree isaa Ooldi Tiraafordi irratti Biraayitaniin keessummeessa.

Amajji darbe keessa Yuunaayitid dirree isaa irratti Biraayitaniin 3-1 mo'ameera.

Amoorim mee ilaalaa, deeggartoonni Maanchister maal jedhu. Leenjisaa isa kanaan duraa caalaa tapha hedduu mo'amu arganne jedhu.

Dhugaadha! Seenaa Maanchister Yuunaayitid keessatti gareen kun isa dadhabaa fi qabxii gadi aanaa galmeesse tahuu mala jechuun dubbatan.

Bara kana garuu qabxii haaraa galmeessuu malu. Biraayitan Ooldi Tiraafordi irratti walitti aansuun tapha sadii mo'aniiru.

Nootiingihaam Foorest yeroo lama walitti aansuun Nootingihaam Foorestiin mo'ameera.

Ammas rikardiin kun itti fufuun Amoorimiif gaarii miti. Antoonii Elaangaa taphataa jabaa akka tahu yaada Raalf Raayinik kan hin fudhanne Yuunaayitid paawondii miliyoona 15 tahuun gurguran.

Galchii bareedduu bara dorgommii darbe Yuunaayitid irratti lakkoofsise.

Bara dorgommii darbe walitti aansee taphoota sadii ol Tootenhaamiin mo'amuu qofa osoo hin taane Yuunaayitid kan baay'ee miidhe Awurooppaa Liigii injifachuu osoo danda'uu Tootenhaamiif harka kennuu isaati.

Amoorim Tootenhaam waliin rikardii gaarii hin qabu. Maanchister Yuunaayitid carraa Shaampiyoonsi Liigii kan argatu Tootenhaamiin mo'amee dhabe.

Tapha arfaffaa kana booda qabu ammoo Tootenhaam bifa haaraan ijaaramaa jirudha. Toomaas Firaank leenjisaa jabaadha. Yuunaayitidiin yeroo Birenetifoord turan mo'achuun beekamu.

Maanchister taphoota arfan kana irraa qabxii gaarii hin argatu taanaan bara kanas akkuma bara darbee sadarkaa gadi aanaan xumuruu mala.

Lisaandiroo Maartinez miidhama irraa deebi'aa jira. Kun Amoorimiif oduu gaariidha.

Garuu Koobii Maayinuu fi Jooshoyaa Zirkizee yeroo tapha dhabuu isaanii irraa kan ka'e kilebicha keessaa bahuu barbaadu.