Biyya uummata 500,000 Waancaa Addunyaaf darbite-Keep Verdee

Keep Verdee

Madda suuraa, Getty Images

Keep Verdeen biyya xiqqoo lammaffaa seenaa keessatti Waancaa Addunyaaf darbite taate.

Biyyattiin Eswaatiinii 3-0 mo'achuun darbuu ishee mirkaneeffatte.

Maqaa masoo 'Biluu Shaarkis' jedhamuun kan beekaman Keep Verdeen garee isaanii keessaa Kaameeruun caaluun sadarkaa tokkoffaa qabachuun Waancaa Addunyaa 2026'f darbite.

Istaadiyeemii biyyaalessaa daawwattoota 15,000 qofa qabachuu danda'utti gammachuun kan burraaqan gareen Keep Verdee kun Waancaa Addunyaa Meksiikoo, Ameerikaa fi Kanaadaan waliin tahuun qopheessaniif darban.

Keep Verdeen Poorchugaal irraa walabummaa ishee kan argatte bara 1975. Bara 2002 ammoo Waancaa Addunyaa Jaappaanii fi Kooriyaan Kibbaa waliin qopheessaniif darbuuf yaalteetti.

Garba Atilaantik irra kan jirtu biyyi kun odoloota kudhan irraa ijaaramte. Uummanni ishee walakkaa miliyoonaa hin caalu.

Bara 2013 Waancaa Afrika airra seenaa hojjetan. Baruma dorgommichaaf darbanitti ture nuusa xumuraaf kan geesse. Bara 2023 irra deebiin ammas nuusa xumuraaf dhaqabdeetti.

Keep Verdeen addunyaa irraa sadarkaa 70ffaa irra jirti. Biyyi addunyaa irraa uummata xiqqaa qabdu jalqabaa Waancaa Addunyaa irratti hirmaatte Ayislaandidha.

Ayisalaandi Waancaa Addunyaa Raashiyaa bara 2018 irratti hirmaatte. Ayislaand biyya uummata naannoo kuma 400 qabdudha.

Keep Verdeen ammoo akka Waancaa Addunyaaf darbitu kan barte Kaameeruniin yeroo dirree isheetti 1-0 mo'attedha. Taphoota hafan lamaan keessaa tokko qoafa mo'achuun gahaa ture.

Liibiyaa waliin qixa 3-3 xumuran. Kun dhuguma biyyi kun morkattuu cimtuu tahuu ishee akka agarsiiftu taasiseera.

Pirezidaantiin biyyattii Joosee Maariyaa Neeves dirreetti argamuun tapha miira gammachuun guute kana daawwataniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waancaa Addunyaa Kaataar irratti biyyoonni Afrikaa hirmaatan shan qofa ture. Amma gara sagaliitti ol guddachuun isaa akka carraa bal'aan jiraatu taasiseera.

Taphataan sarara ittisaa Keep Verdee Rooberto Piikoo Loopes, ''Waancaa Addunyaaf darbuun haalaan ulfaata ture. Garee keessaa biyya sadarkaa tokkoffaan darbe qofaatu darba waan taheef ulfaataa ture. Amma garuu tokkoffaan waan xumurreef darbineerra'' jechuun ibse.

Waancaa Afrikaa yeroo shan kan mo'atte Kaameeruun gulaallii waancaa kana irratti erga bara 2023 as tapha dirreen ala taasisan irratti gahums agaarii waan hin agarsiifneef gatii baasaniiru.

Liibiyaa, Angoolaa fi Eswaatinii waliin qixa xumuran. Kun ammoo akka isaan garee isaanii keessaa tokkoffaan hin xumurre taasiseera.

Leenjisaan Keep Veerdee Buubistaan duraan biyyuma isaa kanaaf taphataa ture gare ejabaa ijaare.

Biyyoonni Afrikaa hanga ammaa Waancaa Addunyaaf darbuu isaanii mirkaneessan Morookoo, Masirii, Aljeeriyaa fi Gaanaadha. Biyyoonni sadii dabalataa garee kanatti makamuuf jedhu.