Keep Vardeen isteediyeemii biyyaalessaa maqaa Peleetti jijjiiruuf murteessite

Isteediyeemii Keep Vardee

Isteediyeemiin biyyaalessaa Keep Vardee maqaa Isteediyeemii Peelee jedhutti akka jijjiiramu muummeen ministeera biyyattii beeksisan.

Isteediyeemiin maqaa taphataa beekamaa Peeleetin akka mogga'u murtaa'e kun Estadio Nacional de Cabo Verde Cape jedhama.

Namoota 15,000 kan keessummeessu yoo ta'u magaala guddoo Keep Vardee Piraayaa alatti argama.

Biyyattiin murtoo kana kan fudhatte pirezidaantii FIFA kan ta'an Jiyaanii Infaantinoon sirna awwaalcha Peelee irratti biyyoonni hunduu isteediyeemii isaanii maqaa taphataa mootii kubbaa miilaa ta'e kanaan akka moggaasan erga dhaamsa dabarsanii boodadha.

Ministeerri Muummee Keep Vardee Ulisses Correira e Silva: "Akka kabajaafi yaadannoo nama hunda keenya guddaa godhuu kaaaf isteediyeemii biyyaalessaa keenya "Isteediyeemii Peelee" jedhamuu akka mogga'un barbaada.

''Kana ammoo biyyoonni heddu nu hordofanii akka godhan nan amana" jechuun fuula miidiyaa hawaasummaa gubbaatti barreessan.

"Keep Vardeefi Biraazil aadaafi seenaa wal-faana deemu qabu, biyyoota obbolaadha. Afaaniifi eenyummaa wal-fakkaatun kan walitti hidhamaniidha.

"Peeleen Biraaziliifi biyyoota Afaan Poorchugaal dubbatan keessatti akka fakkeenyatti fudhatama, addunyaa irrattis akkasuma" jechuun barreessan Ministeerri Muummee Keep Vardee.

Peelee deeggartoota isaa wajjin

Madda suuraa, Getty Images

Peeleen bara kubbaa miilaa taphate keessatti taphoota 1,363 irratti hirmaachun galchii 1,281 lakkoofsisuun rikardii qaba.

Garee kubbaa miilaa biyyaalessaa Biraazil wajjiin hiriiruunis taphoota 92 irratti galchii 77 lakkoofsiseera.

Bara 2000tti FIFAn taphataa kubbaa miilaa jaarraa 20ffaa jechuun isa moggaase.

Wiixata darbe sagantaa sirna awwaala magaala Saantos bakka inni Kilaba Saantosif taphataa turetti qophaa'e irratti porezidaantin FIFA Infaatinon "biyyoonni hundinuu maqaa Peeleetin maqaa isteediyeemii biyyaalessaa isaanii akka moggaasan FIFAn ni gaafata" jechuun dubbatanii turan.

Gama biroon ammoo pirezidantin Waldaa Kubbaa Miilaa Afrikaa Kibbaa Daanii Jordaan gaaffin FIFA kun mirga isteediyeemii maqaa barbaadanitti moggaasuu kan sarbuufi falmii kaasudha jechuun yaaddoo qaban ibsan.