Kooriyaan Kaabaa daangaa Kooriyaa Kibbaarraa sagalee guddistuun hololaa kaafamuu haalte

Madda suuraa, Getty Images
Kooriyaan Kaabaa sagalee guddistuu daangaarra jiru kan holola ittiin tamsaastu kaasteetti jechuun Kooriyaan Kibbaa ibsitee turte. Obboleettii bulchaa Kooriyaa Kaabaa Kim Jong Un kan taate Kim Yo Jong kun dubbii dharaa ta'uu ibsite.
Kooriyaan Kaabaa sagalee guddiftuu daangaarra jiru ''gonkumaa buqqistee hin beektu, buqqisuufis yaada hin qabdu,'' jette namni siyaasa biyyattii keessatti bakka guddaa qabdu kun.
Ibsa miidiyaa mootummaa biyyattii KCNA irratti Kamisa maxxanfame keessatti ''Kooriyaa Kibbaa waliin hariiroo fooyyeffachuuf fedhii akka hin qabne yeroo adda addaatti mirkaneessineerra,'' jette.
Ejjennoon kun ''gara fuulduraatti yoo kan jijjiiramu ta'e heera mootummaa keenya keessatti ilaalama,'' jette Obboleettiin Kim Jong Un.
Jalqaba torbee kanaa humni waraanaa Kooriyaa Kibbaa, Kooriyaan Kaabaa sagalee guddistuu holola tamsaasuuf itti fayyadamtu kana daangaarraa kaasuu ibsee ture.
Kun erga Kooriyaan Kibbaa sagalee guddistuu hololaa kan ishee daangaarraa kaasuu ibsiteeti.
Damee hololaa Kooriyaa Kaabaatti daarektara itti aantuu kan taate Kim, oduun Se'ul irraa ba'e kun ''shakkii bu'uura hin qabnee fi odeeffannoo dogoggorsaadha,'' jette.
Kooriyaan Kibbaa ergaa hololaa karaa sagalee guddistuu kanaa dabarsuun alatti daangaarratti walleewwan K-pop gadhiisuun beekamti.
Kooriyaan Kaabaa ammoo sagalee akkaan dhala namaa jeequ kan akka sagalee bineensota adda addaa gadhiisuun Kooriyaa Kibbaa dararti.
Jiraattonni Kooriyaa Kibbaa daangaatti dhihaatanii jiran sagaleen daangaawwan lameen irraa itti gadhiifamu jireenyasaanii akkaan dararuu himatu.
Yeroo garii sagalee hamaan halkan hirriba keessa osoo isaan jiranii itti gadi dhiifama.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kooriyaan Kaabaa sagalee hololaa Kooriyaan Kibbaa itti gadhiistu akka waan waraanni labsameetti fudhatti.
Kanaafis sagalee guddistuu ishee kana rukutuun akka barbadeessitu akeekkachiisti.
Ergaan hololaa Kooriyaan Kibbaa karaa sagalee guddistuu kanaa daangaa Kooriyaa Kaabaa irratti dabarsitu pirezidantii biyyattii aangoorraa buqqifaman Yoon Suk Yeol jalatti waggoota ja'aaf erga dhaabbatee turee booda bara 2024 hojiitti deebi'e.
Erga Kooriyaan Kaabaa samiirraan balfa itti erguu eegaltee booda Kooriyaan Kibbaas sagalee guddistuun holola tamsaasuutti deebite.
Pirezidantiin yeroo ammaa Kooriyaa Kibbaa Lee Jae Myung hariiroo Kooriyaa lamaanii fooyyessuuf akka hojjetan duula filannoorratti dubbataa turan.
Garuu hariiroon biyyoota lamaanii bara bulchiinsa pirezidantii kanaa baayyee laafeera.
Waxabajjii keessa wayita Pirezidanti Lee aangoo qabatan Kooriyaan Kibbaa daangaarratti sagalee guddistuudhaan holola dabarsuu dhaabdee turte.
Kunis tattaaffii naannawa kanatti ''amanamummaa fi nageenya mirkaneessuuf'' taasifamu keessaa tokko ture.
Ammallee hariiroon biyyoota lameen sadarkaa walitti suphuuf rakkisaa ta'erra jira. Jalqaba torbee kanaa Kooriyaan Kaabaa karoora US fi Kooriyaan Kibbaa shaakala waraanaa waliin taasisuuf qabatan ilaalchisuun akeekkachiisa dabarsitee turte.












