Gaazexeessitoonni buufata raadiyoo Shaggar FM lama hidhaman

Gaazexeessitoonni buufata raadiyoo Shaggar FM sadii poolisiin to'atamanii booda tokko yoo gadhiifamu lama guyyoota darban keessa hidhamanii jiraachuu waahellan isaanii BBC'tti himan.
Gaazexeessitoonni sadan Roobii Fulbaana 3, 2025 poolisiin kan qaban yoo ta'u, isaan keessaa gaazexeessaa Isheetee Asaffaa guyyuma sana yoo gadhiifamu Tigist Zarihun fi Mintaamir Tagawu ammoo hidhamaniima jiru.
Gaafa Roobii naannoo sa'aatii 10:30 irratti miseensota nageenyaa uffata dambii poolisii Federaalaa uffataniifi uffata sivilii uffatan buufata raadiyoo Shaggara FM Dil Barritti argamu "humnaan seenaniin" gaazexeessitoonni hojii isaaniirra turan lama, akkasumas gaazexeessituun biroo ammmoo mana jireenyaashee keessaa akka fudhataman hojjetoonni buufatichaa BBCn dubbise himaniiru.
Buufaticha gulaalaa olaanaa kan ta'e Isheetee Asaffaa, gulaaltuu Tigist Asaffaa fi rippoortarri Mintaamir Tsagawu gara waajira qorannoo poolisii Federaalaa kan geeffaman yoo ta'u, gulaalaan olaanaa erga yaada isaa kenneen booda guyyuma sana gadhiifamuun isaa ibsameera.
Haata'u malee, gaazexeessitoonni lamaan garuu ammallee akkuma hidhamanitti jiraachuu waahellan isaa dubbataniiru.
Gaazexeessitoonni kunneen maaliin shakkamanii akka hidhaman hin ibsamne.
BBC'n dubbi-himaa Komishinii Poolisii Federaalaa Obbo Jayilaan Abdii gaafatulleen odeeffannoo akka hin qabne garuu akka qulqulleeffatan dubbatan.
Waahellan isaanii akka ibsanitti, gaazexeessitoonni kunneen osoo poolisiin hin hidhamiin dura gabaasa torban darbe gaafa Jimaata Hagayya 29, 2025 buufatichaan tamsa'e ilaalchisuun Abbaan Taaayitaa Biroodkasting buufatichaaf xalayaa barreessee ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gabaasni kun murtee Ministeerri Fayyaa kenne ilaalchisee yaada Waldaa Ogeessota Fayyaa irraa kenname kan hammate yoo ta'u, gaaffii ogeeyyiin fayyaa mindaa fi faayidaa isaaniirratti ji'ootaaf dhiyeessan hordofee ture.
Ministeerichi dhiheenya kana ogeeyyiin fayyaa kan itti wal'anamn "kiliniikoonni hojjettootaa akka hundeeffaman" akkasumas "dhaabbileen fayyaa hojjettoota isaaniif konkolaataa akka dhiyeessan" murtee dirqisiisu dabarsuun isaa ni yaadatama.
Shaggar FM yaada Waldaa Ogeessota Fayyaa gaafachuu isaa kan himan hojjettoonni buufatichaa, hoggantoonni waldichaa deebiin isaaniif kenname "fakkeessuumaaf kan ta'e" ta'uu fi gaaffiin isaanii haala sirrii ta'een yoo hin guutamne A L I Fulbaana 5, 2017 irraa eegalee hojii dhaabuu akka qaban himaniiru.
Abbaan Taayitaa Biroodkasting gabaasni kun "hokkara kan kakaasuufi loogii kan qabu" jechuun fuula miidiyaa hawaasaa buufata kanaa irraa akka haqamu ajajeera jedhu hojjettoonni buufatichaa BBC'n dubbise.
Haaluma kanaan, Sambata A L I Hagayya 24, 2017 Gabaasni fuula YouTube, Facebook fi Telegram buufata kanaarratti qoodamaa ture haqameera.
Haata'u malee, guyyoota booda A L I Roobii Hagayya 28, 2017 waaree booda humnoonni nageenyaa mootummaa buufata sana deemuun gaazexeessitoota hojiirra turan lamaa fi gaazexeessituu mana ishee turte tokko to'annoo jala oolchaniiru.
Gaazexeessaan buufata sanaa yeroo sanatti hojiirra ture tokko akka jedhetti, "Poolisiin karra bakka sanaa fi waajjira gulaalaa olaanaa humnaan cabsee aariifi haala sodaachisaa ta'een fudhate" jedhe.
Gulaaltuu dabaree hojii kan turte Tigist Zarhuun biiroodhaan ala waan turteef mana ishee dhaquudhaan manaa akka fudhatamte waahilli buufatichaa himeera.
Guyyaa Kamisa kaleessaa Biiroo Qorannoo Yakka Federaalaa bakka gaazexeessitoonni kunneen itti hidhamanii turan dhaquun dubbiisuu kan himan waahilli kun, gaazexessitootarra miidhaan qaqqabe jiraachuu baatulleen Mintaamir ''daa'ima harma hoosiftu dhiftee bakka baatetti hidhamunshee akka ishe dhiphise'' himaniiru.
Tigisti Zerhun dura Gaazexaa Riippoortariirra rippoortarummaan, achiin booda ammoo Buufata Raadiyoo Shaggarirratti gabaastuu hanga sadarkaa gulaaltuutti tajaajilaa jirti.
Mintaamir Tsagaawu buufata raadiyoo Abbay fi Buufata raadiyoo Manahaariyaatti achuunis ammo Raadiyoo Shaggar irra tajaajilte jirti.
Itoophiyaatti buufata raadiyoo dhuunfaa jalqabaa kan ta'e Buufanni Raadiyoo Shaggar waa'e hidhamuu gaazexessitootaa kanarratti hanga ammaatti kan jedhe hin jiru.
Itoophiyaatti yeroo dhihoon asiitti hidhaan gaazexxeessitootaa baayyataa kan dhufe yoo ta'u, dhiheenya kanas gaazexessitoonni lama qaamoolee garaa garaatiin fudhatamanii osoo bakkisaan jiran hin baramiin turee guyyaa 10 booda gadhiifamunsaanii ni yaadatama.
Gaazexessaan Gaazeexaa Riippoortar, Yoonaas Amaaraa fi gaazexessaa Abdulsamad Mahaammad qaamoolee nageenyaatiin to'annoo jala oolfamuus ta'e mana murtiitti akka dhiyaataniif taasifamuun isaanii osoo odeeffannoon hin argamiin gadhiifamunsaanii dhagahame.
Gaazexeessaa Abdulsamad Mohaammad to'annoo poolisii jala ta'un dhagahamee kan ture ta'ulleen, essaatti akka hidhameefi abbookaatoonis ta'e maatiin osoo waliin hin argiin guyyootaaf turuun ibsamee ture.
Hidhamuu gaazexessitoota kanneenii hordofees dhaabbanni mirga gaazexessitootaaf falmu CPJn ibsa baaseen, hidhaan gaazexessitootaa akka isa yaaddeesse ibsee ture.
Qindeessaan CPJ Sagantaa Afrikaa, Mutokii Mumoo ''Bilisummaa pireesii irratti seenaa gaarii kan qabdu Itoophiyaan saffiisaan naannoo gaazexessitootaaf hin mijannee ta'aa jirti'' jedhaniiru.
Waggoota muraasaan dura haala qabiinsa gaazexessitootaati bilisummaa pireesitiin fooyya'insa olaanaa agarsiite kan turte Itoophiyaan waggoota darban muraasa keessaa sadarkaashee wagga waggaan gadi bu'aa dhufeera.
Bara kanas sadarkaa ulaagaa sadarkaa bilisummaa Piresitiin kan bara darbee irra turte irraa sadarkaa afuriin gadi bu'uun sadarkaa 145ffaa irratti akka argamtu gareen Gaazexessitoota Daangaamaleessa dhiheenya bahe ifa godheera.
Sadarkaa Bilisummaa Pireessi biyyoota 180 kan hamate yoo ta'u, Itoophiyaa bara darbe sadarkaa irra turte 141ffaa irraa bara kanatti sadarkaa afuriin gadi bu'ushee gabaasichi beeksiiseera.












