Zimbaabiween qonnaan bultoota adii lafti jalaa fudhatameef yeroo duraaf beenyaa kaffalte

Lafa Zimbaabiwee

Madda suuraa, Getty Images

Mootummaan Zimbaabiwee qonnaan bultoota adii waggaa 20 dura imaammata mootummaan baaseen lafti isaanii jalaa fudhatamee tureef beenyaa doolaara miiliyoona sadii marsaa duraan kennuu beeksise.

Mootummaan beenyaa kana kaffaluuf kan dirqame waliigaltee bara 2020tti qotee bultoota adii lammii biyyattii ta'an waliin galame irratti hundaa'uuni.

Akka waliigaltee saniitti mootummaan biyyattii lafa qonnaan bultoota warra adii jalaa fudhatameef beenyaa waliigalaan doolaara biliyoona 3.5 ta'u kaffala.

Bara 2000-2001 gidduu qonnaan bultootni adiin kumootaan lakkaa'aman lafti qabatanii turan humnaan jalaa fudhatameera.

Sababni qonnaan bultootni adii lafti jalaa saamame ammoo bara kolonii garas deemanii lafa warra gurraachaa achi jiraatuu saamaniiru ilaalacha jedhuudha. Sababa kanaattis biyyattiin warra Lixaa waliin haala gaarii hin taane keessa seenteetti.

Kaffaltiin beenyaa kun Roobii ifa kan godhame yeroo ta'u, kaffaltii jalqabaa kana qonnaan bultooat 378 ta'antu argata. Lakkoofsi waliigalaa qonnaan bultoota beenyaan kaffalamuuf kanaa 740dha.

Maallaqni amma kenname kun beenyaa marsaa duraaf qabame doolaara miiliyoona 311 keessaa dhibbeentaa tokko qofa.

Ministirri Maallaqaa biyyattii Mithuulii Nukubi ''diinagdee Zimbaabiweerratti haaromsa godhamaa jiruun walqabatee wanti waadaa galle tokko idaa nurra jiru kaffaluufdha, qotee bulaa bara haaromsa imaammata lafaa lafti jalaa fudhatameef beenyaa kaffaluudha'' jedhan.

''Amma waliigaltee kana raawwachuu eegaleerra.''

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bakka buutota qonnaan bultoota adii keessaa tokko kan ta'e Haarii Orpaanidees yaada BBCf kenneen qonnaan bultootni duraan waliigalticha hin mallatteesine amma mallatteessuuf fedha agarsiisaa jiru jedha.

Qonnaan bultootni hedduun waliigaltee kana kan hin mallatteessine hamma lafa isaanii beenyichi waan hin deebifneefi.

Mootummaan ammoo beenyaa kan kaffalu lafa qonnaan bultoota jalaa fudhatame mataasaaf osoo hin taane fooyya'iinsa dhimma kanaan wlaqabatee fudhatameef ta'uu ibsa.

Sababni isaa ammoo lafichi durumaanuu koloneeffattootaan haqa malee fudhatame kan jedhuudha.

Zimbaabiween bara 1980 walabummaashee goonfatte. Sana dura olaantummaa warra adii lakkoofsaan xiqqaa ta'an jala turte. Wayita sana lafti gabbataan biyyattii harki caalu qonaan bultoota adii 4,000 ta'an harka ture.

Rifoormiin lafaa mootummaan biyyattii hojiirra oolche lafa kana qonnaan bultoota gurraachaan qooduu ture.

Bara 2000tti Pirezidantiin yeroo sanii Roobert Mugaabee duula lafa warra adii to'achuu humnootni mootummaa uummata kanaaf qophaaye waliin raawwate deeggaranii ture. Kunis sadarkaa idila addunyaatti dheekkamsa kaase.

Mugaabeen aangoo gadhiisuu booda bara 2017 pirezidanti Emersan Manaangaagwaa dhimma kana irratti mootummoota Lixaa waliin hojjechuuf waadaa galan.

Sana dura ammoo dhimma rifoormii lafaatti deebi'uun hin jiru jechuun beenyaa kafalauun dhimmichaaf fumaata akka fiu dubbatanii ture.

Biyyi Kibba Afrikaa kun sababa kanaatti sirna faayinaansii addunyaa keessaa moggifamtee turte.