Dhuguma Zimbaabweetti namni quba miillaa gurgurataa jiraa?

Namoota siliiparii uffatii dhaabatan

Madda suuraa, Getty Images

Zimbaabweetti namootni quba miilla isaanii gatii guddaatti gurguraachaa jiru oduun jedhu miidiyaa hawaasumma gubbaatti raabsamuun biyyootni Afrikaa biroon odicha akka dhugaa ta'etti akka fudhatan godheera.

Oduun miidiya hawaasummaarratti namoota hedduu bira gahe kun, lammiileen biyyattii jireenyi itti ulfaate, jireenya mo'achuuf quba miilla isaanii gurgurachaa jiru jedha.

Biloogiin qoosaa biyyattii tokko gidduugala gabaa magaalaa guddoo Zimbaabwee, Haraaree keessatti argamu daldala kana raawwachaa jira jedhee gabaase.

Maddi oduu qoosaa kun ergaa WhatsApp argadhe jedheen warri Afrikaa Kibbaa aadaan nama waldhaanan quba miillaa guddaa isaaf hanga doolaara 40,000 yookaan Birrii Itoophiyaa miiliyoona 2 ol kaffalu jedha.

Namoota aadaan nama fayyisan jedhaman biratti qaamni namaa barbaadamuun waan haaraa miti. Ogeeyyiin aadaa Afrikaa kibbaa beekamtii fi kabaja qaban kan 'Sangomas' jedhaman garuu gocha akkasi kana ni balaaleffatu.

Gabaastotni gariin quba miillaa guddaaf doolaara 40,000 isa gidduugaleessaaf doolaara 25,000 isa xiqqaaf ammoo doolaara 10,000 jedhamuun kofalchiisaadha jedhu. Namni kaanis kanaan raajameera.

Meme fi qoosaawwan hedduun miidiyaalee hawaasaa warri Zimbaabwee itti fayadaman irratti maxxanfamaa kan jiran yeroo ta'u, hashtaagii #Chigunwe kan afaan biyyattii Shona jedhamuun quba jechuu ta'e lammiilee biyyattii dhugumattii jireenyi itti ulfaateef waan ittiin dagatan ta'eera.

Ta'us gaazexoonni Zimbaabiwee odeessaalee idilee maxxansan kamuu odeessa kana hin maxxansine. Kana sababeffachuun namootni gariin tiwiitara gubbaatti odichi rakkoolee ijoo biyyattiin keessa jirtu irraa qalbii namaa kaasuufi jedhu.

Konkolaataawwan gatii qaalii maxxansanii, jalatti ''hiriyyaa keenya ammayyuu quba miilla isaa 10'n qabu dubbisuu adeemaa jirra'' fa'a jedhanii qoosuutti jiru.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

Xumura maxxansa X

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Biloogiin Gambakwe jedhamu guyyaa afur dura waan maxxanseen daldalli quba miillaa Moolii 'Ximex' jedhamu magaalaa Haraaree keessa argamutti gaggeeffama jedhee ture.

Guyyaa muraasa booda ammoo barruun H-Metro jedhamu gidduugala gabaa guddaa sana keessatti nama sharafa maallaqaa seeraan alaarratti bobba'e tokko dubbisee, namootni muraasni akka qoosaatti dubbatanii booda dubbiin akkaan ol afarfamee jedhee.

Haata'u malee san booda namootni hedduun oduu dhagahanii gidduugala gabaa sanitti imalaa turanii jedhameera.

Tiwiitara gubbaatti lammiileen biyyoota akka Naayijeeriyaafi Ugaandaa warri Zimbaabiwee quba miilla isaanii gurgurachaa jiruu jechuun gabaasan. Itoophiyaafi Keeniyaa keessattis namoomtni oduu kana miidiyaa hawaasaa gubbaatti raajii jedhanii qoodaa turan.

Keeniyaatti dhaabbatni raadiyoo tokko oduu hin mirkanoofne jedhee erga tamsaaseen booda isin qaama keessan keessaa isa kam gurguruuf fedha qabaattu jechuun gaafateera.

Tiwiitiin nama Naayijeeriyaa @InnocentZikky kan suuraa namoota baayyeen qooddatame suuraa miilla qubni irra hin jirre agarsiiseera.

Gareen BBC odeeffannoo sobaa qoratus viidiyoowwan lama kan namoota quba miilla isaanii gurguranii ykn gurguruuf jiraniiti jedhame qoratee soba ta'uu mirkaneesse.

Haata'u malee odeessaaleen sobaa miidiyaa hawaasummaa gubaattii akkaan qoodaman dhugaa jedhamanii amanamuufi hiree dhugaatti raawwatamuu qabu.

Oduun Ziimbaabiweetii dhagahame kun biyya jireenyi itti qaala'e Naayijeeriyaa keessatti akka malee ho'ifame. Achittis ogeeyyii aadaan nama waldhaanan qaama namaa gatii olaanaan bitu waan jedhamuuf dubbichi o'eera.

Moozaambiikitti qaama saalaa dhiiraa waldhaansa aadaan nama fayyisuuf gargaara jedhamuu hordofee namootni ajeefamanii qaamni saalaa isaanii irraa muramuun dhagahameera.

Naayijeeriyaattis Amajjii keessa namootni sadii shamarree tokko dhimma kadhata aadaaf ajjeesan qabamaniiru.