Saayinsii Jaalala: Dhuguma namni siif hiriyaa lubbuu ta'uuf uumame jiraa?

Namoota lama krii diimaa lamaan quba walitti hidhatan

Madda suuraa, Getty Images

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Guyyaa jaalalleewwanii (Valentine's Day) yeroo kabajamu yaadama 'namni wayii anumaaf jaalallee yookan hiriyaa lubbuu ta'uuf uumamee' fi kan ati waliin ta'uu qabdu bakka wayii inuma jira kan jedhutu jira.

Seenaa keessatti akka hubatamaa dhufetti dhalli namaa jaalalatti kan seenu tasa waan ta'u miti.

Dur Giriik keessatti Pilaatoon yaada falaasamaa tokko dhiheessee ture. Innis namni duraan harka afur, miila faur, fuula lamaa qabaataa kan ture yoo ta'u, waaqni bakka lamatti qoode.

Eegasii kaasee qaamni walakkaan kuni qaama walakkaasaa garta'etti irraa qoodamee deeme kana barbaacha taa'ee hin beeku. Kuni ammoo yaadama ammayyaa jaalalleen lubbuu nama tokkoo bakka wayii akka jiruu fi yoo isaan walargatan akka guutuu ta'anitti yaadamu waliin walfudhata.

Barreessitoonni akka sheekispiir jaalala 'qilleensuu gidduu hin baane' kan namootni lama hariiroo cimaa ta'e keessa jiran, garuummoo dhumarratti Sababa maatii, qabeenyaa fi carraatiin adda bahanii barreessaniiru.

Yeroo dhihoo keessa ammoo barreesitoonni biroo fi Hooliiwuud faa'I seenaawan jaalalaa adda ta'an qopheessuun nutti gurguraniiru.

Garuu waa'ee jaalallee lubbuu saayinsiin maal jedha? Dhuguma namni addaa kan nuuf qofa uumame bakka wayii jiraa?

Fakkii Pilaatoo fi Ze'uus

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Suura Pilaatoo (bitaan) dur namni guutuun harka afur,miila afuriifi fuula lama qabaachaa ture yaada jedhu kaasee ture; kun ammoo hanga Ze'us (mirgaan) dhufee lamatti hin hiriin

Jaalala nama tokkootiif akkamiin harka kennina?

Hayyuun sooshaal saayikolojii Piroofeesar Vireen Siwaamii, waa'ee jaalala ijaaf gurra nama duuchuu kana durirraa kaasanii qorannoodhaan faana dhahaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Yaadamni kuni kan eegamu ati nama kankooti jettu tokko faana akka taatu yaadamasaatu jira. Nama kanammoo umrii guutuu waliin jiraatta. Saniin dura awurooppaa keessatti ati nama hamma barbaadde jaalachuu dandeessa. Jaalalli suni ammoo waa'ee qunnamtii saalaa qofa miti" jedhan.

Adeemsuma keessa namoonni qonnarraa gara industiriiti adaduma cehaa deemaniin namootni adda adda foo'amaa deeman. "Nama wayii kan dahoo isaaniif ta'u barbaadutu jalqabame. Nama bu'aa bahii jiruu waliin dabran" jedhan.

Aapponni amma jaalalleewwan walqunnamsiisan seenaa sana Algoorizimitti jijjiiran. Waan ammaa kana Siwaamiin 'Dhaadhessa Hariiroo jaalalaa' jedhanii waamu.

Jaalallee lubbuu soquun kuni waan isaan barbaadaniin faalla ademaa jira jedhu.

"Jaalallee bitatta. Namoota hedduu keessa deemtee soqxeeti nama barbaaddu argatta. " jedha.

Hayyuun sooshaal saayikolojii Piroofeesar Vireen Siwaamii, waa'ee jaalala ijaaf gurra nama duuchuu kana durirraa kaasanii qorannoodhaan faana dhahaniiru.

"Yaadamni kuni kan eegamu ati nama kankooti jettu tokko faana akka taatu yaadamasaatu jira. Nama kanammoo umrii guutuu waliin jiraatta. Saniin dura awurooppaa keessatti ati nama hamma barbaadde jaalachuu dandeessa. Jaalalli suni ammoo waa'ee qunnamtii saalaa qofa miti" jedhan.

Adeemsuma keessa namoonni qonnarraa gara industiriiti adaduma cehaa deemaniin namootni adda adda foo'amaa deeman. "Nama wayii kan dahoo isaaniif ta'u barbaadutu jalqabame. Nama bu'aa bahii jiruu waliin dabran" jedhan.

Aapponni amma jaalalleewwan walqunnamsiisan seenaa sana Algoorizimitti jijjiiran. Waan ammaa kana Siwaamiin 'Dhaadhessa Hariiroo jaalalaa' jedhanii waamu.

Jaalallee lubbuu soquun kuni waan isaan barbaadaniin faalla ademaa jira jedhu.

"Jaalallee bitatta. Namoota hedduu keessa deemtee soqxeeti nama barbaaddu argatta. " jedha.

Jaalallee lubbuu adamsachuu

Namoota lama jaalala waloof agarsiisaa jiran

Madda suuraa, Getty Images

Piroofeesarri gaa'elaa fi qorannoo maatii kan ta'an Jason Karool akka jedhanitti jaalalleen lubbuu waa'ee jaalala gadi fagoo osoo hin taane, waa'ee kiyyeeffachuuti. Akka isaan jedhanitti hariiroo jaalalaa yeroo dheeraa fulla'uuf wanti guddaan ciminaa fi dadhabina isaanii irratti bakka waliif kennaniidha.

Jaalalli carraa yeroo ta'u namoonni fedhiin ofagarsiiisuuf qaban gadi aanaa waan ta'uuf jaalalli suni umrii dheeraa akka turu godha.

Gorsaan jaalalaa London jiraatu, Vikii Pavit ammoo namoota ani jaalallee Lubbuu argadheera jedhanii yaadan gargaaruurratti fuulleffata.

"Jaalala keessatti foormulaan keemistirii yeroo baayyatu yeroo tokko tokko wanti akkasii madaa kaleessaa hin fayyine namatti kaasuu mala" jedhu.

"Namoonni amala dhaabbataa ta'e hin qabne takkaa hoo'anii takkaa ammoo qabbanaa'an 'haala kanaan deebi'ee turuu hin danda'u' nama jechiisiisuu malu. Yeroo akkas ta'u dhiphina sitti uuma" jedhan.

Qorannoon hayyoota lamaan bara 1993 gaggeeffame dubartoota abbootiin warraa isaanii isaan cunqursan 75 irratti fuulleffate.

Qorannoon kuni dubartoonni abbaa warraa isaanii hiikan hammam akka isaan abbootii warraa isaanii durii waliin walitti hidhamiinsa qaban xinxale.

Akka qorannichi mul'isetti hariiroo cimaan kan jiru dubartoota abbootiin warraa isaanii isaan cunqursan bira osoo hin taane dubartoota abbaa warraa amala gaarii qaban bira.

Qorattoonni kuni namootni jaalallee isaan miidhan faana qunnamtii miiraa cimaa qabaatu. Sababnis isaan miidhamaa fi jaalalli walfaana isaan bira jira. Kuni garuu fayya qabeessa jechuu miti.

"Akka yaada kiyyaatti waa'ee jaalallee lubbuu waan jedhan kanarraa dubbachuu hin fedhu. Ani namni tokko kan abaluuf qofa jedhamee uumame jira jedhee hin amanu. Garuu nama ta'e tokko waliin 'Tokko' ta'uutti nan amana" jedhu.

Qorannoo bal'aan namoota 365 kan namoota hedduu faana hariiroo qunnamtii saalaa qaban irratti taasifame gammachuun dubartoonni qunnamtii saalaa irrattii jaalalle isaanii irraa argatan qoricha qusannoo maatii isaan fayyadaman waliin garaagartee gammachuu fiduu mala.

Waan kuni Sababa baayyee xiqqoo ta'uu mala garuu yeroo keessa jijiiramaa fi dhiibbaa guddaa waan fiduu malu.

Yaadamni biraa asirratti ka'u dhimma 'nama tokko wayii' garuummoo 'Isa qofa' jechuun hin taane jedhudha.

Yunvarsiitii Vanderbiltitti Ikonomistii kan ta'an Dr. Gireeg liyoo, argoorizimii walsimiinsaa irratti yoo dubbatan, 'Nama tokko wayii' garuu nama tokko wayii namoota dhibii qabaachuun danda'ama jedhu.

Kanaaf ammoo jaalallee lubbuu kan kompitaraan wal kaadhimatan kaasu. Kaadhimattoonni kumaatamaan lakaa'aman warra dhihaate keessaa sadarkeessanii teessifatu. Algoorizimiin sanbooda 'Jaalallee lubbuu ishee jalqabarratti filate' fidaaf.

Yoo warri walfilatu kuni walqixa tokkoffaa irratti wal hin filatin hafan dabaree sana balleesseetu filannoo lammaffaa 'jaalallee lubbuu' itiin filattu siif kenna. Akkasumatti si'a lama sadii itti fufuu mala jedhu.

Fedhii walsimiinsaa kanarratti carraan jarri lachuu tokkoffaa irratti walfilachuu dhphaadha. Garuu namootni filannoo lammaffaa yookan sadaffaa irra jiru fudhatu.

Algoorizimii kana keessatti jaalalleewwan walfilatan kuni jarri lamaanuu gara jalqabaa irratti walii isaanii filatan yoo ta'e gammadoo ta'uu malu. Algoorizimii kanarraa wanti hubannu egaa jaalallee lubbuu tokko qofa osoo hin taane kan dhibiis jiraachuu mala.

Yunvarsiitii Opinitti Piroofeesarri Soosholojii fi walitti dhiheenyaa, Jakuyi Gab, bara 2015 joornaalii waa'e jaalala fullaasisuu jedhu irratti maxxansiisan.

Qorannoon kuni namoota 5,000 irratti kan taasifame yoo ta'u, jaalalleewwan 50 ammoo qorannoowwan gadi fagoo akka foorensiikii, galmee olmaa guyyaa walii isaanii, gaaffiif deebii fi 'kaartaa miiraa' mana keessatti qabaatan irratti taasifame.

Maaltu akka isaan gammachiisu yeroo gaafattutti kan isaan deebisan biiftuu lixaa jirtu ilaaluu yookan imala Paarisitti taasisuu miti.

Kennaa tasaa, fuula ifaa fi siree irratti shaayiin yeroo isaaniif dhihaatu akka ta'e himu. Yeroo qilleensi qorraa konkolaataa motora kaasanii hoo'isuu, abaaboo badheerraa kutame manatti fidanii suuquu, bakka bashannanaatti foolii shittoo walfakkaataa dibatanii deemuufaa himan.

Qorannooshee Kanaan hariiroo miira jaalalaa irra gochi xixiqqoon guyyuu taasifamtu humna guddaa akka qaban akeekte.

Bu'aan qorannichaa haadholiin harka 22 ta'anii fi haadholiin harki 20, warra daa'ima hin qabne fuula ifaa fi wantoota xixiqqoo guyyuu kana ta'ii isaan gammachiisan ijoo lamaan ta'uu himan. Gochoonni xixiqqoon kuni waan gatii qaalii bitanii namaa kennuu fi bashannana kaan akka caalanis akeekan.

Gammachuun hariiroo jaalalaa waa'ee maallaqaa osoo hin taane jaalalleewwan lamaan keessa walii beekuu fi muudannoo guyyuu isanaii waliif qooduutu caala.