Sooriyaatti wal-dhabdee dhalate dhaabuuf waliigalteerra gahamuu US beeksifte

Madda suuraa, Reuters
Waraanni Israa'el haleellaa Sooriyaa irratti gaggeessen biiroo giddu galaa ministeera ittisaa Sooriyaa magaalaa Damaasqootti argamuufi kibba biyyattiitti humnoota Sooriyaa irratti xiyyeeffateera.
Ministiirr Muummee Israa'el Beeniyaamiin Netaaniyaahuu ibsa kaleessa, Adoolessa 16, kennanin humni waraana biyyattii "obboloota keenya kan ta'an Diruuz oolchudhaafi wanbadeewwan mootummaa [Sooriyaa] dhabamsiisuf hojjataa jira" jedhan.
Ministeerri Dhimma Alaa Sooriyaa ibsa baaseen haleellaa Israa'el cimsee balaaleffate.
Kibba Sooriyaa bakka hawaasni Diruuz hedduumminaan keessa jiraatan Suweeyidaa keessatti wal-dhabdee hidhattoota Diruuz fi warra Beeduwiin gidduutti dhalateen Dilbata darberraa kaasee namoonni 300 ajjeefamaniiru.
Ministirri Dhimma Alaa US Maarkoo Ruubiyoo gamasaanin wal-dhabdeen kibba Sooriyaatti mudate akka isaan yaaddeesse himuun yeroo gabaabaa keessatti akka dhaabbatu wantoota ijoo ta'an irratti waliigalteerra gahamuu ibsan.
"Tarkaanfiwwan adda bahan kan taatee fokkisaa kana halkan kana [Roobii] xumura itti godhan irratti waliigalleera," jechuun X irratti barreessan.
Miniteerri Dhimma Alaa Sooriyaa tattaaffii US fi biyyoonni Arabaa dhimmichi akka furamuuf tattaaffii isaan godhan akka simatu beeksise.
Israa'el garuu waa'ee yaada dhukaasa dhaabuu jedhamee waan jette hin qabdu.
Gama biroon ammoo loltoonni Sooriyaa bakka walitti bu'iinsi itti dhalate Suweeyidaa keessaa bahuu eegaluusaanii miidiyaan biyyattii gabaasera.
Kunis abbootii amantaa magaalaa Suweeyidaafi mootummaa Sooriyaa wajjin waliigalteerra erga gahamee boodadha jedhame.
Loltoonni Sooriyaa bakka hawaasni Diruuz hedduumminaan jiraatan magaalaa Suweeyidaa seenuu hordofee waraanni Israa'el Wiixata irraa kaasee haleellaa gaggeessuu eegale.
Loltoonni mootummaa haaraa Sooriyaa erga Bashiir al-Assad aangorraa bu'ee yeroo jalqabaaf ture kan magaalattii seenan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Pirezidaantiin mootummaa cehuumsaa Sooriyaa al-Sharaa haasaa karaa TV lammiilee biyyattiif taasisaniin kanneen "obboloota keenya hawaasa keenya Diruuz irratti haleellaa raawwataniifi isaan miidhan" akkka itti gaafataman akka godhan dubbatan.
"Nuti warra du'a sodaatu miti. Jireenya keenya guutuu rakkoolee garaa garaa keessatti uummata keenya ittisaa turre, garuummoo hokkoraafi mancaatii caalaa fedhii uummata Sooriyaaf dursa kennuu barbaanne," jechuun dubbatan.
Sooriyaa keessatti hawaasi lakkoofsan xiqqaa ta'an kanneen akka Diruuz mootummaa Ahmad al-Shaaraa irraa shakkii qabu. Pirezidaant al-Shaaraan garuu uummata Sooriyaa hundumaa wal-qixatti ilaaluf irra deddeebin waadaa galaniiru.
Netaaniyaahuun hawaasa Diruuz Sooriyaa keessa jiran irratti miidhan akka qaqqabu akka hin hayyamne dubbatan. Kunis hawaasi Diruuz Israa'el keessas jiraachuu isaaniti.
Ministiirri Ittisaa Israa'el, Kaatz fuula X gubbaatti akka barreessanitti, humni waraana biyyattii loltoonni Sooriyaa bakka hawaasi Diruuz jiraatu Suweeyidaa keessaa hanga bahutti haleellaa akka gaggeessu fuula X gubbaatti barreessan.












