Garee 'Maafiyaa' kumaatamaan hanna interneetii irratti bobba'aniif tarkaanfii mootummaa

Madda suuraa, CCTV
Yakka gabrummaa jaarraa kana keessa ija namaa jalaa da'atee dhala nama irraatti raawwatame dookumentariin agarsiisuu miidiyaalee Chaayinaan tamsa'aa jira.
Yakkaa gara jabummaan gareen 'maafiyaa' gurmaa'e kaampii hannaa hundeessuun namootni dirqiin hojii gowwoomsaa akka hojjatanii fi ajjeechaa, guddeeddii fi yakka cimaa kanaan wal qabatan daangaa Miyanmaar keessatti raawwatamaa turan kan mul'isuudha.
Kaampii hannaaf hundeeffamee keessatti darararaan namarratti raawwatamu kan daangaa hin qabne akka turellee himaama ture.
Mootummaan Chaayinaas dhimma kana hordofuun namoota yakkaa kana duuba jiru jedhe adamsee to'ataa jira.
Tarkaanfii kanaanis lammiileen Kibba Baha Eeshiyaa kiyyoo walfakkataa qopheessanii hojii gabrummaa hanna doolaara biliyoona hedduutti tilmaamamu hojjachiisan akeekkachiisuufillee ta'uu ibseera.
Mootummaan Chaayinaa keessumaa maatii namoota hojii akkasii akana hundeessuuf bu'ura ta'an irratti adabbii du'aa fi hidhaa umurii guutuu itti murteessa jira.
Qorataan Chaayinaa tokko akka jedhutti, "eenyuyyuu yoo ta'e, bakka jirtanitti, yakka fokkisaa akkasii Chaayinaa irratti raawwachuu keessaniif gatii ni kaffaltu" jedhe.
Maatiin Wehiss, Lihus, Mingis fi Bahis, warri hoggantoota jedhaman, gareewwan yakkamtoota humna guddaa qaban yoo ta'an, jalqaba bara 2000moota keessa naannawwan hojiin hannaa kun itti raawwatamu tolfatan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yeroo gabaaba keessatti mandara hiyyummaan beekamtu naannoo giddugala qumaaraa, dhugaatii fi sagaagalummaatti jijjiran.
Gowwoomsaa karaa interneetii fi dallaalotaa raawwatamuun hojiin ogummaa komputeraa biyya Taayilandi akka jiru fakkeessuun Itoophiyaa dabalatee biyyota Afrikaa, fi Eshiyaa adda addaa irraa garasitti geeffamuu.
Gareen Mafiyaa gurmaa'es namoota kallatti adda addaa irraa dhufan ugguruun kaampii miijesse keessatti dirqamaan hojii gowwomsaa karaa interneetii akka raawwatan dirqisiifamu.
Kaneen kana gochuu hin dandeenye ni reebamu ni ajejjeefamu akkasumaas guddeeddii fi miidhan adda addaatu irratti raawwatama.
Adabbii gara jabainaa qarqara daangaa Niyamara irratti lammilee Itoophiyaa deeman irraatti raawwatamaa ture yeroo adda addaa BBC gabaasaa tureera. Hedduun isaanii buufata yakkaa sana keessaa ba'uun gara Itoophiyaatti deebi'uu isaanillee hordofaan ture.
Amma bakkeewwan hannaa sun anga'oota Miyanmaarii fi Chaayinaatiin hordofamuun gara kaneen yakka sana duuba jiran gara Chaayinatti geeffamuun adabbiin itti kennamaa jira.
Manneen murtii Chaayinaas hanna, daldala namaa, ajjeechaa fi yakkoota biroon himannaa isaanii irratti banaa jira. Kan murtee ajjeechaa fi hidhaa waggaa 20 hanga umurii guutuus itti murteesse jiru.

Madda suuraa, CCTV
Miseensonni 'maafiyaa' Mingi 11 fi miseensota Bayes shanitt addabbiin du'aa kan itti murtaa'e yoo ta'u, kannen isaanii gaditti hojii kana raawwachiisaa turan hedduun isaanii hidhaa yeroo dheeraan itti murtaa'eera.
Dhimmi maatii biraa Lii fi Wee jedhaman irratti baname ammallee itti fufee jira.
Dokumantarii miidiyaalee chaayinaatin tamsa'e wayita qamoleen nageenyaa ummataa keessatti harka isaanii hidhanii fi uffata mana hidhaa itti ka'aanii oofan mul'ata.
Hallii isaan ittin admsamanii qabamanis akkataa jireenya of ga'aa, waggaa lama dura jiraatan irraa fagoodha.
Humna guddaa waraanaan deeggaramee kan qabanii fi sodaataman turan. Mootummaan waraanaa Miyanmaar ammaa Min Aung Hlaing'n durfamu abbootii waraanaa gurguddoo magaalattii aangoo irraa ari'uuf duula erga jalqabee as gosti Lahukkah aangoo isaanii guddachaa dhufe..
Hogganaan waraanaa kun michoota barbaadaa kan ture yoo ta'u, yeroo sanatti itti aanaan hogganaa waraanaa kan ture Bahi Suwocheng ulaagaa isaa guute.
Bahi dura taa'aa aanaa Lawukkah ta'uunis muudame. Akkasumas maatiin isaa milishoota 2,000 ajajuuf gara naannoo sanaatti kan ce'an ta'uu miidiyaaleen Chaayinaa akkataa jalqabbii isaanii fi itti humna godhatan ni eera.
Jijjiirama kana gidduutti maatiin muraasni aangoo waraanaa fi siyaasaa horatan
Akka qorattoonni Chaayinaa jedhanitti maatiin Waayi miseensa paarlaamaa tokko, kan biraa ammoo ajajaa kaampii waraanaa ta'ee qaba ture.
Gama biraatiin ammoo Liiws humnoota nageenyaa biyya keessaa irratti dhiibbaa guddaa horachuun bu'uuraalee misoomaa ijoo kanneen akka bishaanii fi ibsaa to'ataniiru.
Waggootaaf qarshii isaanii qumaaraa fi sagaagalummaa irraa argatu turan.
Dhiheenya kana garuu gara hanna interneetiitti babal'isan. Tokkoon tokkoon maatii dhaabbilee hanna interneetii fi manneen qumaaraa doolaara biliyoonaan lakkaa'aman hedduu to'atu.
Maatiin kunneen affeerraa kabajaa fi konkolaataa qananiin aanga'oonni Chaayinaaf waan arjoomaniif dhaabbilee fi anga'ootni hannaa kana dhaabsisuu irratti rakko wal xaxaatu ture.
Harki ajajoota waraanaa naamusa hin qabnellee yakka kana duuba akka jiru shakkama.
Ragaan hojjettoota gadhiifaman irraa walitti qabame akka agarsiisutti yaakki rqqatamu, quba kutuu, eliektriikiin dararuu, qawween doorsisuu, ajjeesuu, dhabamsiisuu, gudeeduu fi hidhaa lafa jalaafaa dabalata.
Hojjettoonni waan jedhameerratti walii galanii ajaaja hin fudhanne qobaatti baafamanii dararamuu beeleffamuu fi hanga harka kennatanitti reebamuu faatu irra ga'a.
Tattaaffii mootummaan Chaayinaa
Hojjettoonni Chaayinaarraa dhaqan hedduun sossobamanii hojii kaffaltii gaarii qabu akka jirutti gowwoomsaamanii gara kiyyoo sanatti lixan.
Biyya Chaayinaa lakkofsi dargaggootaa heddu ta'ee fi carraan hojii hin jirreetti, akka, dhiyeessiin bu'aa guddaa argamsiisutti ilaalu.
Seenaan sodaachisaa hanna akkasii Chaayinaa keessa akka jiru, miidiyaa hawaasaa fi iddoowwan bashannanaa keessatti guyyaa guyyaan odeeffama.
Taatoon Fiilmii bara 2023 'No More Bets' jedhamu kan namoonni Chaayinaa booji'amanii gara mana sagaagalummaa biyya alaa geeffaman agarsiisu muudate, turistoota Chaayinaa miliyoonaan lakkaa'aman Taayilaandi irraa ari'eera.
Biyyattiin namoota gara mana sagaagalummaa Miyanmaar fi Kaamboodiyaatti geeffamaniif bakka qaxxaamuraa ta'uun maqaa argatteetti.
Taatoon Chaayinaa kun Taayilaanditti osoo hojjechaa jiruu gara mana sagaagalummaa Miyanmaaritti geeffame.
Taatoon maatii isaatiin barbaadamaa ture kun seenaan isaa erga baay'inaan qoodamee booda nagaan gara biyyaatti deebi'uu danda'eera.
Taatoon fiilmii Wangi jedhamu kun namoota carraa qaban muraasa keessaa tokko.
Chaayinoonni hedduun ammallee firoota isaanii kanneen gara wiirtuuwwan daldala namaa Kibba Baha Eeshiyaatti geeffamanii achi buuteen dhabame barbaadaa jiru.
"Ilmi adaadaa koo waggaa afur shan dura achitti geeffame. Ergasii waa'ee isaa hin dhageenye. Adaadaan koo guyyaa guyyaan boo'aa jirti; haala amma keessa jirtu ibsuun rakkisaadha," jechuun ji'a darbe waltajjii miidiyaa hawaasaa Chaayinaa Weibo jedhamu irratti dubartiin tokko kan barreesite.
Yunivarsiitii Singaapoor keessatti piroofeesara gargaaraa kan taate kan siyaasa Chaayinaa irratti xiyyeeffattu Seeliinaa Hoo BBC'tti akka himteetti,"Mootummaan tarkaanfii fudhachaa jiru ummanni akka hubatu gochuuf tattaaffiin gochaa jiru miira lammiilee isaa fi maatii miidhamtootaa tasgabbeessuuf kan kaayyeffatedha."

Madda suuraa, EPA
Dhaabbanni Biyyota Gamtoomanii akka tilmaametti namoonni kuma dhibbaan lakkaa'aman ammallee wiirtuuwwan hanna interneetii addunyaa kana keessatti ukkamfamnaii jiru
Namoonni wiirtuuwwan hanna interneetii geggeessan hedduun isaanii yeroo baayyee Chaayinaadha.
Kibba bahaa keessatti hanna interneetii irratti kitaaba kan barreesse Ivaan Firaansischiinii BBC'tti akka himanitti, ''hojiilee kana duuba lammiileen Chaayinaa jiraachuun isaanii suuraa idil-addunyaa biyyattii irratti ragaa guddaadha'' jedhan.
Yaaddoon biyya keessaa dabalaa dhufuun, aanga'oonni Chaayinaa karoora hanna gurguddaa kana to'achuuf kutannoo qaban agarsiisuuf fedhii guddaa qabu.
Bara 2023 irraa eegalee aanga'oonni Chaayinaa fi Miyanmaar lammiilee Chaayinaa kuma 57 ol hanna toora interneetii irratti hirmaatan jechuun to'annaa jala oolchuu isaanii miidiyaaleen mootummaa gabaasan.
Angawoonni Chaayinaa hoggantoota wiirtuulee qofa irratti kan xiyyeeffatan akka hin taane ifa godhaniiru.
Chaayinaa keessatti lakkoofsi hanna interneetii gabaafame bara darberraa eegalee haalaan hir'achaa kan dhufe yoo ta'u, aanga'oonni yakka akkanaa "haala bu'a qabeessa ta'een ittisaa" jirra jedhan















