TikTok Ameerikaatti erga cufameen booda akkamiin deebi'ee hojii eegale?

TikTok fayyadamtoota isaa miliyoona 170 ol ta'aniif tajaajila deebise kennuu eegaluu isaa beeksiseera.

Dhaabbatichi hojii isaa kan eegale erga Pirezidaantiin Ameerikaa haaraan filataman Doonaald Tiraamp wixata kana kakuu raawwatanii yeroo aangoo of harkaan ga'an yeroo dabalataa TikTok'f akka kennaan erga beeksisaniin booda.

Appiin Chaayinaa kun Dilbata galgala Ameerikaatti guutummaan hojii dhaabe ture. Kunis utuu yeroon ifatti cufamuu isaa hin ga'initti ture.

Kanaan dura yaada TikTok cufuu kan deeggaran Doonaald Tiraamp Dilbata kaleessaa akka jedhanitti seerri appii kana dhorku dheerachuu qaba.

Kana hordofuun TikTok ''tajaajila isaa deebisuun'' hojii jalqabuu isaa beeksiseera.

Appichi yeroo hojii eegalu fayyadamtoonni yeroo banan ergaa mul'atu keessatti maqaa Tiraamp kaasuun galateeffata.

Ibsa dhaabbatichi baaseen pirezidaantiicha galateeffachuun, Tiraamp waliin ta'uun ''TikTok Ameerikaa keessatti hojii isaa akka itti fufu gochuuf furmaata dhaabbataa'' akka barbaadu ibseera.

Hojii gaggeessaan TikTok Shii Chiwu kakuu raawwanna Tiraamp kanarratti ni argamu jedhamee eegama.

Doonaald Tiraamp miidiyaa hawaasumma isaanii Tiruz irratti "Guyyaan cufamuu TikTok murtaa'e hojiirra ooluu isaan dursa akka dheeratuuf ajaja nan kenna" jechuun barreessaniiru.

"Yeroo kana nageenya biyya keenyaa eeguuf waliigalteerra gahuu dandeenyas" jedhan.

Dhaabbanni abbaa TikTok, ByteDance, yaada appii kana dhaabbata Ameerikaa tokkotti gurguruu cimsee mormee ture. Jimaata darbe Manni Murtii Olaanaa Yunaayitid Isteets ol'iyyannoo kana kuffisee seera kana raggaasisuuf murteessuun isaa ni yaadatama.

Tiraamp kana haqee yeroo hojiirra oolmaa labsichaa dheeressuuf aangoo qabamoo hin qabu kan jedhu ifa miti. Garuu pirezidaantiichi ajaja kana dabarsinaan TikTok hin cufamu jedhamee eegama.

Waggoota muraasa dura TikTok dhorkamuu qaba jechuun ejjennoo cimaa kan ibsan Tiraamp, yeroo duula filannoo isaaniitti namoonni miliyoonaan lakkaa'aman viidiyoo isaa TikTok irratti erga ilaalanii booda ejjennoo isaanii ''lallaafachuu'' agarsiisaniiru.

Bulchiinsi Pirezidaantii aangoo gadhiisaa jiru Joo Baayiden bulchiinsa Tiraamp dhufu jalatti seera kana hojiirra oolchuurra haquuf akka barbaadu beeksisee ture.

Toorri miidiyaa hawaasaa viidiyoo gaggabaaboon irratti qooddamu TikTok keessumaa dargaggoota Ameerikaa biratti jaallatamaadha, namoonni siyaasaa Ameerikaa dargaggoota hawwachuuf itti fayyadamaa jiru.

TikTok Mana Murtii Olaanaatti ugguramuun isaa bilisummaa dubbii irratti balaa guddaa akka ta'e falmus garuu hin milkoofne ture.

Miseensonni Kongiresii Ameerikaa Rippabilikaanotaa fi Dimookiraatota TikTok kan mootummaa Chaayinaa ta'e Paartii Koominiistii Chaayinaatiif odeeffannoo ni kenna ykn basaasaa jira jechuun seera kana raggaasisan.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.