Kuuliin seenaa dheeraa qabu fayyaafi miidhaginaaf faayidaa akkamii qaba?

Mootittii Nafartittii

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Siidaa Mootittii Nafartittii
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Seenaa waggaa kuma hedduutti laakkaa'amu qaba. Biyyoota addunyaa keessatti faayidaa fayyaaf qaburra darbee miidhaginadha; miidhaginarra darbee aadaafi mallattoo eenyummaadha.

Kuulii biyyoota baayyee keessatti dubartootatu kuullata, haata'u malee biyyoonni dhiironniifi daa'imman kuullatanis jiru.

Dubartoonni maaliif kuullatu? Dhiironni maaliif kuulii kuullatu? Daa'immanoo kuulii kuullachuun maaliif isaaniif barbaachise?

Kampaaniiwwan mi'a bareedinaa ammayyaa dhiyeessan kuuliis hedduu dhiyeessu. Maqaa 'eyeliner' jedhu itti moggaasanii waamu.

Kuuliin bifa ammayaan gara garaan gabaaf dhiyaatullee, seenaan isaa waggoota kume hedduu fulla'a.

Zahaaraa Hankar gaazexeessituu BBCti. Manashee Biruukiliin keessatti kuulii kuullatti.

Wayitan gamoo irra jiraadhu Birookliin keessatti kuulii kuulladhu, qe'ee handhuuraa kiyyarraa fagoo ta'uu koon dagadha. Harmee koo, akkoo koo fi dubartoota Baha Jiduugaleessaa akkan jiruttin natti na dhagahama,"Gaazexeessituu Zaahraa Hankir Qophii BBC Global Women irratti dubbii dubbatteen.

Aadaan Kuulii Arabaa Mudde darbe, UNESCO'tti hambaa kiiliyaa aadaa ta'ee galmaayee ture. Kun aadaan kun hagam akka beekamaa ta'e mul'isa.

Kuuliin, aadaa naannawa ijaa dhiirris godhatan hundeen isaa qarooma waggoota kumaatamaan duriitti nu geessa.

Zaahraa Hankir

Madda suuraa, Zaahraa Hankir

Ibsa waa'ee suuraa, Gaazexeessituu Zaahraa Hankir

"Wayitan gamoo irra jiraadhu Brookliin keessatti kuulii kuulladhu, qe'ee handhuuraa kiyyarraa fagoo ta'uu koon dagadha. Harmee koo, akkoo koo fi dubartoota Baha Jiduugaleessaa akkan jiruttin natti na dhagahama,"Gaazexeessituu Zaahraa Hankir Qophii BBC Global Women irratti dubbii dubbatteen.

Aadaan Kuulii Arabaa Mudde darbe, UNESCO'tti hambaa kiiliyaa aadaa ta'ee galmaayee ture. Kun aadaan kun hagam akka beekamaa ta'e mul'isa.

Kuuliin, aadaa naannawa ijaa dhiirris godhatan hundeen isaa qarooma waggoota kumaatamaan duriitti nu geessa.

dubartii faayamtee fi kuulii tolfatte

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Aadaa kuulii addunyaa arabaa

Adunyaa Arabaa keessatti Kuulii jedhamus, bakka garaagaraatti maqaa garaagaraa qaba. Eeshiyaa Kibbaa keessatti - kaajaal, Naayijeeriyaatti tiroo , fi Iraan keessatti sormeeeh jedhama.

Kuuliin aadaa dhakaa, liidii, fi albuudota fa'irraa yoo hojjetamu inni ammayyaa qabiyyeen isaa waan kan biraati.

Wanni bareedinaa kun barreessituu lammummaa Biriitishi fi Libaanos qabdu Hankiriif, waan addaati. Maatiin Hankir bara 1975 wal waraansa Libaanos keessaa baqatanii Ingilaand galan.

"Gaaf achi turre harmeen tiyya meekaappii yoo fayyadamtu nan argan ture," jetti.

"Yeroo kana gootu akka waan dur-durii gochaa akka jirtu naa gala ture."

Aaylaayinarii yoo fayyadamtu (ija kuullattus) wanni isheen dubbattus miirri ishees sana dubbata.

Mahkalaa fi Merwaard

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Qabee Kuulii Mahkalaa jedhamuu fi kuulii dibachuuf oolu Merwaard jedhamu

Hankir, barreessituun kitaaba Eyeliner: A Cultural History, aadaan kuulii arabaa galmee UNESCO irratti akka hambaatti beekkamtii argachuun, "kuuliin waanuma baramaa ykn meeshuma wayii osoo hin taane aadaa ganamaa fi jiraataa tokkootti kunuunfamuu qabu dha" jetti.

"Beekkamtiin akkanaa beekumsa eeguuti, aadaawwan ayyaaneffannaa fi ogummaa kuulii, kuulii qopheessuu fi kuullachuu fa'i sanadaan kaawuuf, dhalootatti dabarsuuf, fi duudhaan isaa osoo hin boorofne ykn hin badne dhalootaa dhalootatti darbu fayyada" jetti.

Guyyaa tokko hiriyaan ishee qabee kuulii qabattee jirtu faana irbaata osoo waliin nyaatan mariin waayee aadaa kuulii eegalan seenaa kuulii kana akka hundeerraa qorattuuf ka'umsaa fi bu'uura akka ture himti Hankir.

"Aadaan kuuliin kun bal'aa fi dubartoota hunda biratti hanga diyaasporaatti beekamu dha" jetti.

'Miidhaginaan gamatti'

Dubartii kuullatteettu

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Aadaan kuulii hundeen isaa hanga qaroomina Masrii durii, Mesoppotaamiyaa fi Parshiyaatti nu geessa. Masrii durii keessatti, akka Hankir jettutti, dhiiraa fi dhalaa, sooressa hiyyeessa osoo hin jenne hundatu fayyadama.

"Kaayyoo miidhaginaa bira waan cehu dha" jetti. Amantaa fi ija dhukkubarraa ittiin ittisuuf waan dhimma itti bahamu ture.

"Warri Masrii durii kuulii waliin awwaalamus. Du'a booda jireenyi jira jedhanii waan amananiif waliin awwaalamu. Kun aadaan kuulii ykn aayilaayinarii hagam akka barbaachisaa ture akeeka."

Mootittiin Masrii Nafartittiin fayyadama aaylaayinarii ykn kuulii waliin wal qabatee nama jalqabaa dhiibbaan uumaa turte ta'uu akka hin oolle himti Hankir.

Siidaa beekamaan Nafartittii kan tuuta arkiyoolojistoota Jarmanii Ludwiig Borchaartiin hogganamaniin bara 1912 Masrii keessatti argame achii dhuftee aadaa Kuulii waan sirriiti himu

"Nyaarri ijaashee kan sirnaan sararame, bocamee fi halluu dukkanaa fi bifti mootittiitti simboo kan hore dha, " jechuun kitaaba ishee keessatti barreessite Hankir.

"Dubartoonni Jarmanii akka isheetti of bareechuuf akkaataa fayyadama kuulii kan ishee fakkeessanii yoo fayyadaman ni mul'ata," jetti Hankir.

Meekaappiin Nafartii ammallee beekamaa fi baratamaa dha.

"Yuutuubii, tiiktookii, Intaagiraamii gubbaa fuula mootitii tanaa sirriitti fakkeessuun kan barnoota kennan jiru jetti" Barreessituu Hankir kitaaba ishee keessatti.

"There are hundreds of tutorials on YouTube, TikTok and Instagram mimicking the queens face with a degree of precision," Hankir writes in her book.

Kuulii biyyoota gara garaa keessatti

Dubartii Jaappaan kuulii waliin

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Aadaa kuulii Jaappaan

Zahaaraan sababa qorannoosheetiif biyyoota gara garaa daawwatteetti. Kaarlaa, Cgaad, Meksiikoo fi Yordaanos biyyoota isheen daawwatte keessaati.

Kuuliin bifa gara garaatiin faayidaarra akka oolu hubatteetti.

Kuulii Aduurraa ykn ija [budaa] irraa of ittisuuf kan itti fayyadaman jiru.

Warri akka shaakala ykn gocha hafuuraatti itti gargaaramanis jiru.

Hawaasni akka qorichaa ykn qorsaatti itti gargaaramanis akka jiran argiteetti Zahaaraan.

Jappaanitti warra muuziqaafi shubbistoota aadaan beekaman Geeshaa dubbisteetti.

Kuulii ittiin of eeguuf kan gargaaraman yoo ta'u, yeroo baayyee kuulii diimaa gargaaramu.

Aadaa hawaasa Meksiikoo -Ameerikaa keessatti ammoo kuuliin akka mallattoo eenyummaa, diddaa fi aadaa ittiin dhaadatan akka ta'etti fudhatu jetti.

Akkuma Masirii durii sana, kutaalee addunyaa gara garaa keessatti kuulii kan fayyadamu dubartoota qofaa miti jetti Hankriin.

Hankriin Chaad keessatti garee Fullaanii horii tikfatee bulu hawaasa Wadabaay waliin dabarsiteetti.

Hawaasni kun dorgommii miidhaginaa waggaa waggaan gaggeeffataniin ni beekamu. Dorgommiin miidhaginaa kun ammoo dhiirotatu wal dorgoma garuu daanyonni ykn abbootiin murtii dubartootadha.

Dhiironni dubartoota murtii kennan duratti miidhaganii mul'achuuf kuulii kanas ni fayyadamu.

"Yordaanos, Pertaa keessatti dhiironni Bedowiin kuulii kan godhatan ija isaanii aduurraa ittisuuf ykn shaakala amantii isaaniif qofa miti, akka isaan bareechuuf jechas kuulii ni godhatu," jetti kokkolfaa.

"[Kuuliin] barmaatii gara dhiira gaheessa ta'etti ce'uu fi mallattoo kofaleessummaa ittiin agarsiifatanidha."

Kuuliin daa'immaniif biyya itti faayidaarra oolu jira. Daa'imaaf kuuliin kuulan ammoo miidhaginaaf caalaa [ijarraa] daa'imman eega jedhanii warra amananitu ijoolleef kuulii kuula.

Kuulii ilaalchisee wanti biraan maqaa namaa moggaasuuf ka'umsa ta'uu isaati.

Tarii maqaan Afaan Oromoo keessatti Kuulii, Kuulee, Kuulanii jedhaman asirraa dhufanii laata?

Maqaan shamarran Oromoof moggaafamu kun miidhagina isaaniitiin ta'uus mala.

Haata'u malee, biyyoota gara garaa keessatti maqaan akka Kajaal ykn Kaahilaayin jedhaman biyyoota afaan Arabaa dubbatan keessatti baayyinaan mulla'atan jiru.

Maqaaleen kunneen ammoo aadaan kuulii hangam barbaachisaa akka ta'e agarsiistuu sirriidha.

Hankiriin akka jettutti, UNECO'n kuuliif beekamtii kennee galmeessuun waan gaariidha garuu "baayyee tureyyu".

Kuuliif sadarkaa UNESCOtti beekamtii kennuun kun ammoo hawaasa Addunyaa gama Kibbaan jiran, keesssumaa guutummaa addunyaa Arabaa warra dhiibbaa buqqa'uu, sirna gita bittaafi haqamuu aadaa jiru keessatti aadaa aadaa kana jaarraa hedduuf tursiisuu danda'aniif beekamtii kennuudha.

Haata'u malee, barreessituu kanaaf garuu, aadaashee ganamaatti deebitee hubachuun kuulii kuullachuun akkaan barbaacjhisaafi shaakala jaallatamu ta'uu kan itti hubattedha.

"Guutummaatti shaakala ykn gochu hafuuraati. Yeroo fayyadamtutti hojii hafuuraati jechuun ni danda'ama. Yeroo kuullatti callistee baallee ijaa, ykn qola ijaa gara olii keerra sarara eegdee kuullachuu qofa mit, waan isaan olii waliin walitti si fida," jetti.