Namichi suuraa Charchil hate hidhaa waggaa lamaan adabame

Wiinistan Charchil

Madda suuraa, Yousuf Karsh/Camera Press

Lammiin Kaanadaa suuraa beekamaa ministira mummee duraanii Biriiteen Sar Winistan Charchiil ''Tha Roaring Lion'' leenca baroodu maqaan jedhu moggaafameef hatuusaan hidhaa waggaa lamatti siquun adabame.

Namni Jeefrii Wuud jedhamu maxxansa asilii hooteela magaalaa Atoowaa keessa jiru keessaa bara 2021tti hate. Namni kun iddoo suuraa kanaas kan fakkeessee hojjeteen bakka buuse.

Suuraan ministira mummee Biriiteen yeroo waraanaa bara 1941 Yoosuuf Kaarshiin kaafame nootii paawondii abbaa shaniirratti maxxanfameera.

Akka Poolisiin Atoowaa jedhutti suuraan kuni Xaaliyaan, Jinoowaatti kan argame yoo tahu namni dhuunfaa bitate suuraan kuni akka hatame hin beeku ture.

Suuraa kanarraa Charchil nama dhimma hin qabne fakkaateetu mul'ata, yeroo umriinsaa ganna 67 paarlaamaa Kaanadaatti erga haasaa kenneen booda suuraa kana ka'e.

Abbootiin qabeenyaa hoteela suuraan kuni turee kan isa fakkaatuun bakka buufamuusaa kan hubatan bara 2022tti ture.

Miidiyaaleen Kaanadaa akka himanitti namni Wuud jedhamu kuni suuraa kana kan hate obboleessa isaa dhibee sammuun rakkatu yaalchisuuf tahuu dubbateera.

Yeroo murtoon kennamu daanyaa Roobart Waaden: ''Suuraan ogeessa kaameraa lammii Kaanadaadhaan ka'e waan akka biyyaalessaatti itti boonnu waan taheef maqaa akkasii argachuu hin qabu ture,'' jedhan

''Hawaasa keenya gidduu wal amantaan waan jiruuf qabeenyi akkasii fuuldura kaa'amee lammiileen Kaanadaa akka daawwatan kan eeyyamamu. Hatuun, mancaasuufi daddabarsuun amantaa kana cabsuu dha,'' jedhan.

Abbaan qabeenyaa hoteela Chaatewoo Looree, Jeneeviiv Doomaas ''seenaan Kaanada beekamtii aragchuusaan gammachuun nutti dhagahama jedhan.

Wuud adabbii hidhaa waggaa lama guutuuf guyyaan lama hafeen waan adabameef mana sirreessaa federaalaa osoo hin taane kan naannoo keessa tura.

Abukaatoon Wuud adabbiin kenname akka nama yeroo jalqabaaf yakka raawwateetti ''akka malee cimaa tahe,'' jedhe.