Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ertiraan ejjennoo Itoophiyaan Galaana Diimaarratti qabdu tibbana ibsaa jirturratti deebii kennite
Mootummaan Ertiraa ejjennoo Itoophiyaan dhimma Galaana Diimaa ilaalchisuun tibbana ibsaa jirtu balaaleffate.
Ministiirri Odeeffannoo Ertiraa Yamaanee Gabremasqal dubbii Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad (PhD) Onkoloolessa 28, 2025 ulaa galaanaa Asab dabalatee biyyasaaniif barbaachisummaa Galaana Diimaa ilaalchisuun bakka bu'oota ummataaf ibsan cimsee qeeqeera.
"Abjuun PP [Prosperity Party] waa'ee Asab yeroodhaa gara yerootti hammaataa waan dhufe fakkaata. Erga as dhiyootiimmoo "rukkina ummataa" kan ilaallatudha. Asab Ertiraa magaalota Itoophiyaa rukkina ummataa (population density) olaanaa qaban waliin yeroo ilaalamu ummata baayyee faffagaateeru qabdi.
Kun akka kaleessa [Kibxata] walga'ii paarlamaarratti ibsametti, akka PP jedhutti, "Asabiin yoo danda'ame mariin, ta'uu baannaan waraanaan dhuunfachuu ta'uu mirkaneessa," jechuun dubbii MM Abiy paarlaamaarratti taasisan akeekuun deebii kenne.
Har'a ammoo Pirezdaantiin Ertiraa Isaayyaas Afawerqii affeerraa preezdaantiin Masrii Abdel Fattaah Al-Sisiin taasiseefiin daawwannaa hojii guyyoota shaniif ganama gara Masriitti qajeeleera.
Kun ammoo yroo jijjiiramni naannoo Galaana Diimaa fi Gaanfa Afrikaa keessatti deemaa jirutti Asmaraa fi Kaayiroo gidduutti walitti dhufeenya marsaa biraa kan agarsiisudha.
Akka Ministirri Odeeffannoo Ertiraa yamaanee Gabremasqale jedhetti, hoggantoonni lamaan hariiroo biyyoota lamaanii cimsuufi dhimmoota naannoo fi idil-addunyaa yaaddoo waloo ta'an irratti ni mari'atu.
Seenaa keessatti, of tuulummaan koloneeffataa yeroo hundumaa sababa qabatamaa fakkaatu tokko tokko ykn "kaayyoo ol'aanaa... ergama qaroomaa fi kkf [kan qabu fakkaata]." Kan nama kofalchiisu garuu akkaataa PPn itti ibsu [addunyaa] ammayyaa keessatti argamee kan hin beekne ta'uusaatu," jechuun fuula X irratti barreesse Yamaanee Gabremasqal.
Qondaalonni waraanaafi aanga'oonni mootummaa Itoophiyaa dhima ulaa galaanaa argacuu ajandaa ijoo godhanii ifatti yeroo dubbatan yeroo dhiyoo as ni dhga'ama.
Pirezidantiin Itoophiyaa Taayyee Asqesillaasee hasaa baniinsaa mana maree bakka bu'oota ummataafi mana-maree federeeshinii A L I 2018 taasisanirratti, Itoophiyaan karaa marii fi dippilomaasii mirga ula galaanaa argachuu ishee mirkaneeffachuu qabdi jechuun, gaaffiin ulaa galaanaa argachuu sadarkaa idil-addunyaatti beekkamtiifi fudgatama argachuu dubbatanii ture.
MM Abiy yeroo gara garaatti dhimmi ulaa galaanaa biyyasaaniif dimma jiraachuufi jiraachuu dahabuu akka ta'e kaasuun, ifatti sodaa tokko malee akka irratti dubatamuu qabu kaasu.
Karaan filatamaa ittiin ulaa galanaa argachuun danda'amu mariifi bifa kennanii fudhachuutiin ta'uu kan hubachiisan MM Abiy, fedhiifi ejjennoo Itoophiyaan dhimma kanarratti qabdu yeroo gara garaatti ifa godhaniiru.
Ministirri Beeksisaa Ertiraa Yamaanee Gabremasqal, dubbii Ministirri Muummee Abiy 'eenyu waliinillee fedhii waraanatti galuu hin qabnu, haata'u malee waraanni jalqabnaan garuu bu'aan isaa ifadha'jedhan yaadachuun fuula X irratti barreessuun deebii kenne.
Tibba kana mootummaan Itoophiyaa dhimma nagaa naannichaarratti mariyachudhaf 'Xaanaa Fooram' yeroo gaggeessetti, Itaamaajor Shuumiin humna waraanaafi qondalonni waraanaa olaanoo biroo ibsa Ertiraarratti xiyyeeffataniifi waraana kakaasu jedhaman kennuun isaanii kan wal fallessudha jechuun dubbate Yamaane Gabremasqal.
Barreeffamni aanga'aa Ertiraa kun fedhii nagaa mootummaa gaffii keessa kan galchudha jechuun qeeqa. Itti dabaluun, mootummaan Ertiraa Itoophiyaan pirojeektii daandii baaburaa ulaa galaanaa Mitsuwwaa, Asabiifi Taajuraa waliin wal qunnamsiisu baasii dolaara biliyoona 1.8 ijaaraa jiraachuu ifa gochuun ishee agarsiisftuu komii kanaatis jechuun ibse Ministirri Beeksisaa Ertiraa kun.
Keessumaa, Ertiraa waliin waliigalteen tokkollee osoo hin jiraatiin pirojektii buufatawwan galaanaa Mitsuwwaa fi Asabiin hammate karoorsuun mammaaksa Tigirinyaa 'nyaadhu osoo hin jedhamiin naaf miyeessaa' jedhu nama yaadachiisa jechuun qeeqeera.
Kun ammoo Itoopiyaan bulchiinsa walabaa Ertiraa irratti waliigaltee malee karoora baafachuushee akka agarsiisu himuun, gochoonnii akkasii kun ollummaa gaariifi nageenya naannichaatiif carraaqqii taasifaman osoo hin taane walabummaa daangaafi birmadummaa biyya walabaa tokko kan qoruufi seera idil-addunyaa kan cabsanidha jedhe.
Ministirri Muummee Abiy Ahimad Itoophiyaa dhimma ulaa galaanaafi Ertiraaa waliin walqabatee paarlaamaatti dhihaachuun ibsa yeroo kennanitti Ertiraa waliin ''waraanni yoo ka'e waan ta'uuf deemu ifa'' jechuun akeekkachiisan.
''Humni qabnu amansiisaadha, eenyuyyuu nu hin dhaabsisu,'' jedhan waa'ee humna waraanaa Itoophiyaa yoo ibsan.
Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuun ishee ''waan hin hafne'' waan ta'ef hawaasi idil-addunyaa akka ''jaarsummaan'' furuufi ''furmaata akka fidu'' gaafataniiru.
Dhimma faayidaa biyyaalessaan walqabatee yeroo dubbatan ''Itoophiyaarratti badii guddaatu raawwate. Yoo xiqqaate kana dubbachuu nu hin dhowwatiinaa'' jedhan.
''Waraanni hin jiru jechuun sagaleen dhukaasaa hin dhagahamu jechuu miti,'' kan jedhan MM Abiy ''haqni dhugaa yoo hin mirkanoofne yeroo kamuu waraanni uumamuu danda'a'' jedhan.
MM Abiy mootummaan isaanii dhimmi Galaana Diimaa dhimma ''seeraa, seenaa, teessuma lafaafi diinagdee'' jedhee akka amanu dubbatan.
Akkaataan Itoophiyaan hulaa galaanaa itti dhabde 'rakkoo seeraa' akka qabu MM Abiy himaniiru.
Murteen Itoophiyaan hulaa Galaana Diimaa akka dhabdu taasise kaabinee waqtii sana tureen kan hinmurtoofne ta'uu himan.
Dabalataan murteen kun mana mareenis ta'e sagalee ummataan kan hin murtoofne akka ta'es kaasan.
"Karaan (Galaana Diimaa) itti dhabne rakkoo seerummaa akka qabu kan agarsiisu dhaabbileen (murticha) keessa hin hirmaanne" jedhan.
Dabalataan, ulaa galaanaa "akkamiin akka dhabne kan agarsiisu waraqaa fuula tokkoyyuu hinarganne" jedhan.
Dhimma Galaana Diimaa kanas bifa tasgabbaa'efi mariidhaan itti adeemuun barbaachisaadha kan jedhan MM Abiy, "Itoophiyaan qabsoo waggoota 30 ol fudhateen Galaana Diimaa dhabde. Galaana Diimaa argachuuf garuu waggaa 30 ishee barbaachisa jedhee hin yaadu" jedhaniiru.