Paastariin akka Iyyasuusitti guyyaa 40 soomuu eegalan osoo hin xumurin laafanii du'an

Paastar Baaraajaah wayita muudamaniitti

Madda suuraa, BARAJAH FAMILY

Biyya Mozaambikiitti paastariin akka Iyyasuusiittiin guyyoota 40’f nyaataafi dhugaatii malee soomuuf turan guyyaa 25n booda du’aan boqachuunsaanii gabaafame.

Paastariin kunis osoo nyaataafi dhugaatii hin fudhatiin akka Kitaaba Qulqulluu irratti barraa’eetti riikardii guyyaa soomaa Iyyasuus gaara ejjeersaa irratti soomeera jedhame turuuf osoo yaalaa jiranu jedhameera.

Paastariin maqaan saanii Firaansiiskoo Baaraajaah jedhamaniifi waldaa amantoota Wangeelaa Sanata Trindade kan bulchiinsa jidduugala Maanikaatti hundeessaafi paastarii ta’un tajaajila turan.

Haata’u malee soomii guyyoota hedduu erga taasisaa turanii Roobii kaleessaa Guraandhala 15, 2023tti du’aan boqachunsaanii mirkanaa’eera.

Firaansiiskoo Baaraajaah

Madda suuraa, Noticias

Paastariin kunis erga soomaan baayyee laafaniin booda ture gara hospitaala Beiraa keessatti argamuutti geefamuun osoo wallaanarra jiranu kan lubbuunsaanii darbuun mirkanaa’e.

Duree amantaa kunis erga walitti aansuun nyaataafi bishaan malee guyyoota 25’f soomaniin booda ulfaatiina qaamaa garmalee hir’isuun, ofiin ka’anii dhaabbachuu, qaama dhiqachuu ykn socha’u dadhabanii akka turan himame.

Guyyootaan booda ammoo dhiibbaa firootaa fi amantootaatiin gara hospitaalaatti wallaansaaf geeffaman illeen garuu lubbuun isaan oolchuun akka hin danda’amne gabaafame.

Wayita du’aan boqachuun duree amantaa kanaa dhagahameettis, amantoonni waldaa isaa fi namoonni ollaatti argamanitti dhimmichi baayyee waan haaraa hin turre.

Sababiin isaas haalli huqina qaama nama kanaa erga sooma kana eegalanii irratti mul’ataa ture kanaaf madda akka ta’e dursaan hubatanii turan.