Hemaan Baqqalaa: Dhalataa Itoophiyaa UStti saayintistii ol-adeemaa ‘tokkoffaa’ ta’uun badhaafame

“Ameerikaatti saayintistii ol-adeemaa 1ffaa” bara kanaa ta’uun badhaasa kan mo’ate dhalataa Itoophiyaa kan ta’e Hemaan Baqqalaadha.

Hemaan saamunaa wallaansa kaansarii gogaatiif ta’u hojjechuusaatiinidha badhaasa guddaa kana kan mo’ate.

Ji’oota afran darban saayintistii ol-adeemaa tokkoffaa ta’uudhaaf hiriyyootasaa biroo waliin wal dorgomaa kan ture Hemaan, saamunaa wallaansa kaansarii gogaatiif ta’u uumuun warra kaan caalee argameera.

Dorgommiin kun barattoonni kutaa shanaffaatii hanga kutaa saddetteffaatti kalaqa jijjiirama fiduu danda’u akka hojjetaniif kan jajjabeessudha.

Barattoonni ol-adeemoo dorgommii kana mo’atan badhaasa dolaara kuma 25 fi beekamtii guddaa argatu.

Kutaa bulchiinsa Varjiiniyaatti barataa kutaa 9ffaa mana-barumsaa sadarkaa lamaffaa Wuudsan kan ta’e Hemaan, badhaasa biyyaalessaa dhaabbanni 3M fi Diskoovarii Edukeeshin jedhaman kan qopheessan argateera.

Argannoon kun akkamiin dhufe?

“Kan ani kalaqe saamunaa kaansarii gogaatiif ta’udha. Saamunaan kun kaansariiwwan gogaa gara garaa wallaanuu kan danda’udha,” jechuun BBCtti dubbate Hemaan.

Hemaan akka jedhutti saamunaan kun wallaansaaf kan oolan qabiyyee gara garaa kan of keeessaa qabu yoo ta’u, seelota gogaa keenya keessa jiran kaansarii ittisuu danda’an dadammaqsas.

Saamunaa Hemaan hojjete kun omishaalee kaansarii gogaa wallaanuuf gargaaran biro waliin yeroo walbira qabamee ilaalamu, gatiin isaa baayyisee gadi aanaadha.

“Gatiin isaa dolaara 8 fi saantiima 50. Gatiin qorichawwan kaansarii gogaa wallaanuuf gargaaran biroon ammoo giddu-galeessaan dolaara 40,” jedhe Hemaan.

Kaansariin gogaa Ameerikaa keessatti gosoota kaansarii kaan caalaa baballateera. Biyyattiin wagga waggaatiin wallaansa kaansarii gogaatiif dolaara biliyoona 8.1 baasti.

“Jalqaba kanan yaadee ture saamunaa kaansarii gogaa balleessu hojjechuu future. Saayintistootaafi qorattoota kaan waliin ergan mariyadhee booda jijjiiramoota tokko tokko osoon godhee kaansarii gogaa ittisuu qofa osoo hin taane wallaanuun akka danda’amun hubadhe.”

Itoophiyaatti maal arge?

Itoophiyaatti kan dhalate Hemaan wantonni biyya keessatti arge damee saayinsiitiin omisha jijjiirama tokko fidu hojjechuudhaaf akka isa kakaasan dubbata.

“Yeroon Itoophiyaa jiru wantota gara garaa ilaalaan ture. Namoonni aduun osoo isaan gubuu saatii dheeraa yeroo hojjetan nan arga. Sababa iyyummaarraa kan ka’een namoonni salphaatti tajaajila fayyaa argachuu akka hin dandeenye argeera. Kun haala biyyoonni addunyaa baayyeen keessa jiranidha.”

Yeroo daa’ima ture wantotan hin hubatiin amma naaf galaa dhufan jiru kann jedhu Hemaan, qorichi nama hundaaf gahuu qaba jedha.

“Amma kanan hubadheqorichoota dhukkuba ittisuuf omishnu bu’a qabeessa kan ta’an ta’uu qofa osoo hin taane hundaaf kan gahan ta’uu qabu.

Sababa kanaafidha saamunaan kaansarii gogaa wallaanu hojjedhe bu’a qabeessa akka ta’u qofa osoo hin taane gatiin isaa madaalawa akka ta’u kanan barbaade,” jedha.

“Dursi kan kennamuuf kanadha. Saayinsiin dhala namaatiif walqixa hojiirra ooluu qaba. Saayinsii baayyeen jaalladha.

Kanaan olittis, saayinsiin rakkoowwan addunyaa keenyaatiif furmaata yoo ta’u arguun na gammachiisa. Hojiin koo gara gadiitti gadi bu’ee jijjiirama fiduu osoo danda‘ee na gammachiisa.

Walaansi kaansarii gogaa kaan dura kan turedha. Baqaqsanii wallaanuufi raadiyeeshiin teraappiin kanaan dura turaniiru.

Haata’u malee, filannoon kun hunda bira kann gahu miti. Ani xiyyeeffannaan koo hin guddaan isa ture.“

Karoora gara fuula duraa

Hemaan gara fuula duraatti yaadota milkeessuu barbaadu baayyee qabaatus yeroodhaaf dursa kennuufiif kan qabu argannoo isaa ammaa kana guddisuudha.

“Honjiin kiyya pirojektii badhaasa kanaaf akka ooluuf osoo hin taane guutummaa addunyaatiif akka rabsamun barbaada,” kanan jedhuuf kanumaafidha.

“Kun qorannoo saayinsii qofa ta’ee akka hafu hin barbaadu. Mirkaneeffannaa FDA [to’annoo nyaataafi qorichaa] argachuudhaaf namotarratti yaalii gochuun narra jira.

Kanarra darbees, bara 2028 irratti pirojektii kana ‘Faawondeeshinii’ bu’aatiif jecha hin hojjenne gochuun barbaada. Qorichi kun hundaaf qaqqabuu qaba jedheen amana.”

Hemaan nama karooraafi qophiitti amanu akka ta’e dubbata.

“Karoorattin amana Waan hunda milkeessuun cimaa ta’uu danda’a. Haata’u malee, hanga humna kiyya gochuun narra jira. Yoo danda’ame bara 2028 dura hunda milkeessuudha hawwiin kiyya. Karoorri yeroo dheeraa garuu 2028tti milkeessuudha.”

Hemaan bu’aa qorannoo badhaasaafi beekamtii isaaf argamsiiseen alattis dame saayinsii biroorrattis ashaaraa isaa kaa’uu barbaada.

Jaalalli saayinsiif qabu gadi fagoodha kan jedhu Hemaan, gara fuula duraatti gaaffii maal gochuun fedha jedhu ammallee akka hin deebisiin ibsa.

“Bara darbe osoo maal qorachuu barbaadda jettee osoo na gaafattee turee Elektirikaal Injiinariing kan jedhun siif deebisa ture. Haata’u malee, pirojektii kanaan booda gara Baayoo-medikaalittin caalsisaa jira.

Tarii bara itti aanutti qorannoo qaccee sanyiirratti na arguu dandeessa ta’a. Wantan beeku yoo jiraate jaalalan saayinsiif qabudha,” jechuun dubbata turtii BBC waliin taasiseen ol-adeemaankun.