Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hogganaan duraanii Burkinafaasoo ajjeechaa Toomaas Sanakaaraaf dhiifama gaafatan
Hogganaan duraanii Burkinaafaasoo ajjeechaa Toomaas Saankaraaf dhiifama gaafatan
Pirezedantiin duraanii Burkinaafaasoo Bilas Komporee maatii Toomaas Sankaaraa dhiifama gaafatan.
'‘Wayitan Pirezedantii turetti gochan dalagee hundaaf uummata Burkinaafaasoo dhiifaman gaafadha, keessattuu maatii obboleessaa fi hiriyaakoo Toomaas Sankaaraa,’’ jedhe Aab Kompareen.
Sankaraan hogganaan duraanii Burkinaafaasoo jaalatamaa wayita fonqolcha mootummaa bara 1987 biyyattii keessatti gaggeeffamu ajjeefamedha.
Ebla 2022 Aab Kompareen ajjeechaa Sankaaraa keessatti qooda qaburra ka’uun osoo qaamaan hin dhiyaatiin hidhaan umurii guutuu itti murteeffame ture.
Kompareen yeroo hundaa ajjeecha sankaraa akka balaa tasaa raawwatameetti ibsaa ture.
Pirezedantiin duraanii Burkinaafaasoo Komporeen bara 2014 irraa kaasee biyya ollaa Burkinaafaasoo kan taate Kootiidivuhaar (Ivory Coast) keessa jiraataan kan ture.
Komporee ganna 27’f biyyattii bulchaa erga turanoo booda warraaqsa Burkinaafaasootti dhalateen aangoorra fonqolfaman.
'‘Wayitan hogganaa biyyattii turetti badii qaqqabe hundaafi diraamaa ajaja koo jalatti miidhamtoonni hundaaf maatii isaanii dhiifaman gaafadha. Itti gaafatamummas nan fudhadha. Ammarra eegalee lafa akaakkayyoota keenyaarratti galma waloo keenyaa deebisne ijaaruurratti gara fuulduratti tarkaanfanna,’’ jedhan.
Dhaamsi kun hoggannaa waraanaa biyyatti Amajji darbe fonqolcha mootummaa gaggeeffameen aangoo qabatan Sandoogoo Damibaatiif ergame.
Jalqaba ji’a kanaatti Letenaal Koloneel Damibaan Aab Kompooreen biyya olllatti baqataniiraa gara Burkinaafaasootti deebi’anii marii aararaa pirezedantoota biyyyattii duraaniirratti akka hirmaatan affeeranii turan.
Sankaaraan Afrikaanota kaan biratti maqaa '‘Che Guveera Afrikaa,’’ jedhamee kan beekamu yoo ta’u, ilaalcha farra gita bittarratti qabuu jireenya salphaa qananiin itti hin heddumanne jiraataaa tureefi Afrikaa keessatti gootummaa isaatiin yaadatama.
Waggaa 33tti aangoo kan qabatee ture Sankaaraan duula mallaammaltummaa irratti gaggeesse, baasii fayyaa fi barnootaaf ol guddisuun yaadatama.