Waggaa 200f waraana kan dagatte Siwiidin barri dhufu ishee yaaddessaa jira

Baroota dheeraatiif nagaa qabaachuun kan beekamtuufi waraana kan jedhamu dagachaa dhufteetti kan jedhamtu biyyi kaaba Awurooppaa, Siwiidin dhiyeenya kana waa’een waraanaa dubbatamuun lammilee dhiphiseera.

Keessumaa qondaalonni waraanaa olaanoo biyyattii lama, ''Siwiidin waraana oolchii hin qabneef qophaa’uu qabdi'' akeekkachiisa jedhu dubbachuu isaaniin booda dhimmichi ummata biratti ijoo dubbii ta’eera.

Namoonni tokko tokko barri dhufu waggoota 200 ol nagaan kan jiraatte Siwiidiniif yaaddoodha jechuun dubbachaa jiru.

Ministira Ittisaa Sivilii kan ta'an Kaarl Oskaar Boohiliin kora nageenyaa tokkorratti akka dubbatanitti, ‚Siwiidin bara dhufutti waraanni ishee mudachuu danda’a.

Yaada kana kan qooddatan Ajajaan Olaanaa Waraanaa Janaraal Maayik Baayidan Siwidinoonni hunduu yoo xiqqaate xiinsamuun waraanaaf of qopheessuu qabu jechuun akeekkachiisaniiru.

Yaada qondaaltota waraanaa lamaan ''waan qabataman hin taane'' jechuun kan qeeqan mormitoonni, biyya nagaa keessatti dibbee waraanaa reebuun sirrii miti jedhaniiru.

Ministirri Muummee duraanii Siwiidin Maakdeliinaa Andarsan TV Siwiidinitti akka dubbatanitti, ''naannicha keessatti haalli nageenyaa yaaddessaa ta’uun isaa waan hin haalamne ta’us, waraanni balbala keenyarra gaheera jedhanii yaaduun garuu xiqqoo kan ho’ifamedha,'' jedhan.

Maqaa gabaajee Biriis (Birs) jedhamuun kan beekamuufi Siwiidin keessatti dhaabbata mirgoota ijoolleef kan falmu yeroo dhiyoo as daa’immaniifi ijoollee ol adeemoo ta’an kallattiin bilbiluun waraanni dhufu akka isaan yaaddesse nutti himu jedhaniiru.

Dhaabbanni kun kanaan dura waamichi akkasii isaan qaqqabee akka hin beekneefi tarii dargaggoonni TikTok fi miidiyaalee hawaasaa biroorratti waa’ee waraanaa argan isaan yaaddessaa akka dhufe ni tilmaamna jedheera.

Dubbi-himaan dhaabbatichaa Maajaa Daahil BBCtti akka himanitti, oduun waraanaa akka kanaa gara gaheessotaatti yeroo fidan ijoolleetti maaltu himamuu akka qabu dursee itti yaadamuu qaba ture jedheera.

Oduun waraanaa tasa dhaga’ame ijoo dubbii ta’us, waa’ee waraanaa kan dagatan warra Siwiidiniif akeekkachiifnni waraanaa qonaalotaa kun akka dammaqaniif gargaara.

Jaarraa lamaa oliif waraana keessa galanii kann hin beekne warri Siwiidin NATOtti makamuuf xiqqootu isaan hafa.

Kann eegaa jiranis paarlaamaan Turkiifi Hangaarii gaaffiisaanii raggaasisuu qofadha.

Pirezidantiin Yukireen Zeleniskiin Siwiidin dabalatee biyyoonni michaoata ta’an meeshaa waraanaa hedduu akka omishaniifi waliin ta’uun humna cimaa akka ijaran fedhii qabaachuu hubachiisaniiru.

Ministirri muumme Siwiidin Kiriistersan gamasaaniitii, bara kana keessa biyyisaanii hanga baasii waraanaa NATOn kaa’e akka guutan waadaa galaniiru.

Biyyoonni miseensa NATO ta‘an galii waggaa qaban kessaa harka lama kann ta’u baasii waraanaatiif akka oolu barbaadamu.

Shallaggii kanaan Siwiidin baasii waraanaa kanaan dura ramadaa turteef maallaqa dachaa ramaduu jalqabdi jechuudha.

Yunivarsiitii Humna Ittisaa Siwiidinitti xiinxalaan dhimma waraanaa Oskaar Joonsan akka jedhanitti, yaaddoon waraanaa amma Siwiidinitti dhaga’amaa jiru ‘hin ta’u waan jedhamu miti‘ jedhu.

Haata’u malee, yaaddoon kun mudachuu kann danda’u Raashiyaan waraana Yukireenitti jalqabde xumuramee humna raayyaashee irra deebitee yoo ijaarratteef, akkasumas Ameerikaan biyyota Gamtaa Awurooppaa waraanaan gargaaruu yoo dhaabde yaaddoo mudachuu danda’udha.

„Siwiidin yeroo dhumaatiif waraana kann gaggeessite biyya ollaashee Noorwey waliin yeroo gabaabaatiif yoo ta’u, kunis bara 1814 ture.

Siwiidin yeroo Waraana Addunyaa II biyya gama kam keessattiyyu hin hirmaatiin haftedha.