'Abdii Ilee gadhiifamuun himatamuu dhabuu jajjabeessa'-HRW

 Obbo Abdii Mohaammad Omaar

Madda suuraa, BBC

Pireezidantiin duraanii Naannoo Somalee Obbo Abdii Mohaammad Omaar (Abdii Ilee) hidhaarraa gadhiifamuun sirrii mitii jedhe dhabbatni mirgaaf falmu Hiyuuman Raayits Waach.

Dhaabbatichi ibsa Wiixata kana baaseen hidhaarraa gadhiifamuun Abdii Ilee ''aanga'oonni badii raawwataniif himatamuu dhabuu jajjabeessa'' jechuun balaaleffate.

Pirezidantiin duraanii Naannoo Somaalee Abdii Ilee, waggoota shan dura bara 2018tti magaalaa Finfinnee keessaatti to'ataman.

Bara 2010-2018, bara aangoo pireezidantummaa naannichaarra turan humna addaa naannichaa fayyadamuun sarbama mirgaa guddaa raawwataniiru jedhamuun ture to'annoo jala kan oolan.

Abdii Ilee Kamisa darbe waggaa shaniif walakkaa ol booda hidhaarraa kan hiikaman Abbaan Alangee himannaa isaanii waan kaaseef akka ta’e abukaatoon aanga'aa duraanii kanaa BBCtti himanii turan.

Hiyuumaan Raayits Waach ibsa baase keessatti mootummaan sarbama mirgaa hedduuf Abdii Ilee gaafatamaa gochuu dhiisuun, dhaamsa himatamuu dhabuun sirna yeroo kanaa ta'uu akeeku dhaameera'' jedhe.

Mootummaan Itoophiyaa Haqa yeroo ce'umsaa irratti imaammata qopheesse hojiitti galchuutti wayita jirutti aanga'oota badii guddaa dalagaan gadhiisuun sirrii miti jechuun, mootummaan murteesaa keessa deebi'ee akka ilaalu gafate.

Mootummaan Federaalaa Abdii Ilee to'annoo jala kan oolche ''sarbama mirga namoomaa naannoo Somaalee keessattiraawwatame akkasumas sabummaafi amantaarratti xiyyeeffachuun hokkora kakaasuu'' dhimmoota jedhaniin akka shakku eeruun ture.

Waggaa tokko booda ammoo bara aangoosaanii gara dhumaatti humna addaa naannichaafi dargaggoota kaan fayyadamuun uummata Somaalee hin taane irratti, akkasumas bataskaanota warra kirsitaanaarratti haleellaa raawwachuun himata irratti bane.

HRW bara 2018 keessa sarbama mirgaa mana hidhaa Ogadeen keessa jiru namoota dararamanii argan gaafachuun gabasa bala'aa baasee ture.

Hidhamtootni sira Abdii Ilee jala turan, tajaajila fayyaa gahaa, abukaato fi nyaatallee argachaa akka hin turre komataniiru.

Ministeerri Haqaa biyyattii Abdii Ilee akka gadhiifaman kan murteesse fedha uummataa eeguuf jecha akka ta'e Miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.

Abdii Ilee Fulbaana bara 2018 keessa wayita beellma mana murtiif dhiyaachuutti turan foddaa cabsuun, poolisii hudhuun milquuf yaalaniiru jechuun Poolisiin isaan himatee ture.

Himannaa kanaa duula maqaa xureessuutii jechuun akka hin raawwanne aanga'aan duraanii kun dubbatanii ture.