Waancaa Addunyaa biyyoota jajjaboo Beljiyeemiifi Jarman yeroon qe'eetti gaggeesse

Taphattoonni Jarman waan abdii kutatan fakkaatu ture

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Taphattoonni Jarman waan abdii kutatan fakkaatu ture

Waancaa Addunyaa Kataar qopheessaa jirtuun Beljiyeemiifi Jarman yeroon yoo gaggeeffaman kanneen hin eegamne Morookoofi Jaappaan marsaa itti aanutti darbaniiru.

Waancaa Addunyaa si'a afur kan ol kaafte Jarman baranas yeroo lammataaf walitti aansitee ramaddii ishee keessaa darbuu dhabde.

Waggaa afur dura Waancaa Addunyaa Raashiyaan qopheessitee irratti waan walfakkaataatu mudatee ture. Waancaa Addunyaa isa dura turerra garuu wanti akkanaa hin mudanne.

Guyyaa Kamisaa Kostaa Rikaatiin 4fi 2’n injifattuus garaagartee galchiin Ispeeniin caalamanii dorgommii keessaa bahaniiru.

Leenjisaan Garee biyyaalessaa Jarman Hansi Filiik ‘’Dafnee hin bayyanannu. Fuldurri keenya waan fakkaatuufi akkamiin akka yaada keenya hojiirra oolchinu ni ilaalla,’’ jedhan.

Biyyi Ardii Eeshiyaa Jaappaan marsaa itti aanutti darbuunis waan ajaa’iboo ta’an keessaati.

Biyyi Awurooppaa biroo Beljiyeem tapha sadaffaa ramaddii ishee Kirooshiyaa waliin galchii malee adda baatee osoo hin darbiin hafteetti.

Biyya taphattoota ciccimoo qabduufi sadarkaa FIFA’n addunyaa irraa lammaffaa taate kanaaf kufaatiidha jechuun xinxaltoonni ispoortii qeequtti jiru.

Kirooshiyaan Waancaa Addunyaa Raashiyaan qopheessite irratti Faransaayin mo’amte waancaa dhabdedha. Yeroos Beljiyeem sadaffaan xumurte.

Beljiyeem Waancaa Addunyaa amma adeemaa jiruun gara mo'anii darbuutti darbuuf mo’un ishee barbaachisa ture.

Taphataan Beljiyeem Romeloo Lukaakuun boqonnaa booda carraa argatuus itti fayyadamuu hin dandeenye

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Taphataan Beljiyeem Romeloo Lukaakuun boqonnaa booda carraa argatuus itti fayyadamuu hin dandeenye

Miidhamarra kan deebi’e Romeloo Lukaakuun jijjiiramee seenee irra-deddeebiin yaaluus hin milkoofne.

Kirooshiyaan marsaa itti aanutti darbuuf qabxiin tokko waan ishee barbaachisuuf isa argatteetti.

Leenjisaan garee biyyaalessaa Beljiyeem Robertoo Maartineez tapha kana booda itti-gaafatamarraa ka’u himaniiru.

Leenjisaan lammii Ispeen gareen isaanii waancaa Addunyaa baranaa irratti galchii takka qofa galche.

‘’Tapha kiyya xumuraa waan tureef miira keessa nama galcha. Murteen kuni Waancaa Addunyaa dura kan murtaa’edha,’’ jedhan.

Milkaa'ina Morookoo

Morokoon Senegaal itti aantee biyya Afrikaa lammataa marsaa biyyoonni 16 taphatanitti dabarte taateetti.

Morokoon Kanaadaa injifachuuni tapha mo’anii darbuutti kan dabarte.

Tapha sadaffaa ramaddii isheen guyyaa Kamisaa Kanaadaa kan morkatte Morokoon 2fi 1’n injifatte.

Ramaddii ishee keessaa Kirooshiyaafi Beljiyeem galchii malee waan adda bahaniif ramaddii ishee qabxii 7’n dursuun, Kirooshiyaan immoo qabxii 5’n itti aante darbani.

Akkuma Jarmaniifi Beljiyeem, Kanaadaanis yeroon qe’eetti deebi’uf dirqamte.

Taphi har'as itti fufee Kaameroon biyya darbuu mirkaneeffatte Biraazil walin akkasumas Gaanaan Uraagaay waliin morkii taasisu.

Sarbiyaan Siwizarlaand waliin akkasumas Kooriyaan Kibbaa biyya darbuu mirkaneeffatte Porchugaal morkatti.