Netaaniyaahun Tiraamp waliin mari'achuuf gara UStti qajeele, maal mari'atu laata?

Doonaald Tiraamp pirezidaantii US erga ta'anii ministiirri muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu gaggeessaa jalqabaa Waayit Haawus daawwatu ta'a.

Netaaniyaahun Kibxata Guraandhala 4, 2025 Waashingtan yeroo gahu daawwannaa hojii kan taasisu ta'a.

Netaaniyaahun Tiraamp waliin mari'achuuf gara US imaluunsaanii yeroo waliigalteen dhukaasa dhaabuu Gaazaa gaggeeffamee jiruttiidha.

Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Israa'elii fi Hamaas waliin mallatteessaniin mariin gulantaa lammaffaarratti jalqabuuf Israa'el jila marii Kaataritti ergitee, gaggeessaa ishee ammoo Tiraampitti ergite.

Waliigalteen dhukaasa dhaabuu torban jahaaf turu akka milkaa'uuf shoora guddaa akka taphate Tiraamp himeera. Waliigaltee kanaan hanga ammaa Hamaas lammiilee Israa'el 13 yoo gadi dhiisu, Israa'el ammoo Filisxeemota 583 mana hidhaatii gadhiiftetti.

Netaaniyaahun garuu raafama siyaasaa manaa isa mudateen raafamaa jira. Waliigaltee dhukaasa dhaabuu akka ragga'u gaafa gaafatu, kaabinootasaa keessaa kanneen aangoo gadhiisan turan.

Netaaniyaahun waliigalteen dhukaasa dhaabuu yerodhaaf kan turuufi 'Israa'el Hamaas irratti deebitee lola banuuf mirga akka qabdu' irra deddeebin kaasaa ture.

Mootummaa Netaaniyaahuu keessatti garee leellistootaa kan ta'eefi waraanni Gaazaa dhabbachuu hin qabu jedhee falmaa kan ture mootummaa waloo keessaa baheera.

Waraanni Gaazaa deebi'ee itti hin fufu yoo ta'e, mootummaa waloo Netaaniyaahun gaggeessaa akka bahu miseensi biroos akeekkachiisee jira. Miseensi kun mootummaa Netaaniyaahuu keessaa ni baha taanan, mootummaan Netaaniyaahuu barcuma olaanaa ni dhaba jechuudha.

Gaafa Wiixataa, Guraandhala 2, Netaaniyaahun Baha Giddu Galeessaatti ergamaa addaa US kan ta'e Istiiv Wiitkoof waliin mariyateera. Istiiv Wiikkoof bulchiinsa Tiraamp jalatti dhukaasni itti fufiinsan akka dhaabbatuuf US bakka bu'ee Kaatariifi Masirii waliin hojjata.

Waanti hunduu akkaataa karoorfametti yoo milkaa'e hanga gaafa Bitootessa 1, 2025tti lammiilen Israa'el 33 harka Hamaasii fi Islaamik Jihaad jiran gadi lakkifamu. Israa'el ammoo Filisxeemota 1,900 gadi lakkifti.

Hanga ammaa waliigaltee dhukaasa dhaabuu bifa milkaa'aa jedhamuun deemaa jira. Gulantaan lammaffaan marii kana kan isa duraa caala rakkisaa ta'a jedhamu Kaatariitti eegalaa jira.

Hamaas akka beeksisetti mariin marsaa lammaffaa Kaataritti gaggeeffamu eegalee jira.

Waajjirri Ministeera Muummee Israa'el gamasaan Kibaxata, Guraandhala 4, jila marii erguuf qophaa'aa akka jiru beeksisee ture.

Tiraamp waraanni Baha Giddu Galeessatti gaggeeffamu akka dhaabbatu akka barbaadu Dilbata darbe ibsee ture.

Waliigalteen dhukaasa dhaabuu haala gaarin deemaa akka jiru ibsuun, Netaaniyaahuu wajjin "walgahi guddaa" akka qabus dubbate. Garuummoo nagaan guutummaan ni dhufa jedhee "wabii kennuu hin danda'u" hechuun gaazexeessitootatti dubbate.

Baha Guddugaleessatti ergamaan addaa US kan ta'e Istiiv Wiitkoof ammoo waliigaltichi akka itti fufu abdii akka qabu dubbate.

Manni Murtii Yakka Idiladdunyaa (ICC) bara darbe Netaaniyaahuu irratti ajaja hidhaa baasuu hordofee, Netaaniyaahun Tiraamp waliin mariyachuuf gara US deemun wal-tajjii idiladdunyaarratti hamileensaa akka ol ka'u gargaara.

US ajaja Mana Murtii Idiladdunyaa hin fudhattu waan ta'eef Netaniyaahuu to'achuuf itti gaafatamummaa hin qabdu.

Kanaaf, Netaaniyaahuun nan hidhama jedhee osoo hin yaadda'in Tiraamp Washingtan gahee Tiraamp waliin wal-arganii jiru.

Gaggeessitoonni lamaan walitti dhufeenya Israa'elifi Saawudii Arabiyaa deebisanii haareessuu dabalatee dhimma Iraan irrattis ni mariyatu jedhamee eegama.

Tiraamp bara bulchiinsa isaa jalqabaa keessa waliigaltee sagantaa gabbisa nikularaa US bara Obaamaa Iraan wajjin qabdu haqee ture. Tiraampis ta'ee Netaaniyaahun, Iraan boombii nikularaa akka hin qabaanne gochuuf dhiibbaa cimaan taasifamuu qaba jedhanii amanu.

Lamaanuu Waliigaltee Abrahaam (Abraham Accords) kan walitti dhufeenyi dippilomaasii Israa'el biyyoota Arabaa kanneen akka Saawudii, Bahaarenifi Yunaayitif Arab Emereetis akka qabaatu taasise irra deebin akka cimu barbaadu.

Waraanni Gaazaa eegaluu hordofee hanga walabummaa Filisxeem wabii argatutti walitti dhufeenya Israa'el waliin qabdu idileessuu addaan kuttee turte Riyaad. Riyaad walitti dhufeenya dippilomaasii Israa'el waliin qabdu

Israa'el Baha Giddu Galeessaa keessatti biyya cimtuu ta'uunshee nageenya naannichaafi dhiibbaa Iraan naannichatti qabdu dura dhaabbachuuf Israa'el wajjin walitti dhufeenya idileessun biyyoota Arabaas akka fayyadu amana Tiraamp.

Torban kana Netaaniyaahun waa lama gidduutti waan danaqame fakkaata: dhiibbaa cimaa US irraa itti dhufuufi kan keessuu bulchiinsa isaa keessaa itti ka'e.

Yaadi Saawudi Arabiyaa qofti osoo hin taane hawaasi idiladdunyaa rakkoo Baha Giddu Galeessaf furmaata jedhee amanu- ollaa Israa'eliti Filisxeem biyya walabaa akka taatu hundeessuu jedhu, MM Netaaniyaahuu dabalatee miseensota mootummaa isaa biratti waan fudhatama hin qabneedha.

Keessumaa erga Onkoloolessa, 2023 Hamaas Israa'el irratti haleellaa banee as, ilaalchi Filisxeem biyya walabaa akka taatu hayyamuu jedhu Netaaniyaahuf hin liqimfamu. Netaaniyaahuu qofaa osoo hin taane, kanneen waliin mootummaa waloo keessa jiran Filisxeemif biyya walabaa hayyamuun "biyyi shororkeessituu" taate akka uumamtu hayyamuudha jedhanii amanu.

Kan biraa haa hafuutii walii galteen dhukaasa dhaabuu amma jiru kunuu mootummaa Israa'el keessaa kanneen akka Ministiira Faayinaansii kan ta'e Bezaaleel Simootirich fa'aa waliigaltee "gatii kan hin qabneedha" jechuun morman.

Qondaalonni olaanon mootummaa Israa'el leellistoota ta'an kanneen akka Bezaalel Simotirichii fa'aa waraanni Gaazaa akka itti fufu barbaadu. Netaaniyaahun kana hin godhu taanan, mootummaa waloo keessaa bahuuf dhaadataa jiru.

Tiraamp pirezidaantummaa marsaa jalqabaan Netaaniyaahun akka milkaa'u heddu gargaarera.

Waliigalteen Abarahaam- walitti dhufeenya dippilomaasii biyyoota Arabaa wajjin idileessuu- dabalatee, emabsiin US magaala Tel Aviiv irraa gara Yerusaalemitti akka jijjiiramu kan godhe Tiraamp ture.

Gama biraan ammoo Gaaren Goolan Israa'el waraana bara 1967, Waraana Guyyaa Jahaa, jedhamee beekamuun Sooriyaa irraa fudhatte akka qaama Israa'elitti beekamtii kennees ture Tiraamp.

Haata'u garuu Tiraamp fi Netaaniyaahuu gidduu walitti dhufeenyi ture takka hoo'aa takka ammoo qabbanaa'aadha. Kanarraa kan ka'e miidiyaalen Israa'el mariin Netaaniyaahuufi Tiraamp itti bahu isaa maal ta'uu akka malu yaada dhahaa jiru.

Gaazexaa Israa'el Yedioth Ahronoth irratti kan barreessu Naahum Barnii, "Netaaniyaahun Tiraamp haaran eenyu akka ta'e adda baasuu barbaada, maaltu akka isa gammachiisufi isa aarsu baruu barbaada" jedhe.

Kaan ammoo Tiraamp yeroo ammaa 'miira baay'ee hoo'arra jira, fedhiinsaas guddaadha, garuummoo obsa hin qabu' jechuun Netaaniyaahuu akeekkachiisan.