Somaaliyaatti namoonni 43,000 sababa hongeen du'uu hin oolan - UN

Somaaliyaa keessatti waqtiiwwan roobaa walitti aansee hafuu isaatiin bara darbe keessa namoonni 43,000 ta'an du'uu akka hin oolle gabaasni mootummaa Somaaliyaafi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) mul'ise.

Gabaasni kun sababa hongee Gaanfa Afrikaatti qaqqabeen lubbuun namootaa darbuu ifa gochuun isa jalqabaati jedhameera.

Namoota sababa hongeen lubbuun darbe kana keessaa walakkaa kan ta'an daa'imman umuriin isaanii waggaa shanii gadi ta'an akka ta'e ibsameera.

Miidhaa hongeen kun qaqqabsiise ammallee fala waan hin argatiin jiruuf baruma kana keessasi namoonni 18,000 hanga 34,000 ta'an dabalataan hongee kanaan du'uu akka danda'anis tilmaamameera.

Bara 2011 keessa Somaaliyaatti hongee qaqqabe hordofee namoonni kuma 250 ta'an akka du'an ni yaadatama.

"Nuti amma du'a lubbuu oolchuun danda'amu hambisuudhaaf yeroo saammannee oliif gadi fiigaa jirra," jedhan bakka bu'aan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr Maamunuur Rahimaan Maalik.

"Dafnee tarkaanfii fudhachuu dhabuu keenyaan" daa'imman, dubartootaafi namoonni salphaatti dhibeef saaxilaman abdiifi gargaarsa tokko malee dhumanii arguu ta'a," jechuun akeekkachiisaniiru aanga'aan WHO kun.

UN bara kana keessa Somaaliyaa keessatti namoota sababa hongeetiin miidhaman gargaaruudhaaf Dolaara Biliyoona 2.6 akka isa barbaachisu ibseera.

Hanga isa barbaachisu keessaa hanga ammaatti kan argame garuu harka dhibba keessaa 15% gadidha.

Sababa hongeetiin looniifi horiin kaan miliyoona hedduun lakkaa'aman kan dhuman yoo ta'u, jijjiirama haala qilleensaa, tasgabbii dhabuun siyaasaafi sadarkaa addunyaatti ammoo gatiin midhaan nyaataa qaala'uun rakkinicha daran hammeesseera.

Somaaliyaa keessatti rakkoon biraan bakkawwan to'annoo al-Shabaab jala jiran kana gargaarsa qaqqabsiisuun rakkisaa ta'uu isaati.

Gareen al-Shabaab kun al-Qaayidaa waliin hidhata kan qabuufi mootummaa US fi UK'tiin shororkeessummaan farrajameera.

Gareen al-Shabaab irra deddeebiin haleellaawwan gurguddaa Somaaliyaa keessatti kan raawwatu waan ta'eef hojiin gargaarsa namoomaa dhiyeessuu rakkisaa ta'eera.

Dabalataanis, mootummaan Ameerikaa gareewwan shororkeessummaan farrajaman gargaarsa namoomaa irraa fayyadamoo akka hin taaneef jecha qajeelfamni keesse mataan isaa hawaasa gargaarsa barbaadan biraan gahuudhaaf carraa jiru wal xaxaa taasiseera.

Aanga'oonni dhaabbileen gargaarsaa Somaaliyaa gama isaaniitiin waraanni Yukireen keessa jiru hawaasni idil-addunyaa rakkoo hamaa biyyattii keessa jiruuf xiyyeeffannaa maluuf akka hin kennine taasiseera jedhanii amanu.

Akka Assooshiyeetid Pirees gabaasetti taanaan, ji'a Amajjii darbe keessa UN'tti qindeessaan damee gargaarsa namoomaa kan ta'an Obbo Adam Abdelmulaah dhaabbileen gargaarsaa qindeessaa "addunyaa hafe hunda itti dhiisanii Yukireen irratti fuulleffatan," jechuun dubbataniiru.

Gabaasni Somaaliyaatti lakkoofsi namoota hanga kanaa hongeen du'uu hin oolle jechuun bahe kun Wixata qorannoon UNICEF fi WHO dhaabbileen qorannoo lama London School of Hygiene fi Tropical Medicine fi Imperial College London qorachiise hordofeeti.