Muuziqaan Biyoonsee gadi hin dhiifamiin konkolaataashee keessaa hatame

Biyoonse agarsiisa irra Atalaantaa jirti.

Madda suuraa, Reuters

    • Barreessaa, Kwasi Gyamfi Asiedu
    • Gahee, BBC News

Muuziqaan Biyoonsee hin gadhiifamiin jiru meeshaalee gati-jabeeyyii kaan waliin konkolaataashee keessaa hatamuu qondaalonni US himan.

Agarsiisa guyyaa arfaffaa 'Cowboy Carter' jedhamu guyyaa tokko dursuun magaalaa Atalaantaatti konkolaataa agarsiisichaaf fayyadamaa turan keessaa hatamuu himame.

Haardi diiskii muziqa aishee qabate, karoora agarsiisa ishee, akkasumas garsiisa isheen kana dura hojjettee fi fuuldurattis karoorfatte kan qabate konkolaataa keessaa hatame.

Shhuubbistoonni ishee fi keerogiraaferoonni ishee waliin turan konkolaataa agarsiisichaaf kireeffatan keessa kaa'anii ture.

Meeshaaleen kunneenis achi keessaa hatamuu poolisiin hime.

Poolisiin Atalaantaa shakkamaan akka to'annoo jala ooluuf ajaja baaseera. Garuu maqaa isaa waan hin himneef eenyu akka tahe hin ibsamne.

Keeroogiraafer Kiriistoofer Giraanti fi shubbisaan Diyaandirii Biluu jedhaman Biyoonsee wlaiin turan konkolaataa kireeffatan Jiippii Gurraacha bakka dhaabbii konkolaataa keessa dhaabuun galma nyaataa tokko akka seenan poolisiitti himan.

Yeroo deebi'an foddaan konkolaatichaa cabee shaanxaan meeshaalee itti qabatan lama baduu poolisiitti himan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akka poolisiitti himanitti odeeffannoo icciitii tahan kan Biyoonsee ilaalltu akka qabatanii ture himan.

''Haardi diiskii shan muuziqaa Biyoonsee adda bahuun irratti barreeffame, kan hin gadhiifamne, agarsiisa kana duraa kan qabatanii fi karoora kan fuulduraas kan qabatanidha'' jechuun poolisiitti himan.

Meeshaaleen biroo hatamuu gabaafame ammoo laaptooppii, uffata diizaayinii addaan hojjetaman, 'Airpods' Appil tahuu himaniiru.

Qondaalonni magaalittii odeeffannoo meeshaalee akka laaptooppii fi heedfoonii irra jiran fayyadamuun bakka isaan gahan hordofaa jiraachuu himaniiru.

Dabalataan poolisoonni konkolaaticha irratti qorannoo gaggeessuun ashaaraa ''ifa tahe lama'' argachuu himaniiru.

BBC yaada akka kennaniif bakka bu'oota Biyoonsee qunnameera. Biyoonseen amma agarsiisa 'Cowboy Carter' jedhamuuf Atalaantaa jirti.

Erga Adoolessa 10 agarsiisa irra kan jirtu artistiin kun inni dhumaa Wiixata galgala kan gaggeeffamu taha.

Abbaan warra aishee Jay Z osoo isheen quba hin qabaatiin gaafa agarsiis aishee guyyaa sadaffaa achitti argameera.

Keerogiraaferri ishee wlaiin jiru Giraanti artistoota biroo akka Shakiiraa fa'aa waliin hojjetaa ture.