Namoonni kumaatamaan lakkaa'aman Awustiraaliyaa galaana qarqaratti qullaa suura ka'an

Awustiraaliyaatti namoonni 2,500 ta'an hubannoo kaansarii gogaa uumuf Sidiniitti kan argamu qarqara bishaan 'Bondi Beach' jedhamuutti toora galanii qullaa isaanii suura ka'anii mul'atu.

Namoonni kun fedhii isaanitiin qullaa suura ka'uu irratti akka hirmaatantu himame.

Yaada kana kan maddisiise ogeessa kaameeraa lammii Ameerikaa kan ta'e Ispeensar Tuunik yoo ta'u kaayyon isaas lammiilen Awustiraaliyaa yeroo yeroon qorannoo gogaa akka taasisan hubannoo uumufi jedhame.

Biyyattii keessatti bakkeetti qullaa dhabbachuun akka eeyyamamuuf seerri yeroo jalqabaatif jijjiirame.

Dhaabbanni World Cancer Research Fund akkaa jedhetti Awustiraaliyaan addunyaa irratti biyya kaansarii gogaa heddumminaan itti mul'atuudha.

Torban hubannoo kaansarii gogaa qaamaa uumuu jedhamuun labsame keessatti namoonni heddu ganama obboroon bahanii qarqara bishaanitti walgahanii toora galuun suura ka'an.

"Waa'ee qorannoo gogaa taasisuu hubannoo uumuf caarraa argadhee asitti argamuu kootti, aartii hojjachuu fi fayyummaa qaamaa kabajuu kootti baay'ee gammadeera," jedha artisitii beekamaan Tuunik.

Namoonni qarqara bishaanitti hubannoo kaansarii gogaa uumuf walitti qabaman kun aartii hojjachaa toora galanii suura osoo ka'anii mul'atu.

Jaarsi ganna 77 Biruus Fiishar jedhamu kan sagantaa qullaa dhaabachuu kanarratti hirmaate ammoo, "Umurii koo guutuu aduu keessattan dabarse, [kanarraa ka'uun] kaansarii gogaa (malignant melanomas) hedduttu dugda koo keessaa bahe," jechuun AFP tti hime.

Itti dabaluunis, "Qullaa dhaabatanii hubannoo uumun kaayyon isaa waan natti toleefan qarqqara bishaanitti huccuu koo ofirraa mulqe" jedhe.

Ogeessi kaameeraa Tunak jedhamu namoota heddu iddoo tokkotti qullaa isaanii akka dhalatanitti suura kaasudhaan beekama.