Paarlaamaan Yugaandaa wixinee namoota jaalala saala walfakkaataa yakku raggaasise

LGBT Yugaandaa

Madda suuraa, AFP

Paarlaamaan Yugaandaa namoota ofiin ‘gay’ ykn hawaasa jaalala saala walfakkaataa (LGBT) keessa tokko ofiin jedhan wixinee yakkamtoota taasisu raggaasisan.

Yoo Pirezidant Yoweerii Museveeniin wixinee kana mallatteessuun seera taasisan, namootni kunneen hidhaa waggootii dheeraaf ni saaxilamu.

Wiixinee dhiyaate kana jalatti, hiriyyoonni, maatii fi miseensotni hawaasaa, namoota jaalallee saala walfakkaataa qaban anga’ootatti gabaasuuf itti gaafatamummaa qabu.

Gochi jaalalleewwan saala wal fakkataa kana durayyuu biyya baha Afrikaa kana keessatti yakka ture.

Wixineen kun garuu gocha isaaniirra darbee, haala ittiin namootni eenyumma saalaa isaanii ittiin ibsaniif yakkamtoota taasisuuf eera.

Wixineen jalqaba ji’a kanaatti mariif dhiyaate kun, paarlaamaa Yugaandaa kessatti Kibxata deeggarsa bal’aan raggaasifameera.

Wixineen kun amma Pirezidant Museveniif dhihaata.

Isaaniis wiixinee kana kuffisuun gumaachitootaa fi invastaroota Lixaa waliin hariiroo gaarii qabaachuu danda’u ykn ammoo gara seeraatti akka geeddaramuuf raggaasisuun mallatteessuu danda’u.

Dabalataanis wiixineen kun, namni daa’imman gocha saala walfakkaataaf leenjisuun ykn seeraan ala sochoosuun himatame hidhaa umurii guutuun akka adabamuu qabu kan eerudha.

Namootni ykn dhaabbileen sochii mirga LGBT ykn dhaabbilee akkanaa maallaqaan deeggaran ykn wantoota yaada ‘gay’ deeggaran maxxansan, tamsaasaniifi raabsanis hidhaan adabamuu danda’u.

Rogeessoti fi hawaasni saala wal fakkaataa Yugaandaa, sochiin farra jaalala saala walfakkaataa biyyattii keessa jiru haleellaa qaamaa fi arrabsoo intarneetaaf akka isaan saaxileeru himuun, wixineen kun waliigalaan lammilee Yugaandaa irratti miidhaa uumuu akka malu himaniiru.

Bara 2014’tti, manni murtii heeraa Yugaandaa gocha walfakkaata hawaasa saala wal fakkaataa keessa jiran irratti seera cimsee ture faalleesseera.

Manni murti qajeelfama kana kuffisuuf kan murteesse sababa paarlaamaan wiixinee sana kan raggaasise lakkoofsa barbaachisuu utuu hin guutin waan ta’eefidha. Seerri kun biyyootii Lixaan guddaa balaaleeffatameera.

Hariiroon ykn jaalalli namoota saala walfakkaataa qaban gidduu jiru, biyyootii Afrikaa 30, bakka namootni ilaalcha amantaa fi safuu hawaasaa leellisan keessatti dhorkaadha.