Abbaan ilmaan jahaa waggaa 27 booda barnootatti deebi'uun kutaa 12 qoraman maal himu?

Madda suuraa, Muluna
Mulunaa Gonfaa jedhamu. Godina Shawaa Lixaa Aanaa Amboo ganda Haaruu Xirootti dhalatan. Maatiisaaniif ilma hangafaa turan. Haatiifi abbaansaa ijoollummaasaatti waan wal hikaniif akkawoo biratti guddatan.
Manni barumsaa naannawaa sana waan hin turreef deemsa sa'aatii sadii miila qullaa deemuun hanga kutaa afuriitti baratan. Barataa qaxalees ture. Dareettis sadarkaa tokkoffaa bahaa ture.
Boodarra akkawoonsaanii dhiisanii deemnaan jireenya mo'achuuf jecha barnoota addaan kutuun mana dhaabbatan. Ilmaan jahas horate. Qotanii ilmaansaanii guddisaa, barsiisaa ture. Ilmisaanii tokko barnoota digiriisaa jalqabaa barana goolabe.
Hiriyoonni dur isaan waliin baratan kaan biyya alaa, kaan ammoo bakka gurguddaa jiru. Qonnaan bulaan abbaa ijoollee jahaa , Obbo Mulunaan ganna 27 booda barnoota addaan kutanitti deebi'an.
''Yeroo barsiisaan daree seenee barsiisuu osoo hin beekiin imimmaan baruuleekoo jiise'' jedha gaheessi waggaa 50 kun. Magaalaa Ambootti galuunis guyyaa guyyaa hojjechaa galagala ammoo barachaa bara kana kunoo qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa fudhatan.
Mana Barumsaa Galaan Waddeessaa jedhamutti lafa deemsa sa'aatii sadii ta'u miilaan bosona keessa imaluudhaan barataa turan.
Haala sana keessatti deddeebi'ee barachuuf haalli waan hin mijanneef, "kutaa afur fixee shanaffaatti darbeen addaan kute" jechuun haala barnoota itti addaan kutan yaadatu.
"Haatikoos waan hin jirreef, akkawookootu na guddise. Akkawoonkoos na dhiisaniitu deemnaan jireenyi natti cimee" jedhu Obbo Mulunaan.
ALI bara 1983'tti erga barnoota addaan kutanii booda mana dhaabbatanii ilmaan jaha horatan. Isaan keessaa ijoolleen dubaraa lama heerumsiisuun soddaa arganiiru.
Ilmaan dhiiraa afur ammoo barsiisaa kan jiran yoo ta'u, inni hangafaa barana digiriisaa jalqabaa akka xumure himu Obbo Mulunaan.
'Si'achi [barattee] digirii fiddamoo, si'achi biyya bulchita?'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Osuma garaankoo barnoota yaaduun waggaa 27f barumsa addaan kutee qonnatti gale. Ergan ofiikootii barnoota dadhabee ijoollee koo barsiisuun narra jira jedheen osoon homaa hin qabaatiin, lafumti qotullee otoo hin jiraanne lafa namaa qotuun, qixxee qotee ijoollee koo barsiifadha" jechuun dubbatu gaheessi kun.
ALI bara 2009 keessaa ammoo magaalaa Ambootti mana jireenyaa ijaarrachuun maatiisaa qabatanii galan. Mana gaafan ijaarradhu waanti biraa natti hin mul'anne, barnootakoon yaadadhe" jechuun akkuma magaalaa Ambootti galaniin barnoota ganna 27'f osoo dharra'anii dhabanitti deebi'uu dubbatu.
Barnoota "otoon hawwuu rakkinaan [waanan] addaan kuteefuu, hojjechaa dhama'achaa of jiraachisaa, daa'imakoos barsiifachaa ofiikoofas maafan hin baranne" jechuun gara kuteenyaan barnootatti deebi'uu kan himan.
Abbaan ilmaan jahaa kun, "si'achi [barattee] digirii fiddamoo, si'achi biyya bulchitamoo, si'achi waajira qabattee hojjettamoo maaliif baratta? Umurii kanatti sin barbaachisu" jechuun namoonni murtiisaaniitti qoosaa akka turan himu.
"Ani ammoo barnoonni akka barbaachisu bareecheen itti hima, warra baratanii barnoonni barbaachisaa mitii hin baratiin naan jedhaniin" jechuun dubbatu gameessi kun.
'Ani uumamakootiin waa namarraa dhaga'uurra barachuun jaaladha'

Madda suuraa, Muluna
"Guyyaa barandaan midhaan itti nagaddadhun qaba. Achuma taa'een qo'adha. Ennaa sa'aatiin kudhan gahe ennaan achii deemuyyuu namni quba nan qabu. Nama natti dhiyoo malee namoonni baay'een eessa akkan ooluyyuu hin beekan" jechuun haala itti guyyaa hojjetachaa ooluun galgala baratan ibsu.
Kutaa 5 fi 6 sagantaa barnoota fagootiin akka baratan kan himan Obbo Mulunaan, "barumsi fagoo sun na dhibe; akkan barbaadu sana naaf hin taane. Itti dhiyaadhee isan baradhuun barbaade. Barumsa [daree] seeneetuma taa'ee barachuutu narra jira jedheen daree seenee ijoolluma faana qoramee itti fufe" jechuun barnoota halkaniitti akka jijjiirratan dubbatu.
Erga barnoota sadarkaa lammaffaafi qophaa'inaa jalqabnii ammoo "kutaa sagalii fi kudhan waggaa sadii baratta, kutaa 11 fi 12 waggaa sadii baratta" kan jedhan namni kun obsa fixachiisaa ta'uu imala barnoota isaanii ibsu.
"Buddeen argachuu caala sammuukootiin waan hundumaa baruu, qixa namaa ta'uuf malee ittiin waajira galee hojjechuuf miti. Yoo baratte nama faana akkamitti akka jiraattu beekta; yoo baratte hundumaa bira geessa. Nama barate waan baay'ee hin gorsitu.
''Eddan mana barumsaatti deebi'ee waan baay'ee baradheera. Waanum xinnoo ennaati natti himte naa gala. Kanaaf, barumsi barbaachisaa akka ta'ee sammuunkoo akkanumatti amana,'' jechuun barbaachisummaa barnoota ibsu Obbo Mulunaan.
Faayidaan barnootaa ittiin buddena nyaadhuuf qofaa otoo hin taane ''jireenyuma koo geggeeffachuudhaaf [na gargaara]. Akkaataan ittiin maatii bulfadhullee maatii keessaan argadha waan ta'eef kanaafan barumsatti deebi'e'' jedhan.
''Ani uumamakootiin waa namarraa dhaga'uurra barachuun jaaladha" jechuun maaliif umurii kanaan akka barnootatti deebi'an ibsu abbaan ilmaan jahaa kun.

Madda suuraa, Muluna
'Hamma gaafan du'uuttuu inuman baradha'
Obbo Mulunaan bara kana qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa fudhatan. Fuuldurattis carraa argataniin hundaan barachuuf fedha qabaachuu dubbatu.
Isaaniif barnoonni qacaramanii ittiin buddeena nyaachuudhaan oli. "Waanti hundumtuu achi keessatti argama" jechuunis ibsu.
"Hamma gaafan du'uuttuu inuman baradha" jechuun jaalala barnootaaf qaban ibsu namni ganna 27 booda barnoota ijoollummaan addaan kutanitti deebi'an kun.
"Mucaankoo ALI Hagayya 27 bara 2017 digirii jalqabaatiin naa eebbifama. Isuman kutaa 12 [qormaata] fudhadheyyuu akka nama qabxii bira gaheettan gammadaa jira. Gammachuu guddaan qaba" jedhu.
"Ganama manaa baheen barandaa [bakka midhaan itti daldalan] seena. Barandaa yoon bahe mana barumsaan deema. Mana barumsaatii ennaan bahe galgala nan qo'adha" jechuun oolmaa guyyaasaanii kan ibsan namni kun, maatii bulchaa barachuu "waanti hammana ulfaatu hin jiru" jechuun ibsu.
"Anaaf barumsa jechaan ifadha; ibsaa jireenyakooti. Waaqaa gaditti waanti hunduu barumsaani. Yoo baratte waan si dhukkubullee beekta; yoo sitti himanillee sii gala" jechuun hubannaa barnootatti isaan cichoomse himu.
Imala barnoota isaniitiin "waan dhalli namaa bira gahe bira gahuun barbaada" jechuun ibsu.
Barattoonni isaan waliin baratan "mucaa isa barataa naan jedhu" kan jedhan namni barana qormaata kutaa 12ffaa fudhatan kun, "hiriyum taanee; qixuma wal ilaalla. Barsiisonni ennaa ijoolleetti lolan isaan haa ulfaatan jedhu.
''Waan isaan jiraniif yakka kana bira isinii dabarre jedhu. Barsiisonnis waanan dhiifama godhaa jedhe inuma godhu. Ennaa ijoolleen mucaa, gurbaa naan jedhan baay'ee natti tola, nan gammada" jechuun ibsu.
'Tokkoffaa malee bahee hin beeku'

Madda suuraa, Muluna
"Wanti ani hin irraanfanne, gaafan mana barumsaatti deebi'u ennaan [daree] seenee dabtariikoo qabadhee taa'u barsiisaan dhufee chookii qabatee barreessuu jalqabu, nan boo'e.
''Osoon hin beekiinan imimmaan dabtariirratti coccobse. Maaliif akkan boo'e naa hin galle" jechuun miira yeroo kutaa saddettaffaa baratan isaanitti dhagahame yaadachiisu namni kun.
Duraan "tokkoffaa malee bahee hin beeku" jechuun turtii isaanii mana barumsaa himu.
Hiriyoonnisaanii dur waliin Mana Barumsaa Galaan Waddeessaatti barataa turan "kaan [biyya] alaa jiru. Kaan dhaabbata gurguddaarra jiru. Isaan biraa hafuukootiin baay'ee natti dhaga'ama" jechuun dubbatu namni dirqamanii ijoollummaasaaniitiin barnoota addaan kutan kun.
Duraan yeroo baratan dareesaaniitii tokkoffaa bahaa akka turan kan dubbatan namni kun, daree isaaniitii kutaa sagalitti sadarkaa afraffaa, 10tti sadarkaa sadaffaa, 11tti sadarkaa lammaffaa fi 12tti ammoo sadarkaa sadaffaa akka bahan dubbatu.
"An waanan argadhu natti fakkaata, akkan hojjedhetti" jechuun haala qormaata kutaa 12ffaa torbaniin dura fudhatan ibsu.
Barsiisonni isaanii ofitti isa qabuun akka jajjabeessan kan dubbatu Mulunaan, "ijoolleekoo ennaa na biratti argan kun obboleessakeetii naan jedhu" jechuun akka isa gaafatan hima. "Ati barsiisaadha malee barataadhaa" jechuun amalasaa akka jaalatanis hima.
Osoon barachuu danda'uu "mucaan ani dhalchee barsiise ati hin baranne maaliif naan jedha" kan jedhan barataan ganna 50 kun, namni hunduu carraa argateen akka baratu gorsu.
"Waanti hundumtuu barumsa keessaa baha. Fayyaakeellee eeggachuun [barumsa keessaa] malee qoricha keessa" akka hin jirre kan dubbatan namni kun, namoonni barnoota buddeeniif qofa otoo hin taane jireenya isaanii maraaf jecha akka baratan gorsu.
Boqonnaa ganna ji'a lamaa illee akka lafa hin teenyee fi ogummaa kompiitaraa akka baratan ibsu namni namni kun. Magaalaa Amboo Ganda Kisoosee Oddoo Liibanitti ammoo barreessaa Mana Murtii Aadaa ta'uunis tajaajilaa jiru.












