Konkolaataa akka xiyyaaraa balali'u kana beektuu?

Ibsa waa'ee viidiyoo, Konkolaata yoo itti tolu konkolaattu, yoo itti hammaatu qilleensarra balaliitu

Akkuma viidiyoo kanarraa argitan konkolaatan baallee baastee akkuma xiyyaaraa samiirra balaliiti.

Teeknolojiin konkolaataa balali'uu jalqaba kalaqamuun hojiirra kan oole Awurooppaatti. Ergasii Chaayinaan Awurooppaarraa teeknolojii kana bitattee balaliisaa jirti.

Motora dhabbata konkolaataa omishuu, BMW'tti, dhimma bahuun kan hojjatu konkolaatan balali'u kun boba'aadhuma idilee fayyadama.

Konkolaatan kun AirCar jedhama. Bara 2021'tti yaalii godhameen buufata xiyyaara Isloovaakiyaa lama gidduu daqiiqaa 35'f balaliin taasifame.

Ka'uufis ta'ee bu'uuf buufata xiyyaarratti dhimma bahame.

AirCar konkolaataa lafarra deemurraa gara konkolaataa balali'uutti jijjiiruuf daqiiqaa lama qofa fudhate.

Chaayinaan teeknolojii konkolaataa balali'uu kana Awuroopparraa erga bittee booda konkolaataa balali'u omishuun bakkeewwan murtaa'initti hojiirra oolchuf jirti.

Chaayinaa bulchiinsa Kangizuu keessatti kan argamu kaampaanin konkolaataa balali'u omishu, 'Hebei Jianxin Flying Car Technology' jedhamu konkolaataa AirCar oomishuuf hayyama addaa argatee Chaayinaa keessatti balaliisuf jedha.

Dhaabbata Islovaakiyaa xiyyaara oomishurraa hayyama erga argatee booda dhaabbanni Chaayinaa kun buufata xiyyaaraafi mana barumsaa balalii mataasaa ijaaree jira.

Konkolaataa elektirikaa oomishuun addunyaa dursuutti kan jirtu Chaayinaan, konkolaatawwan geejjibaa balali'anis omishuutti jirti.

Ji'uma dara dhaabbanni Autoflight jedhamu diroonii imaltoota fe'ee balali'u magaalota Chaayinaa Sheenzeniifi Zuhaayi jedhaman gidduu balaliisun milkaa'era.

Balalii kanaan deemsi konkolaatan sa'aatii sadii fudhatu konkolaataa balali'uun daqiiqaa 20 qofa akka fudhate. Haa ta'u garuu konkolaatan yaaliif balaliite kun nama hin fe'anne.

Bara 2023'tti dhaabbanni Chaayinaa eHang jedhamu taaksii elektirikaa balali'u omishuusaaf mootummaa Chaayinaarraa beekamtii argateera.

Mootummaan UK gamasaan ammoo bara 2028'tti konkolaataawwan balali'an samiirratti arguun baramaa ta'a jedhe.

Taaksii qilleensarra balaliitu

Madda suuraa, Getty Images

Haa ta'u garuu konkoaataan balali'u AirCar jedhamuufi qabeenyummaansaa kan Awurooppaa ta'e taaksiiwwan balali'an irraa kan adda taasisu akka xayyaaraa dirree irraa ka'uufi irra qubatu barbaaduu isaati.

Dhaabbanni AirCar kalaqe KleinVision jedhamu teknolojii kana Chaayinaatti meeqan akka gurgure ifa gochuu hin barbaanne.

Bu'uuraalee barbaachisan, to'annoofi ummanni teeknoloojicha simachuufi dhiisuu ilaalchisee danqaawwan damee geejjiba konkolaataa balali'u eeggataniidha.

Nama konkolaataa balali'u keessa jiru

Damee geejjibaa kana to'achuuf tattaaffin qaamolee garaa garaa addunyaarraa taasifamu hunduu gaaffiileen haaraan addaa addaa akka dhiyaatuuf balbala baneera.

Gama kanaan warri lixaa duubatti harkifataa akka jiraniifi Chaayinaan carraa kanatti fayyadamuun duratti baatee akka mul'attuuf balbala banuufi himu gorsaa aviyeeshinii kan ta'an Istiiv Raayit.