Namni beelladaaf nahuu yoo danda'e namaafis nahuu danda'a jedheen amana- Feevan Mallasaa

Feeven Mallasaa yeroo saroota kunuunsitu

Madda suuraa, Feeven Mallasaa

Shamarreen kun yeroo waggaa lama ta'u keessatti saroonni jiruusaanii daandiiwwan magaalaa Finfinnee godhatan 800 ta'an namoonni ofitti fudhatanii akka jiraachisan akkasumas yaala akka argatan taasisuu himti.

Kana malees isheefii tola ooltonni waliin hojjetan saroota daandiirraa 70'f guyya guyyaan soorata dhiyeessaa akka turan kan himtu Feevan, sababa saroota daandiirraaf soorata laatteef yeroo sadi qaamolee nageenyaan hidhamuu himteerti.

Magaalaa Finfinnee keessatti dhalattee kan guddatte shamarree Feevan Mallasa, bineeldotaaf garaanshee nahuu akkasumas dararamni isaanii ishee quuquu kan eegale yeroo ijoollummaasheetti ture.

Adeemsa keessas yaada waggootaaf keessashee ture kana miidiyaa hawaasaatti fayyadamuun uummata biraan gahuu akka eegalte kan himtu shamarreen kun, waggoota torba darbaniif miidiyaa hawaasaatti fayyadamuun hubannoo hawaasni waa'ee mirga beelladootaafii bineeldotaarratti qabu guddisuuf hojjechaa turuu himti.

Waggoota shan durammoo fuula Feesbuukii 'Bineeldonnis Xiyyeeffannoo Barbaadu' (Animals Need Attention) jedhu banuun qabiyyeewwan mirga beelladootaafii bineeldotaa irratti xiyyeeffatan qooduu eegalte.

'Beelladoonni akkuma namaa miira qabu' kan jettu shamarreen kun, foon beelladootaa soorachuu erga dhiistees bubbuluu himti.

"Dhuunfaa kootti waan natti ulfaatuuf foon hin nyaadhu. Garuummoo namaan 'hin nyaatinaa' jedhee hinmormu. Akkan dhaadannoo qabadhee 'mirgi beeladootaa sarbameera' jedhu kanatti 'qalmi yaa dhaabbatu' hinjedhu" jetti.

Mirga bineeldotaaf sagalee ta'uu…

"Itoophiyaa keessatti beelladoonni xiyyeeffannoo argachaa hinjiran" kan jettu shamarree Feevan, kaayyoon sosochiishee inni guddaan bineeldonni hundi xiyyeeffannoo argatanii akka jiraatan hubannoo uumuu akka ta'e himti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kana malees beelladoota abbaa yookiin nama isaan kunuunsu dhabanii daandii gubbaa jiraatan namoonni ofitti fudhatanii akka guddisan gochuun hojii ijoo shamarree kanaa keessaa isa tokkodha.

Dabalataan hojiinkoo "kunneen beela'an nyaachisuu, yaalchisuu akkasumas wayita mirgi isaanii sarbamettimmoo mirga isaaniitiif sagalee ta'uudha" jetti.

Hojiinshee baay'inaan beelladoota dhiyeenyasheetti argaman kan akka saree, adurree, farda fi harree irratti xiyyeeffachuun akka hojjettu kan himtu Feevan, "baay'inaan garuu sareefi adurreen beelladoota dhiyeenya keenyatti nuwaliin jiraatan waan ta'aniif isaanirratti baay'inaan hojjenna" jetti.

"Faradoo fi harroonni oolmaan isaanii dagatamee abbaa isaaniitin gataman ni jiru. Iddoon jara kana itti tursiifnu jiraachuu baatus idduma jiranitti akka yalamaniif sochii ni taasifna' jechuunis himti.

Kana malees hawaasni beelladoota akka farda fi harree bifa miidhaa qabuun akka hinfayyadamnefii wayita tajaajila kennuu dadhabanittis baasee gatuurraa akka ofqusatu hojii hubannoo uumuu akka hojjettus dubbatti.

Gama biraatiin "Biyya keenya keessatti beelladoota nyaataman yookiin gatii maallaqaa qaban qofaafi kabajni kan jiru" kan jettu shamarree Feevan Mallasa, bineeldonni hundi kabajaafii kunuunsa argachuu akka qaban himti.

Hanqina hubannoo bal'aa…

Itoophiyaa keessatti ilaalchifii hubannoon hawaasni mirga bineeldootaaf qabu daran gadi aanaa ta'uu kan himtu shamarree Feevan, namoonni hedduun "Beelladoonni kan beela'an, kan dheebotan, kan dhukkubsatan akkasumas akka keenya miira kan qaban itti hinfakkaatu" jetti.

Namoonni beelladoota akka fardaafii harreetti fayyadamaa turanii wayita sadarkaa tajaajila kennuu hindandeenyerra gahan gadi baasanii gatuunis taatee baratamaa ta'uusaas kaasti.

Kana malees namoonni dhala namaafii bineeldota walbira qabanii kaasuun hojiishee akka qeeqan himuun kunis qormaatawwan ishee mudatan keessaa tokko ta'uu dubbatti.

"Biyya hiyyeettii namni beela'e itti jiru keessatti maaliif beelladaaf nyaata laatta? Mirgi namaa osoo hinkabajamin maaliif mirga beelladootaa jettanii iyyitu' jedhanii namaafii beellada waldorgomsiisuutu jira" jetti.

Kana malees mana beelladoota walitti qabde keessatti tursiistu kireeffachuuf wayita yaaltuttillee abbootiin qabeenyaa 'saroonni qe'ee keenya busheessu' jechuun mana itti kireessuu akka didan mudannooshee yaadachiifti.

Gama biraatiin hojii saroota daandii gubbaa sooruu hojjettuun yeroo sadi hidhamuushee kan himtu Feevan, 'qaamoleen (hojiikoo) kayyoo biraati jechuun hubatan jiru. Sababa sanaan yeroo garagaraatti hidhamneerra. Rakkoo walhubachuu dhabuuti. Nuti hojii gaarii hojjenna, garuummoo hiikaan achii nuuf kenname kanbiraa waan tureef sababa sanaan hidhamneerra" jette.

Dabalataan "ani nama siyaasaa miti garuummoo hojiinkoo gara siyaasaatti hiikamaa jira' ka jettu shamarreen tun, silaa osoo saroonni daandii gubbaa dawoon qophaa'eefii iddoo tokkotti walitti qabamaniifii akka maseenan taasifamee lakkoofsi saroota daandii gubbaa xiqqaachaa akka deemu himti.

Saroota Feevan mallasaa kunuunsitu

Madda suuraa, Feevan Mallasaa

"Namni beelladaaf nahuu yoo danda'e…"

"Namni beelladaaf nahuu yoo danda'e namaafis nahuu danda'a jedheen amana" kan jettu shamarreen mirga bineeldotaaf falmitu kun hawwiinshee gara fulduraa biyya mirgi bineeldotaa itti kabajamefii beelladoonni dararama irraa bilisa ta'anii itti jiraatan arguu akka ta'e himti.

"Namoonni saree ciisee yemmuu argan dhagaadhaan reebaa bira darban heddudha" kan jettu Feevan, 'beelladoota kunneen gargaaruu baannullee isaan miidhuurraa of yaa qusannu' jetti.

Kana malees dawoo fi hospitaalli beelladootaa gurguddaan ijaaramanii arguunis hawwiishee isa biraati.

Dabalataan seeronni mirga bineeldotaa eegsisuu dandeesisan bahanii haalaan hojiirra ooluu akk qabu himuun, "Silaa osoo seerri qabiinsa beelladaa keenya gaarii ta'ee beelladoota har'a daandiirratti agarru kunneen hin agarru ture" jechuunis dubbati.

Kana malees mirga bineeldootaa imaammata barnootaa keessa galchuun dhaloota hubannoo qabu uumuun akka barbaachisus dubbatti.

Dhumarrattis "Abjuunkoo inni guddaan Itoophiyaa lubbuun beelladootaa keessatti kabajame arguudha" kan jettu Feevan, sochii gama mirga beelladootaan taasisaa jirtu kana dhaabbata seera qabeessa gochuun hojjechuuf sochii taasisaa akka jirtus himteerti.