Leenci waraabessa rimaa yeeyyii irraa yeroo tiksu viidiyoon waraabame

Homaa leenca dhaltuu walii wajjin yaatu

Madda suuraa, BBC Studios

Amalli waraabessaa badaa hin mul'anne ija kaameeraa keessa galeera. Waraabessi rimaa yeeyyii irraa raqa hatuun fooliinsaa akka hin beeksifneef bishaan jala dhoksite.

Waraabessi rimaaTandaalaa jedhamtu kuni yeroo raqa kana fudhachuuf jettu gurmuun yeeyyii itti marsee gaafa hiraarsuun leenci dhufe.

Du'aa irratti wal lolaa turan lenci yoo fudhatu yeeyyiin sodaa leencaan gaafa bir'atu waraabessi rimaa sun jalaa baate.

Dokimintarii haaraa BBC'n bineeldota irratti qindeesseen amalooti bineensotaa adda tahe agarsiisaaf dhiyaata. Maatii bineensota walii diinaa foona sooratanii waggaa shaniif hordofuun dokimantariin kuni hojjetame.

Bineensoti kunneen yeroo miira gaddaafi gammachuu keessa galan, kiyyoo yeroo bu'an akkasumas haleellaan tasaafi lolli daangaa yeroo isaan mudatu agarsiisa.

''Fiilmiidhaan waan akkasii barreesinee dhiyeessuu hin dandeenyu, uumama qofatu jireenya akkasii barreessuu danda'a,'' jedhan qopheessaan olaanaa sagantichaa Maayik Gantoon.

Gareen sagantaa kana hojjete maatii bineensota afurii hordofe- qeerransa, waraabessa,yeeyyiifi leenca-jireenyi bineensota kanaa sulula Zaambiyaa Luwaangwaa jedhamu keessatti mul'ateera.

Daawwattoonni ilmoon leencaa erga dhalattee guyyaa shan yeroo ijashee banattu hanga jireenya bosonaa ajaa'ibaa yeroo yeeyyiin ilmaan isaanii afaan naachaa keessaa miliqsan faa mul'ata.

Bineensoti kanneen akka arbaafi jaldeessa fa'i fiilmii kana keessatti kan hammataman yoo tahu dokimantariin kuni Sar Deeviid Anteenborron seeneffame.

''Jiruufi jireenyi bineensota kunneen dorgommii waggoota miiliyoonaaf taasisaniin as gahe,'' jedhan qopheessituun sagantaalee kanaa Feelisiitii Laankaastar.''Amma namoonni kana jalaa geeddaraa jiru,'' jedhan.

Hojiin kuni madda odeeffannoo guddaa waan taheef hojjettoota sagantaan dabalataan qorattoonni saanyinsii dabaalamuun hojjetame.

''Dhiimma teessuma jireenyaa, nyaata, sochii, dhalootaafi du'arratti,'' odeeffannoo karaa biraan hin arganne hojii kanaan arganne jedhan Dr Maatiiw Beekar gorsaan saanynisii dokimantarii kanaafi hogganaan olaanaa dhaabbata eegumasa Zambia Carnivore Programme.

Nama waraabessaan viidiyoo waraabaa jiru

Madda suuraa, BBC Studios

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bineensoti foon sooratan kunneen balaan guddaan itti saaxilamanii jiran mandhee jireenyaa isaanii dhabuu yoo tahu, bineensoti isaan nyaachuu danda'an lakkoofsi isaanii hir'achuunis dhimma biraa yoo tahu sababa kanaan hosiiftonni gurguddoo saaxilamaniiru.

Dhibbaan kuni gurmii bineensotaa, nyaataafi mala balaa irraa of hambisuu irratti dhiibbaa uumeera. Taateen tokko bineensota dhibbaan lakkaa'aman biroo irratti dhiibbaa fida.

Taateewwan dokimantarii kanaan waraabaman keessaa tokko yeeyyiin bineensota kaaniin erga qabameen booda miilasaa tokko dhabe.

Miidhamasaa qabatee yeroo gurmuusaa argatu isa simatanii nyaata isaaf qoodanii, irra deebiin adamsuu akka danda'utti isa gargaaran.

Dhaabbanni Zambia Carnivore Programme jedhamu seeraan ala adamoo taasifamu irratti hojjechuun dabalataan eegumsa bineensota kunneen irratti hojjeta.

Dr Beekar, ''dhumarratti bineensota kunneenin wal-qabatee dhimmi yaaddeessaa jiraatus, kan abdii namaa kennus jira,'' jedhan.