Paayileetiin ganna 19 addunyaa waliin gahuuf ka'e Antaartikaatti danqame

Ardii Antaarktikaa

Madda suuraa, Getty Images

Dargaggoon Ameerikaa xiyyaarasaa xiqqoodhaan ardii hunda waliin gahuuf ka'e odola Antaarktikaatti qabameera.

Kunis balaliisaa onlaayiniin namoota miiliyoona tokkoo oliin hordofamaa jiru boodatti akka harkifatu godheera.

Qondaaloti Chiilii Etaan Guwoo dargaggoo ganna 19 karoora balalii sobaa galche jechuun isa dhaabuu isaanii CBS miidiyaan michuu BBC gabaaseera.

Qilleensarratti karoora jalqabaa irraa maquunsaa ''akeekkachiisa danbii balalii'' nutti erge jedhe dhaabbanni Chiilii nageenya balalii to'atu General Directorate of Civil Aeronautics.

Etaan erga odola Kiing Joorji irratti qubateen booda gaaddisa seeraa jala akka turu taasifameera.

Kiing Joorji iddoo buufataaleen qorannoo keessa jiraniifi qorattoonni jiraatan yoo tahu Adoolessa keessa haalli qilleensaa isaa qorruu irra darbee ni cabbaa'a.

Xayyaarri Etaan Seesnaa 182 bantii kibbaa Chiilii Puuntaa Areenaas jedhamurraa balalii kan jalqabde yoo tahu gara odola qarqara Atlaantiik jirtutti balaliite.

Iddoo kana Chiiliin kan kooti yoo jettu maqaa mootii Ingilaand Kiing Joorji III mogga'e.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dargaggoon kunis buufata xiyyaaraa Teniente R. Marsh irratti qabame.

Akka abbaan alangaa Chiilii Kiristiyaan Kiristoos Rifoo jedhanitti Etaan hamma Puuntaa Areenaasitti akka balali'u malee achii darbuuf karoora balalii hin galchinee jechuun CBStti himan.

Dargaggoon kuni seera daangaa qilleensaa biyyattii lama cabsuun kan himatame yoo tahu, seera isa tokkoon hidhaan yeroo gabaabaa isa mudachuu mala.

Daareektarootiin Waliigalaa Aveeshinii Siviilii Chiilii, Etaan waliigaltee idil-addunyaa hariiroo ardii namni irratti hin qubanne Antarctic Treaty,cabsuu malas jedheera.

Etaan ergaa gaafa Roobii X irratti barreesseen ''lubbuun jira, waan haaraan yoo jiraate isini beeksisa,'' jedhe hordoftootasaan.

Etaan miidiyaa hawaasaa isaa irratti akka ibse xayyaarasaa Seesnaa kanaan ardii ja'an guyyoota140 waliin gahuu abdatee ture.

Xiyyaara Seesnaa kanaan ardii torban waliin gahuun paayilatii jalqabaa tahuufi Hospitaala Ijoollee Juud jedhamuuf sagantaa qorannoo dhukkuba kaansariif doolaara miiliyoona tokko walitti qabuu karoorsee ture.