Kooriyaan Kaabaa Raashiyaaf akka lolaniif loltoota erguufii amante

Kooriyaan Kaabaa yeroo jalqabaaf loltoonni ishee Raashiyaaf akka lolaniif erguu amante.

Gabaasa miidiyaa mootummaa biyyattii KCNA irratti, humni waraanaa biyyattii loltoonni isaanii humnoota Raashiyaa gargaaruun naannoo Kuurishiki ''guutummaatti bilisa baasan'' jechuun ibsan.

Ajajni kun kallattiin Kiim Jongi Aaniin akka kenname ibsaniiru.

Ibsi Piyoongiyaangi kun erga ajajaan waraana Raashiyaa Vaaleerii Gerasimoov ''gootummaa'' loltoota Kooriyaa Kaabaa ifatti jajanii dhagahame.

Moskoonis yeroo jalqabaafidha ifatti jiraachuu loltoota Kooriyaa Kaabaa kan ibsite.

Qondaalonni biyyoota lIxaa loltoota Kooriyaa Kaabaa gara 10,000 tahan Yuukireen loluuf ergaman keessaa 1,000 kan tahan ji'oota sadii keessatti ajjeefamuu himaniiru.

Gerasimovitti dabaluun Mooskoon guutummaatti naannoo Kuurishki deebistee to'annoo ishee jala galchiteetti jedhan.

Yuukireen naannoo kana to'attee kan turte tahus dubbii Moskoo kana garuu Yuukireen dhara jette.

Ibsa kenname hordofee US, amma waraana kakkaasuu isheef Kooriyaan Kaabaa itti gaafatamummaa isaa fudhatti jette.

Humni Tikaa Kooriyaa Kibbaa fi biyyoota Lixaa, Kooriyaan Kaabaa loltoota hedduu naannoo Kuurishki keessatti bobbaasuu ishee erga gabaasanii bubbulaniiru.

KCNA akka gabaasetti, Kooriyaan Kaabaa loltoota kan bobbaaste akkaataa waliigaltee biyyoonni lameen walii mallatteessaniini.

Kim Jon Aan miiidyaa biyyichaa irratti ''warri haqaaf lolan hundi goototaa fi kabaja biyya dhaloota isaaniiti'' jedhan.

Kooriyaan Kaabaa fi Raashiyaan Kuurishki keessatti ''michummaa fi obbolummaa isaanii agarsisianiiru'' jedhan.

Itti dabaluun ''michummaan keenya dhiigaan mirkanaa'e,'' ammas michummaa keenya guddisuuf karaa hundumaa hojjenna jedhan.

Kooriyaan Kaabaa ammas humna waraanaa Raashiyaa ni deeggarti jedhan.

Gabaasni KCNA erga waraanni Kuurishki xumuramee loltoonni Kooriyaa achi bobbafaman garam deemu kan ejdhu homaa hin ibsine.

Biyyattii deebi'uuf dhiisuus homaa hin jenne. Michummaan Putinii fi Kiim akkuma jabaachaa deemeen ji'a Onkoloolessaa keessa loltoonni Kooriyaa Kaabaa Raashiyaaf akka waraananiif bobbaafamuu gabaafame.

Gaggeesitoonni lameen yoo biyyi tokkoo isaanii weeraramte wal gargaaruuf waliigaltee waraanaa walii mallatteessaniiru.

Ogeessonni waraanaa akka jedhanitti loltoonni Kooriyaa Kaabaa ''humna addaa'' irraa tahan ''Storm Corps' jedhamuun waamaman waraana ammaayyaa'aaf qophaa'oo miti.

Komaanderri taankii duraanii Biriitish, Kolonel Hamiish de Bireeton, ''isaan kunneen loltoota leenjii guddaa hin qabne loltoota Raashiyaa wal hin hubanneen gaggeeffamanidha'' jedhan.

Ajajaan waraanaa Yuukireen Jeneraal Oleeksaander Siiriikii, adda waraanaatti loltoonni Kooriyaa Kaabaa rakkoo uumaa jiru jedhanii ture.

"Lakkoofsi isaanii baay'eedha. Loltoota akka malee qophii qabanii fi kaka'umsa qaban 11,000 hanga 12,000 tahanidha. Taaktikii Sooviyeet irratti hundaa'uun socho'u,'' jedhan.